Keeniyaan namoota Afriikaarraa dhufan viizaa malee simachuuf

Nama paasportii qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyam Ruuttoon biyyisaanii Keeniyaan dhuma bara kanaarraa kaasee namoota Afriikaarraa dhufan hunda viizaa akka hin gaafanne himan.

‘‘Yeroon kun walii walii keenyarra dhorkaa viizaa kaa'uun ofumaan ofirratti hojjechuu akka ta'e yeroo itti hubannedha,’’ jedhan wayita konfaransii idil-addunyaarratti dubbatanitti.

Ardittii keessatti imalawwan viizaa malee akka jiraatu taasisuun galma Gamtaa Afriikaa (AU) baroota dheeraa ture.

Waliigalteewwan naannooleefi qophiin biyyootala lama, lama ta'anii gidduusaaniitti qabaatan jiraatullee, imalli qabatamatti dhorkaa kana gara xiqqeessuutti taasifamu garuu boodatti harkifataadha.

Biyyoota akka Siishels, Gaambiyaafi Beeniin qofatu lammiilee Afriikaa hunda viisaa malee simata, akka gabaasa Gamtaa Afriikaan deeggarame bara 2022tti.

Akka Africa's Visa Openness Index kan biyya Afriikaa kam akka daawwattootaaf caalaa banaa ta’an madaaluutti, biyyoon Afriikaa baayyeen adeemsa seensaa salphaa taasisuuf yaalii gochaa jiru. Kanaanis biyyoonni muraasni dhorkaawwan turan kaasaa jiru.

Bara 2022 keessa Keeniyaan madaallii kanaan biyyoota 54 keessaa sadarkaa 31ffaa irra turte.

Pirezidantiin biyyattii Wiiliyam Ruuttoon hirmaattoota konfarasichaa Kongoo-Biraazaaviliitti argamaniin haalli jiruu bizinasiif badaa gaarii akka hin turre himan.

‘‘Ummannii imaluu yoo hin dandeenye, daldaltoonni imaluu yoo hin dandeenye, hojii uumtoonni (entrepreneurs) imaluu yoo hin dandenye, hundi keenyaa miidhamtoota taana.

"Mee akkas haa jedhu: Akka Keeniyaatti dhuma bara kanaatti lammiin biyya Afrikaa kamiituu Keeniyaa dhufudhaaf viizaa hin gaafataman,’’ wayita jedhanitti hirmaattoota walgahiicharraa gammachuu olaanaatu dhagahame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Ijoolleen keenya ardii kanaa daangaalee Awurooppaa keessatti itti cufamuun asi daangaalee Afriikaa keessattis itti cufamuu hin qabaatu.’’

Pirezidantichi haasaa kana kan dubbattan yaa’ii dureewwanii bosonawwan eegamoo (rainforests) addunyaa kanarratti agaraman gurguddaa eeguuf qophaa’eerratti ture.

Gamtaan Afriikaa (UN) bara 2016 keessa ture paasportii isaa ifa kan godhe. Yaadni paasporticha duubaas lammiilee Afriikaa hundi viizaa malee ardii guutuu keessa imaluu akka danda’an gochuudhaaf. Haata’u malee, hanga har’aatti baayyee itti hojjatamaa hin jiru.

Kunis gama tokkoon sababii yaaddoo nageenyaa, daddabarsa namootaafi dhiibbaa inni qaccarii biyya keessa irratti qabaatuuf jechadha.

Ammatti ulaagaawwan viisaa hunda dhiisuun baayyee fagoo yoo ta’e, gabaasni Visa Oppenness Index tarkaanfiiwwan gara biraa hedduu gorsa.

Kunneenis kaffaltii hir’isuu, dawwattoota Afrikaatiif viizaa erga gahanii kennuu ulaagaa godhachuufi sirna viizaa karaa interneetii (e-visa) nageenyummaan isaa eegame hojiirra oolchuu dabalata.