Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin 'ajajaa Faannoo Goojjam' yakkaan shakkee barbaadaa ture, Zammana Kaase to'achuu beeksise
Yakkawwan garaa garaatiin shakkamuun barbaadamaa kan ture 'ajajaa Faannoo' kan ofiin jedhu Zammana Kaaseen to’atamu Komishiniin poolisii Naannoo Amaaraa beeksise.
Ajajaan hidhattootaa magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaaritti mana dhuunfaa ganda 03 argamu keessa to’atamuutu ibsame. Haata'u malee guyyaa itti to'ate poolisiin hin ibsine.
Poolisiin yakkawwan adda addaan shakkee akka isa barbaadaa ture ibseera.
Obbo Zammanan garee Fannoo Goojjam keessatti hundeessuun hojjataa akka turan gaaffii fi deebii kana dura BBC waliin taasisaniin himanii turan.
Hidhaan Zammana yeroo humnoonni Tigraayiifi waraanni federaalaa lola akka haaraatti eegalanii waraanni Ertiraa qooda fudhachaa jiraachuun ibsamutti dhagahame.
Waggaa darbe baatii Caamsaa keessa mootummaan federaalaa Naannoo Amaaraa waliin ta’un ‘namoota maqaa Faannoon seera maleessummaa babal’isan’ irratti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa ture.
Yeroos namoota miidiyaa gubbaa dalagan dabalatee kumaatamni to’atamuu naannichi beeksiseera.
Kanneen yeroos shakkaman keessaa 210 kan ta‘an yakka ajjeechaatiin shakkamanii kan himatamaniifi to’annoo seeraa jala osoo hin oolfamiin kan turanidha.
Poolisii naannichaatti itti-gaafatamaa I/Aanaan qorannoo tarsimoo Komaandar Kinde Waldee eeruudhaan miidiyaan naannichaa akka gabaaseetti, Zammana Kaaseen to’annoo jala oolfamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Obbo Zammana Kaaseen tibba turtii BBC walin taasisaniitti, wayita kana dura hidhattoota Tigraayii karaa Aqastaatiin naannoo Amaaraa irratti waraana bananii turaniitti hiriiruun waraaniiru.
Deeggarsi isaanii ijoo ummata ta’uufi ummanni Amaaraa of ijaaruu qaba jechuuniis BBC'tti dubbatanii turan.
Mootummaan qaamolee caasaa mootummaatiin alatti haala al-idIlee ta’een of gurmeessuun hidhannoon socho’an akka hidhannoo hiikan gochuuf tibba naannichatti sochii eegaleeti ture Obbo Zammana Kaasee dhokachuun kan himame.
Humnoonni Tigraay Naannoo Amaaraa gadhiisanii bahuu hordofee humnooti al-idilee hidhatanii socho’uufi yaaddoo nageenyaa uumuu MM Abiyyis paarlaamaatti ibsanii ture.
Naannichi '‘Faannoo isa sirrii kan bakka hin buune, maqaa Faannoon ijaaramanii badiiwwan garagaraa kan dalagan mootummaan akka hin obsine’’ ibsuun galmee meeshaa waraanaa eegaluu ibsee ture.
Poolisiin shakkamaan birrii kuma 541 fi igzibitiiwwan gara biraa waliin to’annoo seeraa jala oolfamu ibse.
Komaandar Kinduun shakkamaan seeraan barbaadamaa kan ture ta’u himuun, miseensoota hawaasaa akka to’atamuuf poolisii waliin ta’aniif galata galchaniiru.
Baatii jaha dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga mallattaa'e booda Kaaba Itoophiyaatti hamma tokko nagaan bu'ee ture.
Haata'u malee, waraana baatii tokko dura akka haaraatti eegaleen lolli adeemsifamaa jira.
Waraana irra-deebiin eegaleef mootummaafi TPLF wal himatu.
Waraana kana irratti waraana Itoophiyaa dabalatee miseensonni Faannoo illee qooda akka fudhataa jiran ibsameera.
Muddama mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeemaa erga tureen booda humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluu hordofee ture waraanni baatiiwwan 22 dura Tigraayitti kan eegale.
Waraanichi Tigraayittis eegalu gara Amaaraafi Affaar babal’achuun badii guddaa dhaqqabsiiseera.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an sababa waraanaan kanneen deeggarsa namoomaaf saaxilamanis hedduudha.