Yugaandaan kana booda baqattoota Itoophiyaafi Ertiraa hin fudhu jette, sababni maali?

Madda suuraa, Minister of Relief
Yugaandaan kana booda baqattoota Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa dabalatee biyyoota amma waraana keessa hin jirrerraa gara biyyaisheetti baqatan akka hin fudhanne ibsite.
Mootummaan Yugaandaa lakkoofsi baqattoota biyyattii gara miliyoona lamaa ga'uu fi deeggarsi arjoomtootaa hir'achaa waan jiruuf, kana booda natti hin dhufinaa jetterti.
Ministeerri deeggarsaa, qophii balaa fi Baqattoota Yugaandaa mootummaan namoota biyyoota waraana keessa hin jirre irraa dhufaniif dahoo ta'uu dhaabera jedhan.
Murteen kun addatti baqattoota biyyoota yeroo ammaa waraana keessa hin jirre, akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa kan ilaalatuudhas jedheera.
Biyyattiin baqattoonni hedduun utuu walirraa hin cinne gara sanatti baqachuun lakkoofsi baqattootaa akka malee dabaluufi faallaa kanaa ammoo deeggarsi arjoomtotarra argamu yeroo yeroon hir'achuu hordofee biyyattiin murtoo kana akka fudhattu taasiseera akka ministirichi jedhanitti.
Ministeerri deeggarsaa, qophii balaa fi Baqattoota Yugaandaa kan ta'an Hilarii Oneek miidiyaa biyyattii Daayilii Moniitaritti akka himanitti, ''mootummaan baqattootaa warra kanaan dura dahoo argatan dubbatti akka hin deebisne himan.
Haa ta'uu malee, ''kanneen haaraa biyyoota eeraman irraa dhufan akka hin simanne qondaaltonni keenya qajeelfama kennaniiru," jedhan.
Akka ibsa ministeerichaatti murteen kun warra duraan Yugaandaa seenan hin ilaallatu. Baqattoonni biyyoota eeramani kunneenis biyyattii keessa jiran bakka jiranitti deeggara barbaachisaa argachuu kan itti fufan ta'uun ibsameera.
Yugaandaan waggaatti Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) irraa doolaara miiliyoona 240 argatti.
Haa ta'u malee, deeggarsi arjoomtootaa biyyattiin amma qabdu gara doolaara miiliyoona 100tti gadi bu'eera.
Bara kana ammoo doolaara miiliyoona 18 qofa ta'uu ministeerichi himaniiru.
Kunis lakkoofsi baqattootaa Yugaandaa keessatti yeroon dabalaa waan dhufeef, biyyittiin deeggarsa arjoomtoota irraa isaan keessummeessuuf argachaa turte xiqqaa ta'uu isaatiin hanqina qabeenyaafi tajaajilaa fiduun biyyattii dhiibbaa keessa galcheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis imaammata biyyattiin balbala ishee baqattootaaf banaa taasisuu kan cufu utuu hin taane,ammallee biyyoota michuu ishee waldhabdeen fi waraanni hamaan keessattii taasifamurraa fudhachuu akka itti fuftu biyyattiin kan ibsite.
Dabalataan Yugaandaan baqattoota biyyoota waraana keessa turanii amma haalli nagaa fi tasgabbiin gaariin akka jiru mirkaneessite akka gara biyya oisaanitti deebi'aniif biyyota kana waliin marii kan taasiftu ta'uunis himameera.
''Baqattootni as jiran gara biyya isaaniitti akka deebi'an taasisuuf biyyoota isaanii waliin mari'ataa jirraa'' jedhan ministirichi.
"Mootummoota sana waliin mari'achuu keenya akka waan dhimma biyyaa keessa seennetti kan fudhatanis jiru. Haa ta'u malee walee waliigalteen tokko tokko ni jiraata jennee waan yaadnuuf abdii hin kutannee jechuun dubbatan.
Garuu baqattoota biyyattii jiran deebisuuf biyyota lkamfaa waliin mari'ataa akka jiran hin ibsine.
"Lakkoofsi baqattootaa amma gara miliyoona lamaa ga'eera,guyyaa guyyaan dabalaa jira. Guyyaatti baqattoota DR Koongoo qofa irraa dhufan 100 hanga 200 ta'u.Sudaan Kibbaa nuti nagaa qabdi jennee yaadnu irraallee, baqattoota heddutu nutti yaa'aa jira'' jedhan qondaalli kun.
Kanaaf, mootummaanni biyyota lammileen hedduu achitti baqatanii mormii siyaasaa isaanii caalaa lammilee kanneen deebisuu irratti akka xiyyeefatan waamicha dhiyeessan.
Haaluma walfakaatuun Keeniyaan illee baqattootaa Itoophiyaa fi Ertiraa kooluugalan akka hin simanne ibsitee turte.
Haa ta'u malee dhadacha Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa har'a dhimma kana ilaaleen qajeelfamni kun akka hojirra hin oollee kufaa ta'eera.
Manni murtichaa mootummaan qajeelfama galmeessuu dhorkuu fi tajaajila ijoo koolu galtoota Ertiraa fi Itoophiyaa akka itti hin fufne baase hojiirra akka hin oolchine dhorkera jedhe.
Murtiin akkasii heera mootummaa qaamolee mirga namoomaa sarba waan ta'eefi akkuma duraatti itti fufuu qaba jechuun murtee dabarseera.












