Waraanni Oromiyaafi Amaaraatti gaggeeffamu nu yaaddesse jedhan biyyoonni Lixaa

Madda suuraa, EDF, SM, Getty Images
Waraanni naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti gaggeeffamu isaan yaaddesuu ibsuun akka dhaabatuuf biyyoonni Lixaa kanneen akka UK, Kanaadafi Awustiraaliyaa fa'aa waamicha dhiyeessan.
Waggaa tokkoffaa waliigalee nagaa Piritooriyaa ilaalchisuun biyyoonni kudhan ibsa har'a, Sadaasa 2, 2023 baasaniin naannolee Oromiyaafi Amaaratti walitti bu'iinsi gaggeeffamu "kan nama yaaddessuudha" jedhan.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF walii galtee Piritooriyaa waggaa har'aa mallatteessaniin Tigraayitti namoonni jireenya idileetti deebi'uu danda'uusaanifis biyyooni Lixaa kun ibsa baasaniin ajaa'ibsiifatan.
Garuummoo naannolee baay'ina uummata biyyattii harka guddaa qabatan lamaan: naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti walitti bu'iinsi itti fufe "haala yaaddessaarra jira" jedhan.
Naannoo Oromiyaa keessatti waggoota darabaniif humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti walitti bu'iinsi gaggeeffamaa ture ittifufee jira.
Godiinota naannoo Oromiyaa sochiin hidhattoota WBO itti heddummatu kanneen godiinota Lixa Oromiyaa, giddugaleessa, Kaabafi Gujii keessatti walitti bu'iinsa humnoota mootummaa waliin taasisaniin lubbuun namoota nagaa gaaga'amaa, qabeenyi hedduus manca'aa jira.
Bakkeewwan heddutti sochiin geejjibaa, diinagdee fa'aa danqamaa jira.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture waliigaltee Piritooriyaan furmaata argachuu hordofee naannoo Amaaraatti mootummaan humnoota addaa deebisee ijaaruf tarkaanfi fudhateen wal-qabatee naannicha keessatti diddaa mudateen naanichatti walitti bu'iinsi ittifufee jire.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labsuun hidhattoota Faannoo wajjin lolatti erga seenee ji'a afur guutee jira.
Naanichatti sababa walitti bu'iinsa kanaan sarbamni mirga namoomaa guddaan mudataa akka jiru Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa torbanuma kana ibsa baasee ture.
Naannolee lamaanuu, Oromiyaafi Amaaraa, keessatti walitti bu'iinsa hidhattootafi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun bakkeewwan heddutti sochiin idilee danqamee jira; namoonni heddus qe'eesaanirraa buqqa'uuf dirqamaniiru.
Waraanni kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf ture nagaan fala argachuunsaa akka isaan gammachise kan ibsan biyyoonni Lixaa, ibsa waloon baasaniin naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti ittifufuun garuu nu yaddesseera jedhan.
Qaamoleen wal-waraanutti jiran kun lubbuu lammiilee nagaaf eegumsa akka godhaniifi wal-dhabdeesaanii karaa nagaa mariin akka fixataniifis waamicha dhiyeessan.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF waliigaltee nagaa Piritooriyaa erga walii mallatteesanii waggaa guutera. Tigraayitti namoonni jireenya idileetti deebi'uu danda'aniiru.
Haa ta'u garuu namoonni bakkeewwan loltoota Ertiraafi humnoota Amaaraa jala jiranirraa buqqa'an miliyoona tokkoo ol ta'an qe'eesaanitti ammayyuu akka hin deebine bulchiinsi yeroo naannichaa ibse.












