Injifannoon Adwaa akkamiin kabajamaa ture, ammaan booda ammoo akkamiin ta'uu qaba?

Bitootessa 1, 1896 ykn A LI Guraandhala 23 1888 lammileen Itoophiyaa golee afran irraa fardaafi lafoon bahanii Kaaba Itoophiyaa bakka Adwaa jedhamu irratti diina hidhannoo guddaan baar-gamaa dhufe qaanessuun seenaa addunyaan yoomiyyu yaadatu hojjetan.

Waraanni Itoophiyaafi Xaaliyaanota gidduutti geggeeffame kun seenaa Itoophiyaa keessatti taateewwan gurguddoo jedhaman keessaa tokkodha.

Kaayyoo Xaaliyaan Baha Afriikaatti koloniishee bal'ifachuuf qabdu fashalsuun injifannoo humnoota Awurooppaa irratti argamee ta'uun isaa naasuu guddaa uumee ture.

Waraana kanaaf sababa kan ture ammoo waliigaltee Waacaalee/Wucaalee yoo ta'u, keeyyata 17ffaarra wanti taa'e, Afaan Amaaraan 'Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu feetu karaa Xaaliyaan gochuu dandeessi' yoo jedhu, kan Afaan Xaaliyaan jiru garuu 'Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu feetu karaa Xaaliyaaniin gochuu qabdi' jedha ture.

Bulchiinsi Mootii Miniilikis, Jalqaba keeyyata kana hin fudhannu jedhani achiis waliigalticha guutummaan kuffisani.

Sana boodas Xaaliyaan loltoota bobbaasuu akka dandeessu waan shakkaniif qophaa'uu eegalani.

Sunis hin oolle, waraanni Xaaliyaan weeraraaf sochii eegale. Ummattoonni Itoophiyaas kallattii gara garaan qondaalota waraanaa naannoo isaaniin hogganamuun waamicha taasifameef dhaga'uun gara Kaabaatti duulani.

Akka seenaan himutti warra fardeenii 20,000 dabalatee loltoonni 100,000 hanga 120,000 sabaafi sab-lammooto Itoophiyaaa irraa babba'an waraana Adwaa irratti hirmaachuun injifannoo cululuqaa kana argamsiisaniiru.

Haata'u malee, akkaataan injifannoon waloo kun itti kabajamaa ture hirmaachisaa akka hin turre himama. Kana malees, seenaan gootota Injifannoo Adwaas hanga maluuf hin himamne kan jedhan jiru.

Ergaa Ayyaana Injifannoo Adwaa 127 baga geessanii dabarsaniin MM Itoophiyaa Abiy Ahmad, "sababiiwwan Ayyaana Injifannoo Adwaa olkaafnee akka kabajnu nugodhan hedduun jiraatanis sababiin inni guddaan injifannichi kan hunda keenyaa ta'uusaati," jedhan.

Ergaa isaanii kanaan naannawaa Itoophiyaa kamiyyuu yoo deeman bakki dureewwan injifannoo Adwaarratti hin hirmaanne itti argamu hin jiru kan jedhan MM Abiy, hundumtuu akka humnaafi dandeettii isaatti dhiigaafi dafqasaa dhangalaaseera; lafeefi foonsaa itti dhabeera; beekumsaafi dandeettiisaa gumaachuu kaasan.

Akkaataan kabaja Adwaa ilaalchisuun waan lamatu jira jedhan Ministirri Aadaafi Ispoortii Itoophiyaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa.

Isaanis warri ayyaana injifannoo kana qarqara dhaabbatanii ilaalaniifi warra ayyaa injifannoo kana akka kan qama/nama muraasaa godhanii kaasanidha jedhu aanga'aan kun.

Ayyaanni kun kan walooti kan jedhan Obbo Qajeelaan, injifannoon Adwaa hirmaannaa sabaafi sab-lamoota Itoophiyaa guutuu waan ta’eef qaamni tokko qophaatti adda ba’ee kan kabajatu osoo hin taane hunduu bakka tokkotti waloodhaan kan ayyaaneffatu ta'uu ibsan.

“Gootonni biyya kanaa keessatti qooda fudhachuun [injifannoo] dhufedha malee nama muraasaan ykn waan akka tasaa dhufe miti. Garuu seenaa darbe keessatti kan ol kaafamee himamu akka injifannoo nama tokkoo ykn namoota lamaa ta’eetti.

Akka waan [taamirriin] yookaan ammoo haala addaatiin namni tokko injifannoo kana galmeesseetti warri akkeekan ni jiru. Kun hin ta’u."

Injifannoo Adwaa kana keessatti gahee ol-aanaa kan qaban osoo jiranii gara-tokkotti jallisuun sirrii miti kan jedhan Obbo Qajeelaan, seenaan jiru ifa bahee hundumtuu injifannoo Adwaa keessaa akka qooda qabu beekamee akka kabajamu gochaa jiraachuu BBCtti himan.

MM Abiy ergaa baga geessanii isaanii keessati, " wayita Injifannoo Adwaa yaadannu qaamolee afur yaadachuutu nubarbaachisa. Hooggantoota duulichaa, duultota waraanaa, dugduubee waraanichaafi uummata bu’ura duultotaa ta’e.

Injifannoo akka Adwaa fiduufis humnoonni kunneen waliigalanii, qindaa’aniifi walhubatanii kaayyoo biyyoolessaa tokkoof hojjechuutu irra ture," jedhan.

Injifannoon Adwaa kan garee tokkoo miti, kan hundaati...

Aayyaanni Injifannoo Adwaa bara kanaa bifa hunda hammateefi sabaafi sab-lammoonni keessatti calaqqisaniin akka kabajame kaasaan Obbo Qajeelaan turtii BBC waliin taasisaniin.

Gaaffii mootummaan gahee mootiin Miniliik Injifannoo Adwaa keessatti qabu dhoksuuf yaala jechuun warri qeeqan jiru jedhuuf Obbo Qajeelaan, gahee Miniliik dhoksuun hin danda’amu jedhan.

Miniliik saa’iba warra Xaaliyaanii ture kan jedhan aanga'aan kun, dhimmoota waliin hojjechuuf irratti waliif galaniifi dantaa waliin qaban akka turellee ni yaadatu.

Kanaan dura injifannoon Adwaa bifa waalta’aa ta’een qooda sababaafi sab-lammoonni qaban mullisuun kabajamaa hin turre kan jedhan Obbo Qajeelaan, warri gara ofiif barbaadanitti haqaaquun garee bicuu/muraasa faarsaa turan jiraachuu ibsan. “Gareen kun miidiyaa, maallaqa qabu waan ta’eef seenaan daddabsaniiru.," jedhan.

Seenaan gara fuula duraatti bahee himamuu qabu akka jiraatu kan akeekan Obbo Qajeelaan, “maaltu ture, dogogoroota maaltu hojjetame, wanti gaariinis maaltu hojjetame? Kanneen jedhan wal bira qabamuun dhiyaachuu qaba,” jedhan.

Bara sanatti akka mootiitti kan ture isa waan ta’eef, “haa xiqqaatu, haa guddatus lola ture keessatti gahee ni qaba,” jechuun Minilikiin dhoksuun akka hin danda’amne kaasan.

“Akka mootii tokkootti ykn dursaa biyyaatti labseera garuu lola sana irratti murteessaa ta’ee adda waraanaa murteessoo turan irrati gaggeesse jechuu miti. Lola murteessaa kan gaggeessan janaraalota, qondaalota waraanaa sabaafi sab-lammoota irraa kallattii adda addaatiin loltootaafi namoota isaanii hiriirsanii dhufanidha.”

Bara sanatti humni waraanaa sadarkaa biyyaatti ijaaramee akka hin turre kaasuun, uummanni bakka bakkatti aadaa loluu ni qaba, akkasumas tooftaa lolaa ni beeka waan tureef lola sana isaanitu murteesse jedhan.

Qoodni Xaayituu Buxul qabdi tures ol aanaa ture kan jedhan Obbo Qajeelaan, tarree sadarkaa janaraalota waraanaa gurguddoo akka Gabayyoo Gurmuu, Baalchaa Abbaa Nabsoo, Mokonnon Guddisaafaattiyyu ilaalamuu dandeessi jedhan.

“Injifannoon Adwaa hirmaannaa Oromoo malee, kan Adiyyaa malee, kan Walaayitaa malee ykn sabaafi sab-lamootaa malee akka hin milkoofne beekamee seenaan dhugaa qoratamee bahee akka tikfamu; Ayyaanni Injifannoo kun ammoo kan waloo ta’ee kabajamuun tokkummaa biyyaa akka itichuu danda’utti mootummaan hojjechaa jira,” jedhan Ministirichi.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Seenaafi Aadaa kan ta'an Assooshiyeet Piroofeesar Taaddasaa Jaallaataa injifannoon Adwaa kanaan dura akka seenaa mootii yeroo sana tureetti ykn akka kan garee muraasaa ta’etti ilaalamaa ture jedhu.

Haata’u malee, seenaan dhugaa akka mul’isutti humna waraanaa kuma 100 ol ta’u adda waraanaa Adwaa irra akka tureefi kun ammoo Oromoo dabalatee sabaafi sab-lammoota adda addaa irraa akka duule ta'uu ibsan.

Janaraalota 11 keessaa 9 Oromootadha...

Janaraalota waraanaa Adwaa gaggeessan 11 keessaa 9 Oromoo akka turan kan himan Pirof. Taaddasaa Jaallataa, sabaafi sab-lammoota dabalatee gahee Oromoon waraanicha gaggeessun, miseensota waraanaa lafoofi fardaan Oromiyaa kallatti gara garaa irraa hiriirsuun gumaache daran guddaa ture jedhu hayyuun kun.

Gaheen ol-aanaan Oromoon qabu garuu wagga dheeraatiif akka hin barreeffamne kan himan Pirof Taaddasaan, seenaan waa’ee janaraalota Oromoo tokko tokkoyyu jallatee barreeffamuu isaa dubbatu.

Bakka itti dhalataniifi saba keessaa dhalatan ykn eenyummaa isaanii jijjiiranii seenaa barreessuutu mul’ata jedhu.

“Seenaatu dhokate malee Injifannoo Adwaa keessatti gumaacha ol aanaa kan qabu Oromoofi janaraalota Oromoo turan.

Baha Oromiyaa irraa Ras Mokonnin Guddisaa, Walloo irraa Ras Mikaa’el, giddu-galeessa irraa ammoo Baalchaa Abbaa-nabsoofi Gabayyoo Gurmuu, Lixa Oromiyaa irraa ammoo Fitawuraarii Takilee Shawaa Lixaafi Wallagga irraa loltoota lafoofi fardeen qabatanii warra dura Adwaatti duulanidha.

Karaa Kaabaanis Xaayituu Buxul dabalatee Oromoon dura hiriiruun diina warra cabsanidha.”

Dandeettiin waraanaafi hooggansi waraanaa adda ta’e janaraalonni Oromoo Adwaa irratti agarsiisuun diina cabsan ajaa’iba akka ture seenaan akka yaadatu dubbatu hayyuun Seenaafi Aadaa Pirof Taaddasaan.

Dabalataan humni fardeen Oromoo waraana Adwaa irratti diina sodaachisuufi cabsuu irratti mul’isanis kan raajeffatamu ture.

Garuu gaheen kun uummata Oromoo biratti akka malutti hin hubatamne kan jedhan Pirof Taaddasaan, seenaa dhugaafi sirriin hin dhiyaatiin turuu ibsan.

Adwaan seenaa gootummaa wagga 127 dura akaakileefi abaabileen keenya nutti agarsiisanidha kan jedhan hayyuun kun, "Adwaan ergaa tokkummaa nuuf dabarsu kan dhaloonni irraa baratan qaba.

Ergaa injifannoon Adwaa nuuf dabarsu keessaa tokko sabaafi sab-lammoonni Itoophiyaa hundumtuu biyya kana keessatti bu’aa walqixa akka buusan ta’uu isaati.

Sab-daneessummaan, af-daneessummaan, aad-daneessummaan biyya kana keessatti hundee tokkummaafi jabinaa akka ta’e nutti agarsiiseera. Kanaaf, dhaloonni ammaa kana hubachuu qaba."