Kiliyaan Imbaappee kilaba haaraa isa fedhurraa miindaa paawundii miil. 206 akka barbaadu hime

Jifataan ganna 24, PSG, Kiiliyaan Imbaappee tibba jijjiirraa kanatti kilabni isa barbaadu miindaa fi fayidaa adda addaa walumatti paawundii miiliyoona 206 ta'u akka dhiyessu gaafate.

Marsariitiin Mail online akka gabaasetti Imbaappeen tibba jijjiirraa kana kilabni kamuu isa barbaadu miindaa fi faayidaa walumatti paawundii miiliyoona 206 dhiyeessuu qaba jedhe.

Imbaappeen ibsa jalqaba ji'a darbee kenneen hanqinootni PSG fi gadhiisuun Liyoonel Mesii sababoota kilabicha waliin kontiraata isaa hin haaromsineef keessaa ta'uu dubbateera.

Bara darbe Riyaal Maadriid taphataa collee kana mallatteessisuuf tattaaffii hedduu gochaa erga turee booda amma taphatichi ''hidhamaa mallaqaati'' yaada jedhuun isa adamsuurraa boodatti jechaa jira.

Oduu jijjiirraa taphattotaa kan biroon ittisni lammii Kirooyishiyaa Jaaskoo Gavaardiyool maallaqa riikardii ta'e paawundii miiliyoona 86'n gara Maanchistar Siitii jijjiirraan godhu xumura irra gahuu Telegiraaf gabaaseera.

Leenjisaan Fuulhaam Maarkoo Siilvaa ammoo Saawdii Piroo Liig irraa waamicha dhiyaateef diduu iNews gabaaseera. Leenjisaa ganna 45 kanaaf Al-Hilaal kontiraata paawundii miiliyoona 17 dhiyeessee ture.

Leenjisaan kun kontiraatni Fuulhaam waliin qabu bara 2024 xumurama.

Miidiyaan Ispeen Mundo Deportivo akka gabaasetti Arsenaaliifi Juveentus ittisa Maanchistar Siitii Aymeriik Laaport mallatteessifachuuf iyyaafannoo jalqabaniiru.

Hegereen taphataan kun Siitii waliin qabu amansiisaa miti.

Liivarpuul taphataa sarara gidduu RB Lebziig Doominiik Soobozlaayiin harka galfateera.

Maanchistar Siitiin ittisa isaa isa biroo Baayer Muunikiin barbaadamu Kaayl Wooker 'f kontiraata haaraa qopheessuu akka malu gaazexessaan Ipoortii Faabriiziyoo Romaanoo gabaaseera.

Gama Kaaniin kilabni Faransaay Liyoon taphataa lammii US Cheelsii jiru Kiristiyaan Polisiichiif yuuroo miiliyoona 25 dhiyeesseeraa jedha barruun Atileetik.

AC Miilaanis taphataa knaaf yuuroo miiliyoona 14 dhiyeesseera.

Akka haaraatti ijaaramaa kan jiru Chelsiin ammas taphattoota hin feene gaggeessuutti jira.

Ittisni Cheelsii ganna 33 Seezaar Azbelikuweta waggaa lamaaf gara Atileetikoo Maadriid akka imalu Faabriziyoo Romaanoo gabaaseera.

Barruun Miirar ammoo ittisni PSG ganna 37 Sarjiyoo Raamos gara kilaba Liyooneel Mesii mallatteesifate Intar Miyaamii godaanuu akka malu gabaaseera.

Saawdii Piroo Liig goolii eegaa Juuventusiifi PSG duraanii Gu'aanliijii Bufoon kan ganna 45'f waggaatti £25m dhiyeessuu Mail gabaaseera.

Taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitidiifi Nootingihaam Foorest Jeesee Lingard ammoo Inter Miyaamii waliin shaakalaa jira.