Arsenaal Tootenhaam mo'atee Eezee fudhachuuf kan jedhuufi oduu jijjiirraa biroo

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal yaalii taphataa sarara gidduu Kiristaal Palaas Eberechii Eezee fudhachuuf taasisu cimsee itti fufuun waan barbaachisu dhiyeessuuf qophii ta'uu ibsaa jira.
Ze Gaanars taphataa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 27 ta'e kana kan ofii godhachuuf Tootenhaam Hotispariin kan mo'ataa jiru fakkaata.
Bireentifoord taphataasaa sarara duraa lammii Kaameruun Biriyaan Mibeemoo Maanchester Yunaayitidiif kennuuf Paawondii miliyoona 65 akka barbaadu ibse.
Maanchester Yunaayitid taphataa umuriin isaa waggaa 25 ta'e kanaaf kanaan dura Paawondii miliyoona 55 kennus Bireentifoord hin fudhatiin hafe.
Jifataan Ispoorting fi Siwiidin Viktor Giyookeresh karoorri gara Arsenaal deemuu milkaa'uu baannaan, ergisaan gara kilaba Awurooppaa biroo deemuuf hanga yeroon jijjiirraa dhumatutti obsaan eeguudhaaf qophii ta'uu hime.
Taphataan umuriin isaa waggaa 27 kun gara Arsenaal dhufuuf fedhii guddaa akka qabu irra deddeebiin ibsaa jira.
Taphataan sarara cinaa Ingilaand Jaaden Saanchoo miindaa Maanchester Yunaayitiditti amma isaaf kaffalamaa jiru hir'isee gara Juuventuus deemuuf fedhii akka qabu beeksise.
Haata'u malee, kilabiin Xaaliyaanii kun taphataa umurii waggaa 25 yeroo ammaa ergisaan Chelsiif taphataa jiru kana fudhachuuf ammatti qophaa'ee hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Notingihaam Forest taphataa sarara cinaa PSV fi Beeljiyeem Johaan Bakaayookoo fudhcahuuf fedhii akka qabu ibse.
Taphataan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun, bakka Antoonii Elaangaa kan umuriin isaa waggaa 23 ta'e gara Niwukasil Yunaayitid deemee bu'a jedhamee yaadama.
Maanchester Yunaayitid bu'uura waliigaltee ''deebistee natti gurgurtaa'' Elaangaa bara 2023 Notingihaam Foorest waliin taasiseen Paawondii milyoona 8 fudhachuuf.
Kun kan ta'e ammoo Forest taphataa kana akka waliigaletti Maanchester Yunaayitditti deebisee gurguruu dhiisee Niwukasil Yunaayitiditti waan dabarsee gurgureefidha.
Notingihaam Forest hiriyyaa taphataa lammii Beeljiyeem Bakaayookoo kan ta'e Maalik Fofaanaa akkuma kana fudhachuu barbaadaa jira.
Taphataa sarara cinaa umuriin isaa waggaa 20 kana waliin ganna kana maqaan Chelsiifi Baayer Muniik ka'aa jira.
Leenjisaan Aston Viilaa Unaayee Emirii taphataa sarara duraa Baarseloonaa Feraan Toores mallatteessifachuuf barbaadaa jira.
Kilabichi taphataa lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 25 ta'e kanaaf Paawondii miliyoona 43 kaffaluuf qophaa'eera.
Carraaqqiin Arsenaal taphataa sarara ittisaa Vaaleensiyaa Kiristaan Moskeeraa kan umuriin isaa waggaa 21 ta'e mallatteessifachuuf taasisaa jiru danqamaa jira.
Kun ammoo sababa kilabiin La Liigaa kun taphataa lammii Ispeen kanaaf Paawondii miliyoona 20 ol akka kaffalamuuf gaafateefi.

Madda suuraa, Getty Images
Baayer Muniik ejentii Kiristoofer Nikunkuu waliin dubbateera. Taphataan lammii Faransaay umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 27 ta'e kun Chelsiif taphachaa jira.
Naappooliin taphataa lammii Uraagaay umuriin isaa waggaa 26 ta'e yeroo ammaa Liiverpuul keessa taphacha ajiru Daarwiin Nuunez fudhachfuuf Paawondii miliyoona 42 dhiyeesseera.
Sanderlaand taphataa lammii Morookoo umuriin isaa waggaa 20 ta'e Shamsaddi Talbii kilaba biyya Beeljiyeem ta'e Kilab Birugaa fudhachuuf waliigaltee xumuruutti dhiyaacha ajira.
Atilaantaan taphataa sarara fuula duraa lammii Xaaliyaan Maatewoo Reteguuf Paawondii miliyoona 45.7 kilabiin Sa'ud Arabiyaa Al-Qadsihaa kenneef dideera. Atilaantaan taphataa umuriin isaa waggaa 26 ta'e kanaaf paawondii miliyoona 51.8 barbaada.
Everten karra eegaa Maark Tiraavers mallatteessifachuu babaada. Karra eegaan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 26 ta'e kun, egisaan Bornimaawozirraa gara Midilsbooroo deemuun gahumsa hawwatamu agarsiiseera.















