Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adwaa: Seenaa gootummaa ilaalcha bara kolonii jijjiire
Guraandhala 23 1888 ALI, waraanni Itoophiyaafi Xaaliyaanota gidduutti geggeeffame, seenaa Itoophiyaa keessatti taateewwan gurguddoo jedhaman keessaa tokkodha.
Kaayyoo Xaaliyaan Baha Afriikaatti koloniishee bal'ifachuuf qabdu fashalsuun injifannoo humnoota Awurooppaa irratti argamee ta'uun isaa naasuu guddaa uumee ture.
Waraana kanaaf sababa kan ture ammoo waliigaltee Waacaalee/Wucaalee yoo ta'u, keeyyata 17ffaarra wanti taa'e, Afaan Amaaraan 'Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu feetu karaa Xaaliyaan gochuu dandeessi' yoo jedhu, kan Afaan Xaaliyaan jiru garuu 'Itoophiyaan walitti dhufeenya Awurooppaa waliin gochuu feetu karaa Xaaliyaaniin gochuu qabdi' jedha ture.
Bulchiinsi Mootii Miniilikis, Jalqaba keeyyata kana hin fudhannu jedhani achiis waliigalticha guutummaan kuffisani.
Sana boodas Xaaliyaan loltoota bobbaasuu akka dandeessu waan shakkaniif qophaa'uu eegalani.
Sunis hin oolle, waraanni Xaaliyaan weeraraaf sochii eegale. Ummattoonni Itoophiyaas waamicha Miniliik isaanii dhaga'uun gara Kaabaatti duulani.
Loltoota fardeenii 20,000 dabalatee namoonni 100,000 hanga 120,000 ta'an gara Adwaa yoo imalan, ka'umsi isaanii Finfinnee ture. Daandii km1000 olis miilaafi beeyiladootaan imaluu qabu ture.
Erga achi ga'anii boodas guyyaa mijataa eegaa turuun, Guraandhala 23, 1988, humna Awurooppaa loltoota 17,000 ol hiriirse waliin falmate.
Waraanni eegalee guyyaa walakkaatti, gootonni Itoophiyaa kallattii hundaan haleellaa raawwachuu isaaniitiin, waraanni Xaaliyaan wal-ta'uun loluu dadhabe.
Gama Xaaliyaaniin loltoonni kumaatamni yoo ajjeefaman, kumaatamni ammoo meeshaalee waraanaa gurguddoo waliin booji'amaniiru.
Waraana Xaaliyaan kan dursan keessaa Janaraal Albertooniin yoo booji'amu, Janaraal Baaraateerii nimiliqe.
Bu'aa waraana kanaa
Injifannoon kun walabummaa itoophiyaa kabachiisuurra darbee, baargamatti maqaa biyyatti ol kaasuu danda'eera.
Maqaan Itoophiyaas addunyaa irratti falmiiwwan gita bittaa jalaa ba'uuf taasifaman irratti irra deddeebiin akka ka'u taasisee jira.
Hundaa olitti garuu, waliigaltee Waacaalee/Wucaalee haquun waliigalteen Finfinnee kan walabummaa Itoophiyaa mirkaneessu Xaaliyaan akka mallatteessituuf sababa ta'ee jira.