Namtichi haleellaan haadha warraasaa dhabe waggaa lamaan booda du'e argame

Roo'ei Shaalev

Madda suuraa, Instagram/novaexhibition

Namtichi haleellaa Hamaas bakka qophii muuziiqaa irratti gaafaa Onkololeessa 7, 2023 raawwatameen haatii warraasaa ijasaa duratti ajjeeffamtee ofiin lubbuun hafe gadda waggaa lamaatiin booda du'e argame.

Reeffi gaheessa umuriin waggaa 30, Roo'eyi Jimaata galgala ture kan dhiheenya Teel Aviivitti argame.

Taatee kanaa sa'aatiiwwan dura miidiyaa hawaasaa isaa irratti ''dararaan kun akka dhaabbatuun barbaada. Lubbuun jira garuu keessoo kiyyaa waan hundi du'aadha,'' jechuun barreessee ture.

Akkasumas dhiifamaa gaafate. Kana malees haatii nama kanaatiis haleellaa Hamaas raawwateen torban lamaan booda of ajjeeffte.

Shaalev waggaa lammaffaan haleellaa kanaan yaadatamee guyyoota sadiin booda du'ee argame.

Gaafa haleellaa sanaatti jaalallee isaa kan turte Maapaal Adaam daheessuuf yaaluudhaan itti dhukaafameera, haata'u malee akka waan du'ee fakkaachuun sa'aatiiwwaniif turuun lubbuun oole.

Hiriyoonnii fi miseensoonni maatii Shaaleev ergaa miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodeen yaadda'udhaan battalumatti isa barbaacha eegalan illeen oolchuu hin dandeenye.

Reeffi isaas hojjattoota tajaajila balaa tasaatiin dhiheenya magaala Neetaanyaatii argame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin Israa'el sababii du'aasaatiin wal qabatan qorataa jira. Namoonni ajjeechaa Feestivaala Noovaas ''du'a hiriyaa keenyaatiin onneen keenya cabee gadda cimaan nutti dhagahameera'' jedhan.

''Sgaalev hawaasa keessatti utubaa ciminaa ture. Kanaafuu duuti isaa nuuf badii yaadamuu hin dandeenyeedha'' jechuun toora Instagraam irratti barreessan.

''Baayyee kan nama gaddisiisuu, miseensoonni hawaasa Noovaa hedduun erga onkololeessa 7 as ammalleen guyyaa guyyaatti taateewwan dhiphina sammuu isaan mudataa jira,'' jedhan.

Itti dabaluudhaanis, hundinuu akka ''yeroo hunda kana hubataniifi sadarkaa miidhama miira sammuu namoota haleellaa sanaan miidhaan irra gahee akka qabaatan'' gaafataniiru.

Haleellaa Hamaas gaafa Onkololeessa 7, 2023tti kibba Israa'el irratti raawwateen, kanneen qophii muuziiqaa Noovaa irratti hirmaataa turan 370 dabalatee namoonni 1,200 ta'an ajjeeffamanii, kanneen 251 ta'an ammoo gariichaan butamanii fudhataman.

Israa'el ammoo deebii kanaatiif tarkaanfii waraanaa, akka ministeera fayyaa Hamaasiin gaggeeffamuutti, Gaazaa keessatti Filisxeemoonni kum 67 ol ittiin ajjeeffaan fudhatte.

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Yoomiiyyuu deebiisee ... gonkumaa gammadduu ta'u hin danda'u", jetti haatii miidhamtuu feesitivaala Noovaa tokko