Ashaaraan Magariisaa Itoophiyaa maaliif beekamtii idila addunyaa fedha?

Madda suuraa, Feesbuukii MM Abiy Ahimad
''Har'a barii Ashaaraa Magariisaatiin sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuuwwan dhaabuu jalqabsiifneerra. Waggaa torbaffaaf galmi keenya biqiltuuwwan miliyoona 700 dhaabuudha.
Waliin haa milkeessinu!''
Minisrira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Adoolessa 31, 2025 biqiltuu dhaabuu yeroo jalqabsiisan kana jedhan.
"Biqiltuu dhaabuun durillee inuma jira. Garuu akka inisheetiivitti kan lafaa kaase Dr. Abiy [MM Itoophiyaa]… fakkeenyaaf 'Guyyaa Dachee' [Earth Day] jalqaba Senaatara Ameerikaa tokkotu akka kabjamu lafaa kaase; amma akka addunyaatti kabajamaa jira.
Isaa booda ammoo UN fudhatee akka addunyaatti kabajamaa jira.
'Green Legacy'n [Ashaaraan Magariisaa] akka inisheetiivitti Ministira Muummichaatiin eegalame.
Hayilesillaaseenis dhaabaa ture biqiltuu; Mangistuunis dhaabaa ture; Malleenis(Melles Zeenaawwii) waa xiqqoo gadi sussuuqeera; nutuu akka Yunivarsiitii keenyaatti bara 2007 Sabbatarratti barattoota kuma 10 ol hirmaachifnee tabba tokkorratti kan dhaabne har'a bosonadha. Garuu tarsiimoon itti bahee bifa walitti fufinsa qabaatuufi hunduu ofitti fudhatee lafa qabsiisuun hin turre.
Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa MM Abiy Ahimad jalqaban biyya keessatti aadaa ta'uufi tarsiimoo lafa qabate ta'uurra darbee sochii biyyarra darbu ta'uu ibsu Piroofeesar Tashoomaa Sooromsaa Yunivarsiitii Finfinneetti qorataafi barsiisaa Wiirtuu Saayinsii Naannawaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara kana biqiltuu biliyooona 7.5 akka biyyaatti dhaabamuuf akka karoorfme kan kaasan Pirof. Tashoomaan, 2019 irraa kaasee inisheetiviin kun akka itti fufee gaggeeffamaa jiru kaasan.
Piroofeesar Tashoomaan 'Green Legacy' maqaa jedhu 'Aayaa Magariisa' kan jedhutti hiiku.
Kanaaf, Ashaaraa Magariisa ykn Aayaa Magariisa walii jijjiiruun fayyadamuun ni danda'ama.
Barbaachisummaan sochii Aayaa Magariisaa biyyarra darbee gara biyyoota ollaatti ce'aa jiraachuu kan kaasan hayyuun kun, hojii gaarii fakkeenyummaa qabu biyyi kun jalqabdedha waan ta'eef beekamtiin akka maluuf ibsu.
Sochii rakkoo yeroo ammaa addunyaa mudachaa jiru jijjiirama haala qilleensaafi isa waliin walqabatu dura dhaabbachuuf gargaaru wan ta'eef, Inisheetiviin Ashaaraa/Aayaa magarsiisaa kun Itoophiyaan alatti beekamtiin ni malaaf jedhu hayyuun Yunivarsiitii Finfinnee kun.
Jechaan qofa miti Pirof. Tashoomaan kan jedhan; hojiinis itti jiraachuu isaanii kan agarsiisu Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan itti jirtu kun akka sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiin kennamuuf barreessaa olaanaa dhaabbata Biyyoota Gatoomanii (UN)f xalayaa barreessaniiru.
Xalayaa mata-dureen isaa: Request for International Recognition of Green Legacy Day in Ethiopia' jedhu hayyuun kun Antooniyoo Guteereeziif barreessan, kaayyoo Inisheetivii kun itti hundeeffameefi kan UN dabalatee ajendaa idil-addunyaa dhimmoota jijjiirama haala qilleensaafi kunuunsa naannoo waliin kan deemu ta'uu ibsa.
Piroofeesar Tashoomaa sooromsaa xalayaa isaanii kana keessattis guyyaan har'aa (Adoolessa 31) Itoophiyaa keessatti Green Legacy Day jedhamee akka yaadatamus eeraniiru.
Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa kun siyaasa miti kan jedhan Pirof. Tashoomaan, dhimmi siyaasaa ittiin wal qeeqan ykn ceepha'an biroon waan jiraniif sochiin kun namni hunduu gahee keessaa qaba jedhanii amanu.
Akka isaan jedhanitti, biqiltuu dhaabuun amma Itoophiyaa keessatti ilaalcha siyaasaa, amantaa tokko malee kann dhaabbileen sivilii, hawaasaa, mootummaafi miti-mootummaa, akkasumas namoonni dhuunfaa keessatti qooda fudhatan ta'eera.
Sochiin waggaa torbaffaa keessa jiru kun bu'aa mul'atu buusaa jiraachuun isaa himamaa jira.
Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa bu'aa Inisheetivii Ashaaraa Magarisaa kana akkaataa lamaan ilaalu: akka nama qarumattii( ordinary person) tokkoofi akka qorataatti.
Waggaa baayyee dura yeroo barataa wagga jalqabaa ta'anii Yunivarsiitii Finfinnee seenan qorri Gaara Inxooxxaa baayyee cimaa ture. Akkasumas, qe'ee itti dhalatanitti dur qorri muka gogsa ture jedhu. Waggootaan booda garuu qorri sun badee bakkeewwan isaan kaasan kunneen lamaan qilleensa ho'aatti jijjiiramuu kaasu.
Haata'u malee, waggoota muraasaa as Finfinnee keessatti qorri akka duraan beekan sanatti deebiyaa jiraachuu kann bara kanaa kaasuun dubbatu.
Kana malees, qorannoo dhiyeenya gaggeessine jedhaniin haguuggiin bosonaa biyyattii %20 ol darbuu mirkaneeffataniiru.
Inisheetivii Ashaaraa Magariisaa (GLI) sagantaa guddaa Gaanfaa Afrikaafi isarra darbu keessatti lafa magariisa uffateefi hawaasa balaa dandamatu uumuu kaayyeeffatee hojjetudha jedha odeeffannoon fuula marsariitii dhaaba kanarraa argame.
Waggaa waggaan baadiyaaffi magaalaa keessati biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa'aman ni dhaabamu.
Ragaan GLI irraa arganne akka mul'isutti, sochiin kun erga jalqaamee akaakuuwwan biqiltoota gara garaa biliyoona 32 ta'an dhaabamaniiru.

Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa kun hanga maluuf hin himamne jedhama.
Marsariitiin DAILY SABAH mata-duree 'Carraaqqii Itoophiyaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasitu hin himamne' Untold story of Ethiopia's endeavor in combating climate change] jedhu jalatti milkaa'ina Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa ballinaan kaaseera.
Balaa jijjiiramni qilleensaa naannichaa waliigalatti, addatti ammoo Itiyoophiyaa keessatti fidu hubachuun hogganaan haaromsaa Itoophiyaa MM Abiy Ahimad sagantaa biyyoolessaa biqiltuu dhaabuu Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaa bara 2019 jalqabsiisan.
Waggaa jalqabaa Ityoophiyaatti biqiltuu guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 353 ol dhaabuun, akka waliigalaatti biqiltuuwwan adda addaa biliyoona afur ol dhaabuun danda'ameera.
Kun akka galma ga'uuf mootummaan waggaatti namoota miliyoona 25 ol ta'an guutuu biyyattiitti kakaasuun jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti miira itti gaafatamummaa waloo guddiseera jedha barreeffamni kun.
Bara 2019 irraa eegalee mootummaan Itiyoophiyaa waggaa waggaan biqiltuu dhaabuu itti fufeera. Sababa Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaa kanarraa kan ka'e uwwisni bosona biyyattii bara 2019 %17.2 ture bara 2023tti %23.6tti fooyya'uu kaasa barreeffamni DAILY SABAH kun.
Mootummaan Itoophiyaa, sochii Ashaaraa Magariisaa kana keessatti hawaasa dippilomaatii biyyattii keessa jiraniifi sababa gara garaatiin Itoophiyaa daawwatan dabalatee, kutaa hawaasaa hunda hirmaachisuurra darbee bu'aa isaa qaabsiseera.
Kana malees, tarkaanfiin kun dhimma biyyarra darbu ta'uu agarsiisuuf ollaa dabalatee biyyoota tokko tokkoof waggoota shaman daban keessa biqiltuuwwan biliyoona tokko qoodeera.
Ityoophiyaa keessatti sochiin Ashaaraa Magariisaa kun sirna ikkooloojii idileessuufi burqaafi bishaan lageen biyyattii keessa jiran gabbisuurratti, gammoojjummaa ittisuu, manca'iinsa naannoo hambisuuf, akkasumas bishaan lageen daangaa ce'anii kan akka Laga Abbayyaa itti fufsiisuuf gumaacha guddaa qaba.
Kana malees, hawaasni addunyaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Yaa'iin Dhaabbilee (CoP) hojii gaarii akkas dhala namaaf ta'u kana faayidaa walootiif jecha beekamtii kennuufiif feesisa jechuun ibsa barruun kun.
Dhaabbanni kunuunsaafi eegumsa naanoorratti jijjirama saffisaa fiduuf hojjetu Alliance Biodiversity & CIAT jedhamu bu'aa Inisheetiviiin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa argamsiisa ajirurratti qorannoo bal'aa gaggeesseera.
Inisheetiviin Aayaa Magariisaa lafa borqateefi dhirqame akka deebiyee gabbatuufi bu'a qabeessa ta'u godheera jedha.
Akka dhaabbanni kun jedhutti, lafti duraan qullaa ture bosona uffateera; margi margee bishaan burqeera.
Ragaa godinaalee Guraageefi Walaayitaa fudhatee qorannoo gadi fageenyaan hojjeteen sochiin kun [Inisheetivii Ashaaraa Magariisa Itoophiyaa] lafa duraan manca'ee ture deebiyee akka dandamatu gochuurratti kan fakeenyaan ka'udha jedheera.












