Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Erliing Haaland sadarkaa Ronaaldoo fi Mesiirratti argama' - Peep Gaardiyolaa
Leenjisaan Maanchistar Siitii Pep Gaardiyoolaan taphataa isaanii Erliing Haalaand sadarkaa taphattoota bebbbeekamoo addunyaan qixxeessuun jajan.
Maan Siitiin guyyaa Sambataa dirree Saawuzaampitan dhaqee 4fi 1’n injifateera. Galchii afur keessa lama, Erliing Haalaanditu lakkoofsise.
Keessumaa galchiin lammataa ofirra garagalee rukutee galcheen guddoo jajame.
Taphataan kuni miidhamaan tapha Siitiin Liivarpuul injifateerratti hin taphanne ture.
Maanchistar Siitiin Saawuzaampitan injifachuun liigicha dursaa kan jiru Arsenaalitti dhiibbaa cimseera.
Arsenaal immoo gaafa Dilbataa Liivarpuul morkata.
''Waggoota kurnan lama Kiristiyaanoo Ronaaldoofi Liyeel Mesii waliin jiraanne, garuu innis [Halaand] sadarkaa sanarra argama,'' jechuun leenjisaan Siitii himan.
''Galchiin lammataa ajaa'iba,'' jechuunis jajan.
Adoolessa darbe paawundii miiliyoona 51.2'n Borusiyaa Dortomuund irraa Siitii kan seene Haalaand, kilaba isaa guddoo fayyadaa jira.
Erga kilabicha seenee taphoota hundarratti walumaa gala galchiiwwan 44 riikardii ta'e galmesseera.
''Akkan yaadutti hoogganoonni keenya tapha akkanaaf isa mallatteessani. Ga'umsa keenyaan taphataa hin turre, garuu inni numa galcha,'' jedhan Gaardiyoolaan.
''Galchii hedduu galcha,'' jechuun waa'ee Haalaand kan dubbatu Kevin de Biruuyinan ''Ani yeroon akkana godhu hin agartu.
''Silaa akkana godhe hospitaala Saawuzaampitan na geessitu,'' jechuun ofitti qoose.
Kana dura seenaa keessatti taphattoonni bara dorgommii jalqabaa isaaniin galchii 30 ykn isaan ol galchan lama qofaadha.
Tokko Andiriiw Kool bara dorgommii 1993/94 galchii 34 galche. Keevin Filiips immoo bara 1999/00 30 galche.
Taphataan Beljiyeem Keevin de Biruunan kubbaa galchii taatu tumsun (assists) 100ffaa isaa galmessiseera.
Kunis taphoota 237 keessaati. Kunis Pirimiyeer Liigii keessatti taphataa shanaffaa isa taasisa.
''Waggoota saddeet yeroon as turetti galchii hedduu galchine,'' jechuun garee isaa galateeffate.
Injifannoo Yunaayitid
Taphoota biroo Pirimiyeer Liigii Ingiliziin Maanchistar Yunaayitid Evartaniin dirree ofiirratti 2 itti galchuun injifateera.
Taphattoonni Yunaayitid carraa hirmaannaa Chaampiyeens Liigii dhabuu malla jedhanii yaadda'an kaka'umsa guddaan taphataa turan.
Haa ta'u malee, Bireentifordiin 2fi 1'n kan injifate Niw Kaasil sadarkaa sadaffaarraa hin sochoone.
Sababa kanaaf qabxiin qixxaatanii ida'ama galchiin caalamanii sadarkaa afraffaarra jiru.
Niiw Kaasiliif dhalataa Ertiraa lammii Siwiidin Aleenksaandar Ayisaakitu galchii lammataa galche.
Laampaard akka leenjisaatti kan deebisee fide Chelsiin immoo dirree Woolvis dhaqee mo'ameera.
Totanhaam immoo Biraayitaniin 2fi 1'n injifatee sadarkaa shanaffaarra jira.
Haa ta'u malee, badii Kaoru Mitoma irratti raawwateef Biraayitan penaalitii argachuu qabu ture jedheera gareen murteessitoota kubbaa miilaa PGMOL.
Gama kaaniin taphuma kanarratti taphataan lammii Kooriyaa Kibbaa Son Heng Min pirimiyeer Liigii irratti galchii 100ffaa isaa galcheera.
Taphataan ardii Eeshiyaa irraa galchii hammanaa Pirimiyeer Liigii irratti kana dura galche hin jiru.