Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maaree Jaldeessaa kan biyyoota hedduu yaadeessaa jiruu waan hanga ammaa beeknu
Tibbana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Maareen Jaldeessaa yaaddoo fayyaa Idil-addunyaa ta'uu isaa yeroo lammaffaaf irra deebiin labseera.
Vaayirasichi bara 2022 irraa eegalee daran kan babal’ataa dhufe yoo ta’u, bara kana ammoo Afrikaa qofa utuu hin taane, biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaatti faffaca’uun yaaddoo guddaa uumera.
Dhiyeenya Burundii, Keeniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa keessatti namoonni haaraan vaayirasichaan qabaman dabaluu fi Awuroppaa fi Siwiidin keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman argamuun, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa mareen Jaldeessaa yaaddoo fayyaa Idil-addunyaa akka ta’etti akka labsu taasiseera.
Hanga yoonaattis namootni 14,000,vaayirasichaan qabamuu fi kanneen 457 ta’an du’uun gabaafameera. Garuu namoonni vaayirasichaan shakkaman 17,000 darbaniiru.
Kanneen dhukkubichaan qabamanii fi du’an keeessaa ammoo daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi harka guddadha.
Ofii Maaree Jaldeessaa (Mpox)n maali?
Dhukkubni kun naannawa Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessa, biyyoota akka Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, waggoota dheeraaf mul’achaa ture.
Jalqaba bineensarraa gara namaatti kan daddarbu yoo ta'u amma garuu nama jidduuttis darba.
Yeroo ammaa kana dhukkubichi DRC fi biyyoota ollaa keessatti babal’achuun gara biyyoota Eeshiyaa fi Awurooppaatti ce’aa jira
Dhukkubni kun vaayirasii baay’ee hin argamne ‘monkeypox’ jedhamuun kan darbu yoo ta’u, gosa vaayirasii dhukkuba busaa waliin kan wallitti dhiyaatudha.
Akka qorannoon dhimma kana irratti taasifame eerutti ammatti maaree jaldeessaa gosa 2tu jiru.
Gosni jalaqaba ‘Clade 1’ jedhamu gosa vaayirasii haaraa kanaan dura mul'ate caalaa gosa cimaa ta’ee fi kan 3.6% du’aaf nama saaxiludha. Gosti vaayirasii kanaa yeroo ammaa Giddugaleessaa fi Baha Afrikaatti babal’achaa jira.
Gosti 2ffaan kan ‘Clade 2’ jedhamu gosa vaayirsaii dhukkuba salphaa fi sadarkaan, du’aaf nama saaxiluu isaa 0.2 % gadi ta’e fi bara 2022 irraa eegalee Afrikaa Dhihaa keessatti babal’ataa jiruudha.
Karaa ittii daddarbuufi mallattolee isaa
Qaamni nama fayyaa yoo nama gogaa dhukkuba kanaan qabame waliin wal xuqe, wal qunnamtii saalaa, hafuuran, xuxuqqaa bineensota dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhiyaachuu, huccuu ykn wayyaa nama dhukkuba kanaan qabamee waliin fayyadamuun, akkasumas wantoota vaayirasichaan faalaman kanneen biroon nama fayyatti daddarbuu danda’a.
Namootni bakka tokko baay’inaan jiraatan, kan akka kaampii baqattootaa dhukkuba kanaaf baay’ee saaxilamoodha.
Mallattoon Maaree Jaldeessaa kan dhukkuba busaa waliin wal fakkaata. Ho’ina qaamaa, bowwuu mataa, dhukkibbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhidhiita'uu fi hooksisuu, ququnca’uu fi madaa’uu afaanii, ijaa fi qaama saalaa fa’i
Namoota dhukkuba kanaan qabaman waliin waltuttuquu dhiisuun, bineensota akka jaldeessota, hantuutaa ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaa akka hin jiraannee gochuun,
Of eggannoon saal-qunnamtii gochuu, yoo vaayirasichi hawaasa keessan keessa jiraate harka saamunaa fi bishaaniin qulqulleessuu fi vaayirasiin kun karaa siree ykn huccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis waan darbuuf wantoota akkasiin waliin fayyadamuu irraa of qusachuun maloota of eeggannoo keessaa muraasa.
Nama ajjeesuu danda'aa?
Maareen jaldeessaa vaayirasii busaa waliin wal fakkatus carraan inni nama ajjeessuuf qabu kan busaa caalaa gadi aanaadha. Haa ta’uu malee biyyoota hedduu keessatti gosti maaree jaldeessaa ‘clade 1’ jedhamu nama ajjeesaa jira.
Akka ragaan Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) mul’isutti Afrikaa keessatti namootni 517 dhibichaan du’uun mirkanaa’era
Rippaabilika Demokiraatawa Koongoo qofa keessatti kan irra caalaan isaanii da’immaan waggaa 15 gadii ta’e namootni 450 ol du’aniiru. Daa’imman malees dubartoota ulfaa dabalatee, namootni sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta'e carraan isaan dhukkuba kanaan du’a guddadha.
Qorichi ykn talaalliin isaa jiraa?
Dhukkubni kun yeroo baay’ee ofuma isaatin guyyoota 14 hanga 21 gidduutti nama irraa bada. Qorichi hanga yoonaa dhukkuba kanaaf argame kan Tecovirimat (TPOXX) jedhamu akka mallattoleen dhukkubichaa namatti hin cimne kan ittisu qofa.
Talalliin vaayirisichaa hanga yoonaa bu’a qabeessa ta’e kan Jeyneyos jedhamu yoo ta’u, kunis saaxilamummaa yeroo dhiyoottis ta’ee gara fuulduraaa kan ittisuu danda’uudha.
Ta’us garuu talaalliichi namoota gargaarsa barbaadan hunda bira yeroo gabaabatti ga’uun isaa yaaddoodha.
Dhabbannoi Fayyaa Addunyaa oomishtoonni qoricha talaallii Maaree Jaldeessaa kan biroollee hatattamaa akka dhiyeessan gaafateera.
Biyyoonni hanga ammaatti dhukkubichi keessatti mul’ate kam fa'i?
Hanga ammaatti biyyoonni afur – Siwiidin, Taayilaand, Filiippiinsii fi Paakistaan – ardii Afrikaatiin alatti namoota vaayirasichaan qabaman gabaasan keessati. Afrikaa keessaa biyyoota 14 keessatti vaayrasichi argameera, biyoota heddu keessattis duuti galmaa’era.
Afrikaa;-Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti qofa namootni 13,791 vaayirasichaan yoo qabaman kanneen 450 ta’an du’aniiru.
Burundii keessatti 171, Kaameeruun (35, kan du’an 2 ) Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa (213) Ayvorii Koost (28, kan du’an 1) Rippabiliika Koongoo (146, kan du’an1) .
Gaanaa (4)Laayibeeriyaa (5) Naayijeeriyaa (24) Ruwaandaa (2)Afrikaa Kibbaa (22, Kan du’an 3) Yugaandaa (2)Keeniyaa (1) Moozaambiik (1).
Eeshiyaa;- Filippiins, Taayilaand, Paakistaan keessatti namoonni haaraa qabaman dhukkuba kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.
Awurooppaa;- Awurooppaa keessaa biyyi tokko qofti Siwiidin keessatti vaayirasiin kun mul’ateera.
Naannoon Awurooppaa sababa imala qilleensaa yeroo baayyee Awurooppaa fi Afrikaa gidduutti taasifamuu isaatiin carraan namootn baay’een saaxilamuu guddadha.
Ameerikaa fi Baha Giddu Galeessaa Biyyoonni Ameerikaa Kaabaa ykn Kibbaa keessatti hanga ammaatti namoota haaraa dhukkuba maariyyee jaldeessaa haaraan qabaman hin jiran.
Bara 2022 keessa garuu namootni hedduun qabamuu fi du’uu gabaasaleen kan mul’isan.