Israa'el baankii fi dhaabbilee faayinaansii biraa Hezbollaa deeggaru jette haleelte

Israa’el dameewwan Baankii Hezbullaa deeggaraa jiru jettu dabalatee haleellaa qilleensaa dabalataa Beerutii fi kibba Libaanos keessatti raawwatteetti.

Kibba Beerut kutaa Dahihee, naannoo Hezbullaan to’atame, akkasumas gammoojjii Bekaa fi kibba Libaanos keessatti dho'insi dhaga’ameera. Miidhaan lubbuun darbe jiraachuu fi dhiisuu isaa ammatti ifa miti.

Waraanni Israa’el halkan guutuu haleellaa raawwachuuf karoorfachuu isaa fi jiraattootni magaalaa guddoo Beerut keessaa 14 dabalatee guutuu Libaanoos keessatti naannawa 20 ta'an akeekkachiisee ture.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) baankotaa fi bu’uuraalee faayinaansii biroo Hezboollaa deeggaran irratti xiyyeeffachuus ibseera.

Ibsa Dilbata galgala kennaniin dubbi himaan IDF, Dani'el Hagari "namootni naannoo iddoowwan baankii Hezbollaa maallaqaan gargaarutti argaman kamiyyuu hatattamaan irraa fagaachuu akka qaban"akeekkachiisaniiru.

Halkan keessaas bakkeewwaan madda deeggarsa faayinaansii garichaa haleeluu irratti xiyyeeffachuu himan.

Dubbi himaan Israa’el kun itti dabaluudhaan, “guyyoota itti aanan keessatti, Iraan dhaabbilee siiviilii, waldaalee, fi dhaabbilee miti mootummaa hawaasaa fayyadamuun sochii Hezbollaa akkamitti akka maallaqaan deeggaru ni ibsina,” jedhan.

Dhaabbanni oduu mootummaa Libaanos NNA jedhamu baha gammoojjii Bekaa dabalatee dameelee waldaa baankii Al-Qardi Al-Hassan irratti haleellaan raawatamuu gabaaseera.

Akkasumas damee baankichaa naannoo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Raafich Haririi Beerutitti argamu irratti haleellan raawwatamuu gabaaseera.

Viidiyoo dho'iinsa naannoo buufata xiyyaaraatti mudate hordofee aarri olka'ee mul'ata

Baankichi dameelee 30 ol guutuu Libaanos keessatti kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa 15 naannoo haleellan kun itti raawwatame keessatti argamu jechuun Rooyitars gabaaseera.

Israa’el waldaan kun maallaqa Iraan garee kanaaf maallaqa bittaa fi kuusaa meeshaa waraanaa fi mindaa miseensota isaa kaffaluuf akka gargaaru himatti.

Gama biraatiin Hezboollaan Dilbata darbe rookkeettii dabalataa gara Israa’elitti dhukaasuun buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuu ibseera.

Akkasumas loltoota Israa’el kibba Libaanos lafarra jiran irratti dhukaasa banuu ibsiteetti.

IDF akka jedhetti sa'aatii 24 darban keessatti rokkeettiwwaan kudhan kaaba Israa'el irratti dhukaafamaniiru.

Akkasumas xiyyaaronni waraanaa ishee ''wiirtuu ajaja waajjira muummee basaasaa Hezbollaa fi kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa Beerut keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu'' ibseera.

Israa’el namoota nagaa irratti xiyyeeffatte jechuun Hezboolla fi qondaaltotni Libaanos himataniiru. Israa'el garuu kanas ni haalti.

Dilbata kana humni yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Libaanos (Unifil) IDF itti yaade naannawa buufata UN kan kibba Libaanos magaalaa Marwahin daangaa Israa’el irratti argamtu cabsanii seenaniiru jechuun himate. Torban darban keessa taateewwan walfakkaatan raawwatameera.

“Ammas naannawa buufata Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuun qabeenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii miidhuun seera idil-addunyaa fi murtii Mana Maree Nageenyaa 1701 ifatti cabsuu ta’uu hubanna,” jechuun Unifil ibseera.

Israa'el taateewwan lamaan gabaafaman kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Waraanni Libaanos seenaa keessatti walitti bu’iinsa daangaa qaxxaamuraa Israa’elii fi Hezbollaa gidduutti uumame irraa fagaatee ture - garuu erga waraanni baatii darbe hammaatee as loltoonni ishee hedduun haleellaa Israa’eliin ajjeefamaniiru.

Angawoonni Libaanos akka tilmaamanitti, bara darbe biyyattii keessatti namoonni 2,400 ol du’aniiru. Israa’el akka jettetti yeroo walfakkaatutti kaaba Israa’elii fi naannawa Goolaan keessatti namoonni 59 ajjeefamaniiru.