Somaalilaand waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaa waliin mallatteessite raawwiitti dhiyaachuu ibsite

Madda suuraa, Minister of Foreign Affairs of Somaliland
Jalqaba bara 2024tti waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand handaara galaanaa kennuurratti mallatteessaan raawwiitti dhiyaachaa jiraachuu Somaalilaand beeksifte.
Ministirri Haajaa Alaa Somaalilaand, qaama Somaaliyaa biyya ta'uu ofiin labistee, Dr Issaa Kaaydi Mohaammad yaada BBC Somaaliif kennaniin waliigalteen irra gahame ''raawwachuuf tarkaanfiin gaariin fudhatamaa jira'' jedhan.
Waliigaltichi gara raawwiitti galuuf dhiyaachaa akka jiru kan dubbatan Ministirichi, yaaddoon adeemsa kana gufachiisu bu'uura hin qabaatu jedhan.
Waliigalteen guyyaa bara haaraa irratti mallattaa'e Itoophiyaan galoo galaana Aden irraa gama Somaalilaandiin handaara galaanaa akka qabaattu, buufata humna galaanaas ijaaruu akka dandeessu hayyama.
Waliigaltee kun akkuma dhagahameen qaama kooti kan jettu Somaaliyaan, waliigalteen kun tokkummaa daangaa fi birmadummaa Somaaliyaa sarba jechuun cimsitee balaaleffatte.
Ergasiis Gamtaa Afrikaarraa qabe hanga Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti himannaa dhiyeessiteetti.
Hawaasni idila addunyaas tokkummaan daangaa Somaaliyaa kabajamuu qaba ejjennoo jedhu callaqqise.
Itoophiyaan Somaalilaandirraa handaara galaanaa yoo argattuu deebii isaatiin ammoo Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu akka dandeessu akeekte.
Dhimma kanarratti Itoophiyaan ejjennoo ifaa agarsiisteetti jechuun gama Somaaliland irraa dhagaahamus Itoophiyaan ammatti akka murtee gootetti dubbatamuun sirrii akka hin taane ibsiteetti.
Ministeerri Haajaa Alaa Somaaliland, Dr Issaa Kaaydi waabeffachuun X gubbaa yaada qoodeen waliigalteen kun biyyoota lamaanuu waan fayyadu akka ta'e ibse.
''Waliigalteen kun biyyoota lamaanuu fayyada, Itoopihyaafi Somaalilaand akka ta'utti hojiirra oolchuun isaanii waan oolu miti'' jedhan.
Fooramii Diinagdee fi walta'iinsa biyyoota Arabaa dhiyeenya Kataar Dohaatti taa'ameen Somaalilaand waliigaltee kana akka hin raawwane ibsa bahe ilaalchisee deebii kan kennan Ministirichi, ibsi kun akka ammaan duraarraa adda mitii jedhan.
''Somaalilaand daandii filatterra imaluu ittifufti, egeree lammiilee keenya miiliyoona 6.2 ni murteessina'' jedhan.
Waggoota 30 oliif gariin ofiin kan of bulchituu Somaalilaand, ''Somaaliyaan dhimma keessoo isheerratti xiyyeeffacuu qabdi'' jette.
''Somaaliyaan warraa kaan qeequu dura dhimma keessaasheerratti xiyyeeffachuu qabdi, Somaalilaand hawaasa idila addunyaa duratti sagaleenshee dhagaahamuu qaba.
Beekamtii biyyummaa argachuuf ragaa gahaa qabna. Amma yeroo sagaleen keenya kun itti dhagaahamu'' jechuusaanii Ministeerichi ibseera.
Raawwii waliigaltee walhubannoo kanaa ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaa hanga ammaa wanti ifatti dubbatame hin jiru.












