Itoophiyaan ganna kana duula biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfatte har'a eegalte

Madda suuraa, FBC
Itoophiyaan waggaa afur dura karoora 'Ashaaraa Magariisaa' jedhuun biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorsite bara kana xumurti.
Sagantaa baranaan biyyattiin biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf kan karoorfatte yoo ta'u, sagantaan kunas guyyaa har'aa (Waxabajjii 21, 2022) Ministirri Muummee Abiy Ahmad biqiltuu dhaabuun eegalsiisan.
Sagantaa marsaa afraffaan kun magaalaa Finfinnee Wiirtuu Biqiltootaa Gullallee (Gullalle Botanical garden)'tti eegalame.
Sagantaa kanarratti MM Abiy dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas qondaalli Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahamat argamaniiru.
Sagantaan 'Ashaaraa magariisaa' bara kanaa mata duree ''Ashaaraa magariisaa dhaloota itti aanuuf'' jedhuun gaggeeffamuu eegale.
Ministirri Muummee Abiy karoora 'Ashaaraa Magariisaa'' baran kanaa ilaachisuun ibsa baasna keessatti, biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf galmi waggaa afur dura qabame milkaa'aa jiraachuu eeran.
Ibsa isaanii kanaan Itoophiyaan rakkoo jijjiiirama qilleensaan daran miidhamaa jiraachuu kan eeran MM Abiy, kana qolachuuf karoorri 'Ashaaraa magariisaa' furmaata ijoodha jedhan.
''Sanyiin har'a facaasnu bor firii godhatee dhaloota itti aanutti akka darbu shakkii hin qabnu,'' jedhan.
Sochiin 'Ashaaraa magariisaa' kun jijjiirama qilleensaa addunyaaf yaaddoo ta'aa jiru qolachuu, faalama bishaan fi qilleensaa hambisuu fi biyyee gabbisuuf akkaan murteessaa ta'uu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan biyyoota hongeen miidhamaa jiran keessaa tokko ta'uusheetiin, ''iddoowwan gogiinsi itti mudatee fi kaan akka jiidhinsa argatanii fi dhiqamni biyyees akka hir'atuuf kutannoodhaan biyya keenya magariisa uwwisuu qabna,'' jedhan.
Erga karoorri 'Ashaaraa magariisaa' eegalee waggaa waggaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman biqiltuu dhaabaa jiraachuun milkaa'ina guddaadha kan jedhan MM Abiy, sagantaa kanaan walqabatee carraawwan hojii kuma 183 caalan kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti uumamuu ibsa isaan kana keessatti eeraniiru.
Kaka'umsa sagantaa 'Ashaaraa magariisaa' kanarratti mul'ate oomisha keessattis fiduudhaan bu'aa gudda argamsiisuun akka danda'amu eeran.
MM Abiy ibsa isaanii kana keessatti sagantaan kun biyyoota Afrikaa fi biyyoota addunyaaf barumsa kan ta'uudha jedhan.
Lammiileen biyyattii heddumminaan ba'uun biqiltuu dhaabuun ashaaraasaanii akka kaa'anis dhaaman.
MM Abiy biyyoonni Afrikaa sagantaa 'Ashaaraa magariisaa' keessatti akka hirmaatan kan dhaaman yoo ta'u, hawaasni addunyaas milkaa'ina sagantaa kanaaf ga'eesanii ba'uu akka qaban dhaaman.












