Pirezidaantota, biliyeenarootaa fi namoota beekamoo addunyaa hirriba dhorkaa kan jiru Jefirii Eppistiin eenyu?

Madda suuraa, US Department of Justice
Maqaan isaa guutuun Jeferii Ediwaard Eppistiin jedhama. Amajji 20 bara 1953 Ameerikaa Biruukiliinitti dhalatee, Hagayya bara 2019 du'e. Umurii isaa wagga 66 jiraate keessatti hojii garagaraa hojjeteera. Barsiisaa ta'eera; hojjetaa faayinaansii ta'eera.
Garuu kan ittiin beekamee maqaan isaa addunyaa waliin gahe ogummaa isaa Kanaan miti; yakka fokkuu maqaa namoota bebbeekamoo addunyaa kanaa waliin walqabatee ka'uun beekame.
Bara 2005 Filooriidaatti poolisiin yakka saalqunnamtiifi miidhaa Kanaan walqabatan, akkasumas namoota daddabarsuufi shamarran umuriin isaanii xixiqqaa ta'an dabalatee gocha saalqunnamtiif adamsuun shakkee qorannoo irratti jalqabe.
Erga Hagayya 2019 mana hidhaa keessatti du'ees dhimmi nama kana waliin walqabatan hin dune, innumaattuu bulee kan caalu bahaa dhufe.
Bara 2011 gaaffiifi deebii New York Post waliin taasiserratti "ani nama [adamsee] miidhaa saalqunnamtii raawwachuun yakkamaa ta'e osoo hin taane namuma balleessaa [wayii] raawwatedha," jechuun dubbate.
Jefirii Eppistiin gaaffiifi deebii taasise sanarratti ibsa 'sexual predator' fi 'offender' kan jedhu gidduu garaagarummaan jiraachuu ibsuun yakkamaa saalqunnamtii akka hin ta'iin dubbateera.
"Namni nama ajjeesee fi daabboo hate garaagarummaa qaba," jechuun New York Post'tti dubbate.
Ebbistiin saalqunnamtiif namoota daddabarsuufi namaan daldaluun himatamee gaaffii wabii dhiyeessee fudhatamuufiif didee osooma hidhaa jiru du'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shamarran ol adeemoo ta'an dalddala saalqunnamtiif dabarsuun (sex offender) kan jedhuun shakkamee qoratmaa tureera.
"Neetiwoorkiifi kiyyoo [adamoo] bal'aa" gocha daldala saalqunnamtii kanaaf diriirseen himatameera.
Inni garuu balleessaa hin qabu jechuun waakkachaa ture.
Sadaasa 2025 Manni-maree Kongirasii Ameerikaa lamaan sanadawwan Eppistiin ummataaf akka ifa ta'u murtee dabarse.
Murteen kun Labsii Iftoomina Faa'elawwan Eppistiin 'Epstein Files Transparency Act' jedhama.
Waajirri Haqaa Ameerikaas sanadoonni kunneen akka ifa baafaman ajaja dabarse.
Sanadoonni kunneen yero ifa baafaman ammo akkaataa namoonni barbaadanii argachuu danda'aniifi kompiitaraan/bilbilawwanirratti fe'amuu danda'aaniin akka ta'u ajajameera.
Erga faayilawwan Eppistiini fa godhamuu jalqabanii kaasee ijoo dubbii miiidyaalee addunyaa ta'eera.
Sanada kanaan walqabsiisanii namoota siyaasaa bebbeekamoo, abbootii qabeenyaa, namoota bebbeekamoo fi warra dhiibbaa uuman saaxilaa jiru.
Hanga ammaallee sanadoonni ifa hin ba'iin jiran ni jiru. Sanadoonni fuula kumaan lakkaa'aman marsariitiiwwan namoonni argachuu danda'anirratti ba'uu itti fufaniiru.
Yeroo tokko ogeessa faayinaansiis kan ture Eppistiin waliin namoonni hariiroo qabaataa turan maqaan isaanii tarreeffamaa jira.
Sanadoonni jalqaba Muddee gadhiifaman suuraawwan isa dura hin argamiin qabataniiru.
Manneen Odola dhuunfaa Eppistiin keessatti suuraawwan ka'aman keessatti argamu.
Suuraawwan kanneen irratti maneen fincaaniifi maaskiin fuula ittiin haguuggatan baayyeen ni mul'atu.

Madda suuraa, Getty Images
Eppistiin barsiisaa Herregaa fi Fiiziksiirraa ka'e
Niiwu Yoorkitti dhalatee kan guddate Eppistiin baroota 1970oota keessaa kaasee mana-barumsaa Daalten keessatti barsiisaa Herregaa fi Fiiziksii ture.
Abbootii barattootaa keessaa tokko dandeettii Eppistiin ajaa'insiifachuun carraa addaa tokko isaaf uume.
Wiirtuu maallaqa addunyaa kan ta'e New York Wall Street keessatti baankota argaman keessaa itti gaafatamaa tokkoo waliin carraa wal barachuu argate.
Baankicha keessatti gargaaraa ta'ee waggoota afuriif erga hojjeteen booda dhaabbata mataasaa 'J Epstein and Co.' jedhamu hundeeffate.
Dhaabbanni kunis qabeenya sooreyyii dolaara biliyoona tokkoo ol qaban bulchuudhaan milkaa'aa ta'e.
Mana-jireenya aisaa qananii Filooriidaatti argamu, mana Niiwu Meksiikootti ijaarsise, akkasumas mana jireenyaasaa keessatti namoota bebbeekamoo, artistoota, akkasumas namoota siyaasaa waliin wal arguu jalqabe.
Manni isaa Niiwu Yoorkitti argamu manneen jireenyaa dhuunfaa magaalattii keessatti argaman keessaa isa guddicha akka ta'e himama.
Pirezidant Tiraamp bara 2002 gaaffiifi deebii barruu New York waliin taasiseen, "Jeefrin waggoota 15fan beeka. Nama ajaa'ibaati" jedhe.
"Isa waliin ta'uun nama bashannansiisa. Akkuma koo dubartoota babbareedoo akka jaallatus ni himamaaf. Dubartoonni baayyeen ammoo warra reefuu guddataa jiranidha. Jefiriin akka jireenya isaatti baayyee gammadu gaaffii hin qabu," jechuun isaa gabaafameera.
Pirezidaantichi gaaffiifi deebii booda kenneen hariiroo inni Eppistiin waliin qabu gara dhuma 2000 addaan cituu ibseera.
Kun ammoo osoo Eppistiin yeroo jalqabaatiif hin hidhamiin duradha.
Tiraamp Eppistiin waliin walqabsiisee yakka tokko keessattillee akka hin hirmaatiin irra deddeebiin dubbateera.
Eppistiin "gocha fokkisaafi qaanessaa dubartootarratti raawwaturraan kan ka'e" waggootaan dura Tiraamp kilaba isaa keessaa akka ari'e Waayit Haawus beeksiseera.
Namoonni bebbeekamoon sanadoota Eppistiin keessatti maqaan isaanii eerame baayyeedha. Maqaan isaanii ka'uun garuu dogoggora ykn yakka ta'e kallattiin raawwachuu isaanii kan agarsiisu miti.
Bara 2002 keessa pirezidantiin duraanii Ameerikaa Biil Kiliintan, taatoo Keeven Ispeesii fi Kiriis Taaker jeettii dhuunfaa Eppistiniin gara Afrikaatti imalanii turan.
Bara 2003 himannaawwan haleellaa saalqunnamtii kan irratti dhiyaate piroduusara fiilmii Harvii Weeyinistaayin waliin ta'uun Barruu New York bitachuuf yaaleera. Baruma sana Yunivarsiitii Harvaardiif dolaara milyoona 30 arjoomeera.
Sanadoonni dabalataa hedduun waa'ee yakkamaa saal-qunamtii Jeefirii Eppistiin ifa ba'uu hordofee namoonni siyaasaafi bebbeekamoon Ameerikaan alatti biyyoota addunyaa biroorraas maqaan isaanii ka'aa jira.
Namoonni siyaasaa Yunaayitid Kingidam fi Noorway amma dhimma kanaan walqabatee raafama keessa jiru.
Sanadoonni Eppistiin dabalataa ifa ba'uu hordofee bakka bu'aan ummataa Yunaayitid KingidamLoord Piitar Maandelsan Labar Paartii keessaa gadhiiseera.
Sanadoonni kunneen Eppistiin waliin hariiroo qabaachuu isaa eeruu hordofee "qaanii dabalataa uumuurra" jechuun Paarticha keessaa of baasuu ibse.
Loord Piitar Maandelsan bara darbe Ameerikaatti ambaasaaddarummaa kan ka'eef hariiroo Eppistiin waliin qaba tureenidha.
Eppistiin bara 2003 hanga 2004tti yeroo garagaraa sadii Loord Maandelsaniif dolaara 75,000 kennuun ibsameera.

Madda suuraa, Getty Images
Intalli mootii Nooraway Meetee-Maariit maqaan ishee si'a dhibba tokkoo ol sanadii Eppistiin kana keessatti ka'uu hordofee gochishee "dorgora kan turedha" jettetti.
Intalli mootii Noorway Meetee-Maariit iimeeliiwwan Eppistiin waliin waliif deddeebisan ifa ba'uu hordofee namoota siyaasaa Noorway biratti ijoo dubbii ta'eera.
"Gochi kiyya dogoggora ture. Eppistiin waliin hariiroo kamiyyu gochuu kootiif gaabbeera, waan nama qaanessudha," jetteetti.
Miidhamtoota Eppistiin miidhaa irraan gaheef, "gadda guddaan qabu nan ibsadha, isaan waliin nan dhaabadha," jechuun dubbatte.
Sanadoonni Eppistiin iimeelii biliyeenarii addunyaa tokkoffaa Elon Maask taasifames ni mul'isu.
Eppistiin waliin walqabsiisee himanni kamiyyu kan irratti hin dhiyaatiin Maaks, kanaan dura Eppistiin gara Odola isaa deemee akka daawwatuuf gaafatullee akka hin fudhatiin dubbata.
Iimeeliiwwan amma gadhiifaman akka agarsiisanitti, Maask Odola Eppistiin daawwachuudhaaf yeroo tokkoo ol gaaffii dhiyeesseera.
Bara 2012 Maask ergaa Eppistiiniif ergeen, "qophiin[diggisiin] itti aanu kan gaggeeffamu guyyaa/halkan kamidha?" jechuun gaafata.
Eppistiin Mis Siwiidin Eevaa Handersan Duubiin waliin hariiroo jaalaa qaba ture.
Intala Roobert Maaksiwel Jeesleen Maaksiwel waliinis hariiroo jalalaa qabaatus gaa'ela waliin hin dhaabbanne.
Itti-gaaftamtuun duraanii Tifaanii and Co Roozaa Mookten, bara 2003 keessa gaaffiifi deebii Barruu 'Vaaniitii Feer' waliin taasifteen, "Eppistiin humna ittiin nama harkisu/hawwatu kan qabu, tapha jalqabuudhaaf kan itti hin ulfaannedha," jette.
"Eppistiin bareera jettanii yoo yaaddan yeroo hunda eenyummaa haaraa argattu. Eppistiin eenyummaa agarsiisuun alatti eenyumaa biro qaba," jechuun dubbatte.

Madda suuraa, Getty Images
Himatawwn Eppistiin irratti dhiyaatan
Eppistiin bara 2005 mana isaa Paalm Biichitti argamutti shamarre wagga 14 irra miidhaa geessisuun ibsamee himatame.
Poolisiin yeroo mana isaa sakatta'etti suuraawwan ijoollee durbaa ol adeemoo argate.
Akka gabaasa gaazexaan 'Maayaamii Heraald' baasetti, Eppistiin ijoollee durbaa ol adeemoorratti yakka akka malee isaanitti fayyadamuu kan jalqabe waggootaan duradha.
Itti-gaafatamaan poolisii Paalm Biich Maayikle Reeyiter, "Kunneen himatawwan jette jettee miti. Shamarran kan dubbachaa jiran waan wal fakkaatudha," jedheera.
Bara 2007 Barruu New York irratti barreeffama baaseen Maakil Wuulf, "dhimmoota dubartootaa icciitiin kan qabate miti," jedhee barreesseera.
"Gaaffiifi deebii yeroo tokko taasifneen, 'maal siin jedhu, shamarran ol adeemoon jaalladha' naan jedheera" jechuun dabalee hime.
Eppistiin himata sadarkaa federaalaatiin irratti dhiyaatu jalaa miliquun, himata umurii guutuu hidhaa adabsiisuun ji'oota 18 qofaaf akka hidhamu itti murtaa'eera.
Yeroo hiudhaa turetti guyyaatti sa'aatii 12f gara waajirasaa deemee akka hojjetu hayyamamaaf ture. Ji'oota 13 booda hidhaatii gadhiifameera.
Akka gabaasni Maayaamii Heeraald mul'isutti, abbaan alandaa federaalaa Aleksaander Askootaa Eppistiin yakkamaa ta'uusaa akka amanuuf waliigaltee taasifameen yakkawwan hojjete walumaagalatti ifa akka hin bane godheera. Sababa Kanaan, qorannoon FBI taasisaa ture addaan citeera.
Sababa Eppistiiniin namoonni miidhaan irra gahe, akkasumas namoonni gurguddoon Eppistiin waliin hariiroo qaban kan ifa ba'een ol ta'uu akka danda'u gabaasichi ni eera.
Abbaan alangaa dubbiiwwan qaanessaa ifa ba'aniin walqabatee bara 2019 hojiisaanii gadhiisaniiru.
Bara 2008 irraa kaasee Eppistiin Niiwu Yoork keessatti galmee warra miidhaa saalaa geessisan keessatti maqaan isaa sadarkaa sadaffaara kaa'ameera. Kun ammo dabalataa miidhaa saalaa geessisuu akka danda'u kan agarsiisudha.
Eppistiin yakka raawwateen erga itti murtaa'ees qabeenya isaa hin dhabne.
Shamarran Eppistiin himatan keessa tokko kan taate, Varjiiniyaa Roobertis akka jettetti, ilma mootii Andiriiw waliin saalqunnamtii akka raawwattu kan taasifamte yeroo umuriin ishee wagga 17 turedha.
Ilmi mootii Andirwu ammo himata kana waakkateera. Ishee waliin suura ka'uus akka hin yaadannellee ibseera.
Eppistiin Adoolessa 2019 kan hidhame jeettii dhuunfaatiin Paarisii wayita deebiyaa jirutti ture. Himatawwan irratti dhiyaate hundas hin raawwanne jechuun dubbateera.
Mirgi wabiisaa mana-murtiitiin erga kufaa ta'een booda Niiwu Yoork keessatti hidhamee tureera.
Erga hidhamee booda mormasaa akka dhukkube ibsullee, bulchiinsi mana hidhaafi abokaatonni isaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Dabalataaf erga mana-murtiitti dhiyaateen booda wagga tokkoof akka hidhamu eegamaa ture. Abbaan alangaas murteen kun akka turuusaa hin barbaadne ibseera.
Erga inni du'ee jaalalleen isaa duraanii Maaksweel ijoo dubbii taateetti.
Hagayya 2020 to'annoo jala kan oolfamtes Eppistiin waliin tumsuun himatamteeti. Bara 2021 himatawwan ja'a keessaa shaniin yakkamtuu jedhamtee hidhaan wagga 20 itti murtaa'e.
Oksifoorditti kan baratte Maaksiwel, Eppistiin Biil Kilintan fi ilma mootii Andiriiwu dabalatee namoota biro dhiibbaa uuman waliin akka wal bartu ishee gochuun isaa ibsameera.
Maaksiweel shamarran ol adeemoo fo'uun ['malammaluun'] kiyyoo yakka saalqunnamtii keessa akka galan gooteetti jedhamuun himatamteetti.












