Hidhattoonni Faannoo Aanaa Arxummaa Furseetti namoota 16 ajjeesan-Aanga'oota

Madda suuraa, Faayila keessaa kan fudhatamedha
Haleellaa hidhattoonni filxaaleyyii Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxummaa Furseetti bananiin yoo xiqqaate namootni 16 ajjeefamuu himame.
Bulchaan aanichaa Obbo Umar Mahaammad BBC’tti akka himanitti, haleellaa Dilbata darbe Onkololeessa 25, 2016 raawwatameen namoonni ajjeefamuu mirkaneessaniiru.
Hidhattoonni isaan “Finxaaleyyii Amaaraa” jedhaniin kunneen qotee bulaa aanaa Arxummaa Furseerratti waraana banuun miidhaan qaqqabuus himaniiru.
“Walitti bu’iinsi humna finxaaleyyii fi uummata keenya gidduutti uumamee ture. Rakkoo uumame kanammoo Raayyaan Ittisa Biyyaa gidduu seenee amma nageenya buusee jira” jedhan Obbo Umar haala amma naannichatti argamu yoo ibsan.
Dabalataanis lola Dilbata ganama tureen “kan madaa’es, kan du’es jira” kan jedhan angawaan kun, “uummanni keenya kan du’an jiru. Aanaa keenyarraa hanga nama 16’tu ajjeeffame. Kan madaa’an immoo gara nama 20 ta’u” jedhan.
Eenyummaa qaamolee haleellaa banan kanaa kan gaafanne bulchaan aanichaa kun, “finxaaleyyii Amaaraa kan sirna mootummaatiin walfalmaniidha. Qotee bulaa Amaaraa osoo hinta’iin finxaaleyyii Amaaraati,” jechuun ibsan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa dafee gidduu seenuun lola ture dhaabuu kan himan Bulchaan Aanaa Arxummaa Fursee Obbo Umar Mahaammad, wanti to’annoon ala ta’e akka hinjirres himaniiru.
Gama biratiin dhaabbanni mirgaaf falmu ‘Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association’ (OLLAA) ibsa miidiyaa haawaasaa isaarratti maxxanseen, dhukaasa hidhattoonni Faannoo bananiin namoonni gandoota aanaa Arxummaa Fursee keessa jiraatan 17 ajjeefamuu himeera.
Dhaabbatichi maqaa namoota ajjeefamaniiru jedhes kan eere yemmuu ta’u, mootummaan nageenya naannoo sana jiru akka eegsisuuf gaafate.
Yaaliin BBC’n dhimma kanarratti yaada hoggansa godinichaa akkasumas kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa argachuuf taasise hin milkoofne.
Walitti bu’iinsawwan fi rakkooleen nageenyaa biroo yeroo yeroon aanaalee godinoota naannoo Amaaraa lamaan: Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Shawaa Kaabaa keessatti uumamuun miidhaa lubbuu namaafi qabeenyarratti qaqqabuuf sababa ta’aa turuunsaanii ni yaadatama.












