Itoophiyaan guyyaa tokkotti 'biqiltuu miiliyoona 566 ol dhaabuun rikardii ofii cabsite' - MM Abiy

Haadha daa'ima dugdatti baattee biqiltuu dhaabuuf jirtu

Madda suuraa, FDRE Government Communication Service

Ibsa waa'ee suuraa, Duula biqiltuu dhaabuu kana irratti lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa'aman hirmaataniiru

Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 566 ol dhaabuun rikardii ofumaan qabattee turte cabsite jechuun Ministeerri Muummee Abiy Ahimad himan.

Aangawooti biyyattii guyyaatti biqiltuu miiliyoona 500 akka dhaaban ibsuun ummata kakaasaa turan.

Bulchaan Itoophiyaa waggoota muraasa darbaniif duula biqiltuu dhaabuu dursaa jiran kuni biqiltuu miliyoona 566, kuma 971 fi 600'tu dhaabame jedhan.

Sochiin biqiltuu dhaabuu kuni yeroo sadarkaa addunyaatti sababa jijjiirama qilleensaan ho’i akkaan dabale jiru adeemsifamaa jira.

Biqiltuun Wixata Adoolessa 17, 2023 dhaabame kun lafa hektaara kuma 302 irrattidha jedhameera.

Hammi biqiltuu dhaabame jedhame kuni garuu qaama walabaan hin mirkanoofne.

Duula ganama sa’aatii 12 eegalee hanga galgala sa’aatii 12:00 ture kana irratti lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaa’aman hirmaataniiru.

Kuni sochii ‘Ashaaraa Magariisaa‘ Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waggoota afran darbaniif hammentaa bosona biyyattii bakkatti deebisuuf taasisaa jiranidha.

Duula baranaa kan adda godhu biqiltuuwwaniin ala ashaakiltiiwwan soorataaf oolan akka dhaabamanidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Duula kana irratti naannoleen hunduufi bulchiinsawwan magaalaa kan hirmaatan yoo ta'u, kutaan hawaasaa hundi deessuu daa'ima qabatte dabalatee irratti hirmaaataniiru.

MM Abiy Ahimad dabalatee, aanga'oonni olaanoo naannoleefi federaalaa duula biqiltuu dhaabuu kana irratti bal'inaan hirmaataa ooluun isaaniis gabaafameera.

Duulli biqiltuu dhaabuu kun naannoo Tigraay kan waggoota lamaan darban waraana keessa turte erga waliigalteen mallattaa'ee nagaatti deebiye keessattis bakka Af-yaa'iin Mana-maree Bakka Bu'uuta Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo argamanitti gaggeeffame.

Kana malees lakkoofsa biqiltuuwwan dhaabamanii kallattiin hordofuus akka dandeessisu wiirtuun hordoffii hundaa'uunsaas gabaafameera.

ALI bara 2011 guyyaatti biqiltuun miiliyoona 350 dhaabamuu aangawoonni Itoophiyaa ibsanii turan. Yaadi kuni garuu qaama walabaan hin mirkanoofne.

Yeroos aangawoonni lammiileen miiliyoona 20 duula sana irratti akka qooda fudhatan ibsaniiru.

Kanneen lakkoofsi biqiltuu dhaabame akkamiin beekama jedhanii gaafatan turani.

Ministirri Muummee Itoophiyaa ibsa gaafa Dilbataa baasaniin sochiin biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu "riikardii cabsuuf" kan kaayyeffatedha.

Biyyattiin hammi biqiltuu kuni guyyaatti yoo dhaabame Galmee Dinqisiisoo Addunyaa Giinas (Guinness World Records) irratti akka galmaa’u sochii yoo taasisti ta’e hin beekamu.

Akka dhaabbata kanaatti, bara 2016 biyya Hindii bulchiinsa Utaar Piraadeshitti guyyaatti biqiltuuwwan miiliyoona 50 dhaabamaniiru.

Biyyi Bahaa Afrikaa Itoophiyaan jalqaba jaarraa 20ffaatti hamma biyyattii keessaa 35% kan ta’u bosonaan kan uwwifame ture.

Hammi suni garuu bara 2000 keessa 4% xiqqooma akka caale jiru Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii ibseera.