Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itoophiyaa weellisaa Asgee Dendashoo seera dura dhaabuufi

Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubrtoota Itoophiyaa weellisaa beekamaa maqaa waltajjii Asgee Dendashoo jedhamuun beekamu seera dura dhaabuun gaafatamaa gochuuf akka hojjetu beeksise.

Waldichi ibsa Roobii miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa baaseen weellisaa Asgenyew Ashikoo tibba kana dubartoota ilaalchisee yaadni miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodameen walqabatee isa himachuuf akka jedhu beeksise.

Weellisaa Asgeen tibba kana miidiyaa hawaasaa gubbaatti ''dubartii jaalalaan qabamte yoo na garsiiftan nama hin duune isinittin agarsiisa'' yoo jedhu dhagaahameera.

Dabaluunis "dubartii dhiira irraa kan feetu ga'umsa isaa (Qualification), Dhaabbiisaa ykn bifasaaa, fi dandeettii rakkoorraa ishee eguu yoo inni qabaatedha, kuni immoo jaalala hin jedhamu" jedheera.

Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itoophiya ibsasaa kanaan haasaa isaarraa kan ka'e ''dubartootarratti duulli jibbinsaa akka gaggeeffamu gochuu isaatiin hawaasni gaddeera'' jedhe.

Weellisaan kun amma dura weelluu dubartoota jajjabeessuuf aartistota biroo waliin hojjetame ''Yehager Kaasmaa'' jedhu irratti hirmaachuu isaatiin dubartootaaf deeggarsa qabu ibsuu isaaf akka dhaabbataatti beekamtii kenneefii akka ture waldichi yaadateera.

Ibsichi miidhaan dubartootaafi daa'imman irratti raawwatu ''yeroo dhaa yerootti dabalaa, bifasaa jijjiiraa, raawwiinsaas malaan guddachaa sadarkaa akkaan yaachisaarra gahee jira'' jedha ibsichi.

Yaadni namoota tokko tokkoon kennamu ammoo ''miidhaan dubartootarra gahu akka hammaatu gahee olaanaa baha'' jedheera.

Haasaan Asgenyew ( Asgee) dubartootni qaamaan, diinagdee fi barteewwan miidhaa qabaniin qaqqabanitti dabalataan dubartoota jumlaan farrajjuun miidhaan xiinsammuu akka irra gahu kan godheefi dubartoota hedduus kan dheekkamsiisedha jedha ibsichi.

Dubbiin weellisaa kanaa fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiin akkaan qoodamuun ''dubartootatti akka qoosamu kakaaseera'' jechuunis himateera.

Ija seeraanis yeroo ilaalamu mirga dubartootni heera biyyaan argatan kan kabajni isaanii eegamee akka jirataan labsu kan sarbe ta'uu ibseera.

''Haasaan kun labsii haasaa jibbinsaa fi oduu sobaa dhorkuuf bahe 1185/2012 keewwata 2(2), keewwata 4 fi 7 kan sarbee gaafatama seeraa kan hordofsiisudha.''

Bu'uura weellisaaa Asgeen ittiin himatamuu danda'u kan eere waldichi, namni kun seeraan akka gaafatamu waldichi akka hojjetu ibsaa, gocha raawwatame cimsinee balaaleffanna'' jedheera.

Gochaan har'a bira darbamu kun booda badii guddaa qaqqabuuf hiree uumas jechuun fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa yaada weellisichaa wal-harkaa fuudhuurraa akka of qusatan waamicha godheera.