Ulaagaa haaraa Viizaa Keeniyaa imala lammiilee Itoophiyaa fi biyyoota kaanii gufachiisaa jiru

Keeniyaan biyyoonni viizaan osoo hin barbaachisin bilisaan gara biyyashee akka seenan wayita ibsitetti ulaagaa kanammoo labsite

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaan biyyoonni viizaa malee bilisaan gara biyyashee akka seenuu danda'an wayita ibsitetti ulaagaa kanammoo labsite

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ji'oota dura lammiileen biyyoota Afrikaa Keeniyaa daawwachuuf viizaan isaan hin barbaachisu jedhanii erga labsanii dinqisiifannaa argatanii turan.

Edaa pirezidantichi ''viizaan hin barbaachisu'' jechuun wayita labsan ''viizaadhaaf kaffaltii hin gaafannu'' jechuu akka hin taane imaltoota Afrikaaf turee galeef.

Kanaan dura Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaarraa namoonni gara Keeniyaa imalan, buufata xiyyaaraa erga ga'anii booda paaspoortiisaaniirratti mallattoon erga godhamee booda, kaffaltii yookiin viizaan osoo hin barbaachisin ji'oota sadiif turuu danda'u.

Hojimaata kanaan fayyadamaa kan turan lammiileen Itoophiyaa fi kaanis osoo hin danqamin hojiif yookiin daawwannaaf gara biyya Baha Afrikaa kanaa seenanii bahaa turan.

Erga labsiin pirezidantichi Keeniyaan ''viizaarraa walaba ni taati,'' jechuun labsan hojiirra ooluu eegalee booda garuu namoonni hedduun baasii maallaqaaf akkasumas uggura imalaaf saaxilamaniiru.

Akkaataa labsii haarawa kanaan viizaan hafeera jedhamus, garuu imaltoonni eeyyama imalaa elektiroonikii (Elctronic Travel Authorization- ETA) jedhamu imallisaanii eegaluu guyyaa sadi dursuun aanga'oota mootummaa Keeniyaarraa argachuu qabu.

Hojimaati haaraan kun kaffaltii kanaan dura hin turre gaafachuun alatti, imaltoonni unka akka guutan ni gaafatamu.

Keessumaa ammoo eeyyama imalaa argachuuf kan gaafataman doolaara 30 kaffaluuf, tajaajilli kaardii kaffaltii sadarkaa idiladdunyaatti raawwatamu akkasiif oolu Itoophiyaa keessa waan hin jirreef lammiileen Itoophiyaa guddoo rakkatu.

Sababa kanaan imallisaanii kan gufatu baayyinaan lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraati.

Hojimaata haaraa kanaan rakkoo lammiilee Itoophiyaa mudataa jiru furuuf waan Imbasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru hojjetaa jiru gaafannaan ''sirreessuuf irratti hojjechaa jirra,'' jedhan.

Akka imbasichi jedhetti Itoophiyaa fi keeniyaan addatti bara 1966 waliigaltee mallatteessan qabu.

Ambasadarri Itoophiyaa mootummaa Keeniyaa waliin akkasumas karaa ministeera dhimma alaa yeroo gabaabaatti furuuf waliin hojjechaa jirra jedhan.

Haala imala gara Keeniyaa yeroo ammaa falmisiisaa ta'e ilaalchisuun muuxannoosaa kan qoode lammiin Zimbaabwee Adii'oo jedhamu Naayiroobii seenuuf wayita jedhu rakkoon akka isa mudatu yaadee hin beeku.

Bakka amma jiraatu Jarmanii irraa ka'ee wayita gara Keeniyaa imalu akkuma durii korojoosaa fe'atee bilisaan waan imalu itti fakkaatee ture, garuu dubbiin waan haaraadha.

Xiyyaara seenuun dura korojoosaa fe'achuuf wayita foddaa tajajila kana kennutti dhihaatu haala kanaan dura hin baratamneen Keeniyaa seenuuf eeyyama qabaachuu gaafatame.

''Imaluuf eeyyama na hin barbaachisu jedhee falmeen ture,'' jedha ga'eessi ganna 33 kun.

Akkuma namni kun jedheyyu torbeewwan muraasa dura Zimbaabwee dabalatee biyyoonni Afrikaa 40 ta'an lammiileensaanii viizaa malee Keeniyaa seenuu danda'u.

''Viizaa malee jechuun kaffaltii malee jechuu miti''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2024 irraa eegalee Keeniyaa seenuuf viizaan hin barbaachisu jedhamee wayita odeeffamu, gara biyyattii seenuun salphaa akka ta'ettin hubadhee ture jedha lammiin Zimbaabwee kun.

''Unka eeyyama imalaa guutummaasaa wayitan dubbisu viizaarraa bilisa kan jedhame kaffaltiirraa bilisa jechuu akka hin taanedha,'' jedhe.

Adii'oon doolaara 160 kaffalee imaluuf waan irraa eegamu guuttachuuf tattaafatus, eeyyami imalaa kun hanga isa qaqqabutti sa'atii hedduu waan fudhatuuf xiyyaarri isa darbeera.

Akkaataa qajeelfama imalaa haaraa kanaan imaltoonni gara Keeniyaatti imala eegaluu guyyaa sadi dursuun ETA argachuu qabu.

Eeyyami imalaa kun doolaara 30 kaffalchiisa, Keeniyaa keessa guyyoota 90f akka turan eeyyamas.

Imaltoonni eeyyama kana argachuuf odeeffannoo tikeetii isaanii fi Keeniyaatti bakka turuuf deeman galmeessuutu irraa eegama.

''Seerri haaraan kun nama akka kootii baayyee miidha. Imala nutti cimsa. Kanaan dura gara Keeniyaa seenuuf paaspoortii koo malee homaa narraa hin eegamu ture,'' jedhe Adii'oon.

Lammiin Keeniyaa abukaatoo imgireeshinii ta'an Deeviis Nyaagaa eeyyami imalaa mootummaan Keeniyaa eegale- ETA jedhamu kun ''maqaasaarraa kan hafe viizaarraa wanti adda godhu hin jiru,'' jedhan.

''Gama seeraan yoo ilaalame ETA fi viizaa gidduu adda addummaan hin jiru. Addaddummaansaa eeyyami viizaa paaspoortii irratti maxxanfamu hafuu qofa,'' jedhu.

Mootummaan Keeniyaa seera kana kan baaseef galii dabalataa argachuuf ta'uu mala.

Yeroo ammaa biyyoota hawaasa Baha Afrikaa jedhaman Dimokiraatik Koongoo, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaan alatti imalaan biyya kamirraayyuu gara Keeniyaa seenu doolaara 30 kaffala.

Hojimaata kanaan dura tureen lammiileen biyyoota muraasaa doolaara 50 kaffaluun gara biyyattii galanii ba'aniif eeyyama argachaa turan.

Seerri mootummaan Keeniyaa galii dabalataa argachuuf raggaasise kun garuu daawwattoota gara biyyattii seenan ofirraa fageessuun gatii ishee kaffalchiisuu akka danda'u sodaatama.

Nama paaspoortii qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Fakkeenyaaf Ruwaandaan lammiilee biyyoota Afrikaa hundaa viizaa fi kaffaltii malee simatti.

Kunimmoo lakkoofsi namoota biyyattii daawwatanii dhibbeentaa 14n akka dabalu taasisuu ibsitee turte.

Ogeessi diinagdee Antonii Maabyaangee ''daawwattootaa fi daldala harkisuuf tajaajila imalaa hawwataa fi ariifataa taasisuun murteessaadha,'' jedha.

Akka ogeessi kun jedhanitti imaltoonni eeyyama imalaa akka argatan gaafatamuun diinagdee Keeniyaa yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti miidhuu danda'a.

Aanga'aa olaanaan mootummaa Keeniyaa tokko eeyyami imalaa kan gaafatamuuf nageenyummaa biyyattii mirkaneessuuf jechuun BBCtti himan.

Pirees Sekreetariin mootummaa Keeniyaa Saaliim Saawaalee ''yeroo ammaa shororkeessummaan yaaddoo addunyaa guutuuti. Kanaafuu kan gara Keeniyaa seenu hunduu Keeniyaaf yaaddoo kan hin taane ta'uu karaan itti mirkaneessinu nu barbaachisa,'' jedhan.

Seerri haaraan kun akkuma barataamaa deemuun imaltootaaf salphaa ta'aa akka deemuu fi yeroo dheeraa keessatti lakkoofsa daawwattootaa akka guddisu mootummaan Keeniyaa tilmaamuu himan qondaalli kun.

Dubbi himaan mootummaa Keeniyaa Ayizaak Maayiguwaa ''seera haaraa eeyyama imalaa -ETA gaafatu yeroof rakkoon mudatus yeroo keessa hojimaatisaa akkaan si'ataa ta'aa deema jedhan.

Guyyoota 30 darban eeyyami imalaa kuma 60 caalu kennamuu kan ibsan qondaalli kun, hojimaati haaraan mootummaan Keeniyaa diriirse kun guyyaatti namoota 5000 keessummeessuu danda'a jedhan.

Ardii Afrikaa keessatti seerri viizaa cimaa ta'e hojiirra ooluun, biyyoonni ardittii keessa jiran haala salphaan akka walitti hin deemne gufuu ta'eera.

Liibiyaa, Sudaan, Ikuwaatooriyaal Giinii, Ertiraa, Sudaan Kibbaa fi Masriin biyyoota seera viizaa cimaa qabaniidha.