Hakima ogummaa waldhaansaa dhiisuun gaazexeessaa ispoortii ta'en wal baraa

Madda suuraa, Brook Genene
Dr. Biruuk barnootasaatti qaxaleedha. Bu'aa bayii dheeraan booda ogummaa hakima namaatiin [medicine] eebbifame.
Hojii yaala fayyaa eegalus itti fufuu garuu hin dandeenye. Isa qofa osoo hin taane hiriyoonnisaa biroo ogummaa yaala fayyaarraa karaa jijjiirratan biroonis jiru. Dargaggeessi kun amma gaazexeessaa ispoortiiti.
Maaliif ogummaa ganna jahaa ol itti dhama'e akka dhiise turtii BBC waliin taasiseen ibseera.
Dr. Biruuk Gannanee jedhama. Dhalatee kan guddate Walloo Daseetti. Maatiis isaatiif ilma hangafaati. Hanga kutaa jahaatti Shawaa Bahaa Baatuutti barate. Sana booda ammoo Naannoo Amaaraa Bahaardaaritti M/B SOS'tti hanga kutaa saddetiitti hordofe.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Finfinnee St. Joseph'tti xumure. Barataan qaxaleen kun, matiinsaa sababa hojiif bakkaa bakkatti waan socho'aniif kutaalee biyyattii adda addaatti batate.
Sana booda Yunivarsiitii Finfinneetti Hospitaala Tuqur Ambassaatti barnoota fayyaa namaatiin (medicine) eebbifame. Ilmi adaadaasaa kan isaan waliin guddate yaala fayyaa namaa baratee hakima ta'e.
Biruuk (MD) yaada hakima ta'uu durbiisaa akka dhaale dubbata. Obboleettiinsaa qixisuunis hakima fayyaa namaati.
Yeroo mana barumsaa sadarkaa tokkooffaaf lammaffaa turetti sagantaa miinii miidiyaa irratti oduu ispoortii dhiyeessuu jaalata ture.
Yeroo barataa hakima fayyaa namaa (medicine) waggaa 3ffaa ture irraa eegalee dhimma ispoortiin walqabatan marsariitiiwwan gara garaa irratti tolaan gumaachaa ture.
Gaaxessummaa akka ogummaa dhaabbataatti shaakaluuf carraa argachuu isaatti yaada gaarii ta'us, ogummaa fayyaa namaa kan ganna dheeraa itti dhama'eefi yeroo ulfaatoo hedduu itti dabarse, irratti abdii kutee deemuun salphaa akka hin turre dubbata gaazexeessaan ammaa, hakimni kaleessaa kun.
Ammallee murteensaa sirrii ta'uu akka shakku hima. Ganna lama erga ogummaa gaazexeessummaa eegalee bodallee gara yaala fayyaa namaatti deebi'uuf yaalus akka hin milkoofne kaasa.
'Akkanaan itti fufnaan sirna fayyaa Itoophiyaaf balaa ta'uu mala'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hiriyoonnisaa lama waliin fayyaa namaa baratanii eebbifaman sababa dhibee kaansariitiin lubbuunsaanii darbuu gaddaan yaadata. Dhamaatiin ogeeyyii fayyaa Itoophiyaafi faayidaa akkasumas kunuunsi isaan argatan akka wal hin ginnes ibsa hakimni gaazexeessaa ta'e kun.
Kafaltii mindaa gadanaa cinaatti haalli hojii mijataan akka hin jiraanne dabalee ibsa. Isa qofa otoo hin taane hiriyoonnisaa biroon ogummaa fayyaa ganna dheeraa baratanii bahan dhiisuun ogummaa biraatti jijjiirrachuu, hojii mataasaanii hojjechuu fi biyya alaa deemuus kaasa.
Haalli kun akkanaan itti fufnaan sirna fayyaa Itoophiyaaf balaa ta'uu hima, Dr. Biruuk.
"Akkuma hundi keessan sirriitti beektan, barnoota fayyaa keessatti waggaan xumuraa yeroo shaakalaa (Internship) dha. Yeroo itti kaadhimamtonni doktarootaa gorsaa fi to'annoo haakimoota buleeyyii jalatti dhukkubsatoota yaalanidha.
"Yeroon mana barumsaa fayyaa keessatti dabarse bu'aa ba'ii hedduun kan guutame ta'us, dhukkubsattoota kutaa ciisichaa keessa jiran gargaaruufi furmaata isaan barbaadan kennuufiin baay'ee na gammachiisa ture,'' jedha.
Walitti dhufeenyaan yaalamtootasaa wajjin qabuuf iddoo guddaan akka kennu dubbata. Barri barnoota fayyaa ulfaatan sunis sababa qaba jedheen amanaa ture.
Innis yuunivarsiitii irraa eebbifamee ji'a tokko booda ture kan Itoophiyaatti namni dhibee Kooviid -19'n qabame jalqabaa ifoome. Sababa kanaanis akka biyyaalessatti hojiin hunduu dhaabbachuun namni hunduu akka mana turu labsame.
Achiin ''anis hojii malee mana turuufan dirqame. Yeroon mana ture sanattis, toora Youtube ofii kooti banachuun of eeggannoo yeroo Kooviid-19 fudhatamuu qabanii fi dhimmoota fayyaa sammuu barsiisuu" akka eegale ibsa Dr. Biruuk.

Madda suuraa, Brook Genene
"Mata dureen Xiinsammuu daa'imanniifi dargaggootaa kan ani baay'ee jaalladhuufi fuulduraaf qo'achuu barbaaduu turan. Ta'us garuu qabiyyeenkoo irra caalaansaa waa'ee kubbaa miilaa ture'' jedha.
Hiriyyootakoo deeggartoota kubbaa miilaafi gaazexeessitoota beebbekamoo tokko tokko waliin karaa Zoom marii gochuun haasawa keenyas YouTube irratti maxxansaan ture jedha.
''Irra jireessaan Tiwiitara irratti sochii gaarii gochaan ture. Akkasumas barreeffamoota kubbaa miilaa irratti xiyyeeffatan marsariitiiwwan biyya keessaafi idil-addunyaa adda addaa irratti barreessaan ture'' jedha Dr Biruuk.
Dabalaatanis, Fana FM 98.1 fi FM 97.1 irratti afeeramuun haala yeroon dhukkubaa ulfaataan kun itti ''ispoortii miidhuu fi namoonni itti sochii qaamaa barbaachisu mana isaanii keessatti hojjetan barsiisaan ture" jechuun attamiin hakima caala gara ispoortiitti luucceffachaa akka deeme ibsa.
"FBC sa'aatii oduu galgalaa irratti akkasumas sagantaa tamsaasa kallatti Rigooree jedhamu irratti mul'achuun xiinxala kiyya kennaan ture. Hojiiwwan kunneenis miidiyaa irratti hojjechuun karaa ittiin dhiibbaa uuman keessaa tokko ta'uu akkan hubadhu na taasise'' jedha.
Kanaafis, ''yeroo sanatti Portifoliyookoo qopheeffachuun jalqabe" jechuun hojiilee yeroo weerara Kooviid-19 gumaachaa ture dubbata.
Tibba Koronaan cimeetti hanqinni ogeeyyii fayyaa mudatee ture. Sababa kanaanis Ministeerri Fayyaa biiroolee fayyaa hundaaf xalayaa barreessuun ogeessota fayyaa haaraa eebbifaman bu'uura waliigaltee yerootiin akka qacaran gaafate.
''Anis, carraa ji'oota muraasaaf hospitaala dhunfaatti qacaramuu akkasumas, carraa dhaabbataan qacaramee hojjechuu argadheen ture. Garuu, filannoonkoo gaazexeessummaa ispoortiin itti fufuu fi piroojektiwwaan garaagaraa dhimma kanaan wal qabatan waan na harka turaniif hakima ta'ee hojjechuu dhiiseen gara gaazexeessummaatti dhufe.''
Gaazexeessummaan ispoortii yeroon M/B sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa ture kaasee oduu ispoortii qophii miinii miidiyaarratti dhiheessaan ture kan jedhu Dr Biruuk, yeroon barataa ogummaa fayyaa waggaa 3ffaa ture irraa eegalee walitti fufiinsaan barruulee marsariitiiwwan adda addaa irratti gumaachaan turuu kaasa.
''Garuu hojiin koo hundi hojii tola ooltummaa ture. Gaaxessummaa akkaa ogummaa dhaabbataatti akkan shaakaluuf carraan naa kennamuunsaa kun yaada gaarii ta'ee natti muldhatus, ogummaan argachuuf waggoota dheeraa baradheefi yeroo ulfaatoo hedduu itti dabarse, ogummaa fayyaarratti abdii kutee deemuun salphaa hin turre" jechuun haala ture ibsa.
'Sirna fayyaa biyya keenyaa keessatti hojjechuun hammam akka ulfaatu argeera'
Sirna fayyaa biyya keenyaa keessa hojjechuun hammam akka ulfaatu arguu dubbata.
Hiriyyoonnisaa ogeeyyii fayyaa maallaqa dhabuun rakkataniifi kanneen wal'aansa barbaachisaa ta'e argachuu waan hin dandeenyeef lubbuusaanii dhabanis arguu kaasa.
Gaaffii ogeeyyiin fayyaa gaafachaa jiran sirriidha kan jedhu Dr Biruuk, ''ogeeyyiin fayyaa hojii ulfaataa hojjechuun miindaa xiqqaa argatu. Yeroo baay'ee naannolee biyyattii hedduutti kaffaltiin sa'aatii dabalataa (duty) yeroon hin kaffalamu'' jedha.
Itti dabalunis, ''Kan baay'ee nama gaddisiisu ammoo ogeeyyiin fayyaa inshuraansii fayyaa hin qaban. Warreen hospitaalota dhuunfaa keessatti qacaraman hospitaalota itti lubbuu baraaruuf halkaniifi guyyaa hojjetan keessatti yaalamuu hin danda'an" jechuun rakkoo sirna fayyaafi ogeeyyii fayyaa ibsa.
"Erga eebbifamnee booda hiriyyoonnikoo kutaa tokkotti waliin baranne lama sababa dhibee Kaansariin du'aaniiru'' jedha.
Isaan keessaas isa tokko yaalchisuuf maallaqa walitti qabuuf duulli karaa miidiyaa hawaasaa bal'inaan geggeeffamaa ture. Ta'us lubbuusaa baraaruun hin danda'amne. ''Yeroo sanatti jireenyi dhala namaa baayʼee gabaabaa akka taʼen hubadhe'' jedha.
"Yoon har'a hojiin jaalladhu hojjechuuf murteessuu dhiisee bakka hojii itti gatiinkoo hin mul'annee fi dhiibbaa uumuu hin dandeenye keessa ture bor akkan gaabbuutu natti dhagaa'amaa ture.
''Hanga har'aa hojii ogummaa fayyaa dhiisee ba'uunkoo murtee sirrii ta'uunsaa na shakkisiisa. Garuu, filannoo hin qabun ture. Turtii waggaa lamaa boodas gara hojii yaala fayyaatti deebi'uuf yaaleen ture. Garuu, akka gatii hin qabne argeen dhiisuuf murteesse'' jedha.
Hojii ogummaa kana keessa turuun miidhamuufi gatii hin barbaachisne kaffaluun eenyuuf iyyuu hin ta'u kan jedhu Dr Biruuk, ammas ta'u ogeessota fayyaaf sagalee ta'uuf nan hojjedha" jechuun BBCtti hime.
Maaliif hakima ta'ura ogummaa biroo eegalan?
Hiriyyoonnisaa isa waliin yaala fayyaa namaa baratan "hedduun hojiiwwan garagaraa irratti bobba'anii hojjetaa jiru. Fakkeenyaaf, tokko akkuma eebbifameen pirojektii mataasaa hojjechuu jalqabe. Kanneen biroo muraasnis hojii dhuunfaa isaanii jalqabuun hojjechaa jiru. Hiriyyaankoo tokko weellisaa ta'e, kan biraan injinara sooftiweerii ta'e, kanneen biroos jiru" jechuun hakimoota yaala fayyaa dhiisuun hojii biraa filatan tarreessa.
"Akkasumas doktooronni ani beeku hedduun keessumaa kan waliin baranne, barnoota dabalataa (residency) biyya alaatti barachaa jiru. Kaan ammo sagantaa mastarsii fayyaa wajjin walqabatu barachaa jiru.
Biyyaa bahuun waan hamaadha jedhanii yaaduun sirrii miti kan jedhu Dr Biruuk, ''Akka sammuu barate godaanuu (brain drain) qofa ilaaluun sirrii miti. Doktooronni hedduun biyyoota biroo keessa osoo hojjetanii gumaacha guddaa gochuu danda'u.
Garuu ogeeyyiin dandeetti olaanaa qaban, ''ogummaa baay'ee jaalataniifi gatii itti kaffalan irratti abdii kutachuun baay'ee nama gaddisiisa jedheen yaada.''
Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo fi furmaanni barbaachisaan yoo kennamuu baatee waggoota muraasa dhufan keessatti miidhaa inni geessisu biyyi keenya ni argiti" jechuun yaaddoo qabu ibsa Dr. Biruuk.
Itoophiyaatti Inshuraansiin fayyaa, manni jireenyaafi gargaarsi geejibaa kennamuu akka qabaatu kan kaasuu Dr Biruuk, carraa barnoota dabalataan alattis bakki hojii mijataa fi sa'aatiin madaalawaa ta'e barbaachisaadha jedha.
''Yeroo baay'ee waa'ee mindaa gadaanaa dubbanna garuu ogeeyyiin fayyaa baay'een hojii argachuuf illee baay'ee rakkatu" jechuun yaada furmaataa akeeka doktarri gaazexeessaa ispoortii ta'e kun.
Digirii Meedikaalaa qabaachuun hojii kan biraa jijjiirtee hojjechuu yeroo barbaaddutti si fayyaduu dhiisuu danda'a. Hojii biraa jijjiirrachuu gaafa barbaaddu tokko jettee waa'eesaa barachuu qabda.
Ogeeyyiin fayyaa dandeettii namoota wallaanuu qofa baratu. kanaaf, ''digirii fayyaa qabaachuunkoo hangan qabatamaan qabiyyee fayyaa wajjin walqabatu irratti hojjechuu jalqabutti hojii gaazexeessummaakoo irratti waan guddaa naaf hin daballe" jechuun ibsa Dr. Biruuk.
Manni barumsaa fayyaa bu'aa ba'ii baay'ee qaba. Dhukkubsattoota gargaaruufi waan haaraa barachuun garuu nama gammachiisa. Sagantaan barnootaa boqonnaa hin qabne, yeroon qormaataa ulfaatoon waantota na hin gammachisneedha jedha.
''Barattoonni lakkoofsaan baay'ee waan ta'aniif barsiisonni keenya itti dhiyeenyaan nu hordofuufi nu gorsuuf baay'ee rakkisaadha. Waggaa sadaffaa yeroon baradhu gorsitoota tokko lama qaban ture, garuu baay'ee kan natti dhihoo ta'anii fi rakkoon keessa ture hubatan maqaa dhahuuf na rakkisa'' jedha.
Haata'u malee, gorsaan ofkennee hojjetu jijjiirama fida jedheen yaada kan jedhu Dr Biruuk, gaazexeessummaa keessatti garuu gorsitoota ciccimoo sirnaan na deeggaranan qaba ture jedha.
''Namoonni natti amananii akkan fooyya'uuf na gargaaran jiru. Garaagarummaan inni guddaan kana natti fakkaata" jechuun waan yeroo ogummaa fayyaa baratuufi erga gara gaazexeessummaatti dhufe arge wal bira qabuun ibsa.












