Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dunquqqaa'uu ittisuun hirriba gaarii argachuuf wantoota gochuu qabnu shan
Iccitiin hirriba halkaniitiin booda miira gaarii qabaachuun ka'uu guyyaa jalqabuu danda'a. Hirriba keessan fooyyessuu fi dadhabbiin akka isinitti hin dhagahamne gochuudhaaf gorsa muraasni kunooti.
Halkan raftanii bultanii garuu ganama yoo kaatan miirrii dadhabbii fi dunquqqaa'uu isiniitti dhagahamee beekaa?
Akkas yoo ta'e kophaa keessan miti, namoota hedduutu rakkoo akkasii qaba. Kana irraa kan ka'es akkaataa amala hirribaa keessan itti jijjiirtan yaadaa jirtuu yoo ta'e, barreeffama kana irraa waa barattu.
Tarii yeroo baayyee, tooftaaleen akka yeroo ciisichaa walfakkaataa qabaachuu fi siree irra taa'anii bilbilaan waan ilaaluu dhiisuu fa'i nutti himamee ta'a.
Haata'u malee, muuxannoowwan halkan hiriiba gaarii argachuuf raawwannu qofti hiriba gaarii hin argamsiisan. Olmaa keenya guyyaatinis wantoonni raawwachuu qabnu jiru.
Muuxannoowwan guyyaa kunneenis guyyaa dammaqnee akka oolluuf gumaacha qabu. Yoo hirribaa dammaqnutti miirrii gaariin akka nutti dhagahamuuf icciitiinsaa kan eegalu oolmaa keenyaarraa akka ta'e qorannoowwan ni mul'isu.
Waan kana ta'eef boqonnaan akka nutti dhagahamu kan taasisan, anniisaa kan nu dabalan hirriiba keenya fooyyeessuuf kan nu gargaaran qabxiileen olmaa keenyaan dagachuu hin qabne shan kunooti.
1. Sadarkaa Ayiranii keessan hubadhaa
Addunyaarratti namoota sadii keessaa tokko hir'ina Ayiranii (Iron) qaba. Keessattuu, daa'imman xixiqqoo fi saafeeloonni, shamarraniifi dubartoonni umurii dahumsaa keessatti argaman, dubartoonni ulfaa, namoonni ispoortii, kanneen bu'aalee ashaakiltii qofaa sooratan keessattuu kanneen irra deddebiin dhiiga arjooman kanaaf saaxilamoodha.
Kana malees, namni kamuu hir'ina Ayiraniitiif saaxilamaa ykn ammoo hir'ina dhiigaa (anaemia) sababii sanaatiin mudatuuf saaxilamuu danda'u. Animiyaan rakkiina fayyaa hir'ina seeliin dhiiga diimaa ykn hemogilobiiniiwwan (haemoglobin) Oksijiinii qaama keenya keessa haala sirrii ta'een hin sochosan dhabamuun mudatudha.
Kunis halkan keessa dadhabbii, hiriiba dhabuu fi hiriiba irraa dammaquuf saaxilu mala.
Haala hiriiba keessanii sirreessitanii ammas irra deddebiin dadhabbiin kan isinitti dhagahamu yoo ta'e oggeessa fayyaa dubbiisuudhaan ilaalamuun ni gorfama.
Hiriinni Ayiranii qabaachuu baattanilleen nyaataa madaalawaa soorachuudhaan rakinicha dursanii ittisuun ni danda'ama.
Gosa Ayiranii heem (heme iron) jedhamuufi karaa foon, qurxummii fi killee soorachuutiin qaamni keenya argachuu kan danda'u yoo ta'u, Ayiranii heem hin taane ammoo midhaan dheedhii fi ashaakiltii magariisa, akkasumas nyaatawwan vaayitaaminii qaban soorachuudhaan haala Ayiranii qaama keenyaa dabaluun ni danda'ama.
2. Soorata magariisaa sooradhuu
Qorannoon gurguddoon hedduun akka agarsiisanitti, ga'eessonni kuduraa fi muduraa baay'inaan nyaatan hirriba fooyya'aa rafuu danda'u. Faallaa kanaa ammoo, kanneen nyaata saffisaa bilchaatan (fast food) fi dhugaatii lallaafaa baay'inaan fayyadaman ammoo hirribaa garii hin qabaatan.
Qorannoon akka agarsiisutti, keessattuu namoonni nyaata kanneen akka kuduraalee, fuduraalee, lawuuzii, midhaan dheedhii fi bu'aalee aannanii qabiyyeen coomaa gadaanaa qaban namoonni sooratan, kanneen nyaata akkasii hin soorannee caalaa hirriba gaarii rafu.
Gama biraatiin ammoo namoonni halkan tokkotti sa'aatii shan gadi rafan kanneen rafan caalaa Ayirenii, Ziinkii, seeliiniyeemii, Fosfarasii fi Maagniziyeemii akkasumas vaayitaamiin C, Luuteenii fi seeliiniyeemii xiqqaa akka fayyadaman argameera.
Yeroo hundumaa ka'umsaa fi bu'aa jidduu keessattuu hiriibniifi naamusi walitti dhufeenya qaban adda baasuun rakkiisaasha.
Sababii kanaatiin namoonni yoo haala gaariin sooratan hirriiba gaarii akka argatan, yookan ammoo yoo hirriiba gaarii argatan haala gaariin akka soratan ifaa miti.
Biyya Siwiidiiniitti qorannoon dargaggoota 15 irratti gaggeeffame tokko akka agarsiiseetti garuu, yeroo soorata coomaa fi sukkaara baayyee qabu sooratan sa'aatii hirriibaatti dambaliin sammuu (brain wave) isaanii jijjirameera.
Sababii kanaatinis haalli qulqulina hirriibasaanii akka hir'ate qorannichi mirkanneesseera. Gama biraatiin ammoo sooratawwan fayya qabeessa ta'eefi qabiyyeen sukkaaraa fi comaasaa gadaanaa ta'e yoo nyaatan ammoo hirriiba gaarii akka rafan agarsiiseera.
Namni tokko yeroo rafeetti waa'ee sammuusaa odeeffannoo argachuun rakkiisaa sababii ta'eef qorannoowwan akkasii kunneen gahaa waan hin taaneef hirmaattonni qorannichaa bakka yaalii hirriibaa seenuudhaan halkan haala hirriibsaanii hordofuun barbaachisaa ta'e ture.
Kanaanis haalli soorataa fayya qabeessi hirriibaaf murteessaa ta'uu odeffaannoowwan hedduun mirkanneessaniiru.
Yaalii qorannoo namoota akka tasaa filatamanii fi hordoffiin irratti taasifameerratti gaggeeffame akka agarsiiseetti, guyyaatti gosa ashaakiltii gosa shan ykn kudhan nyaachuun hirriiba ni fooyyeessa.
Qorannoon dargaggoora kuma tokkoo ol guyyaatti kuduraafi muduraa yeroo sadii gadi sooratan hirmaachisee tokko, hirmaattoonni nyaataa sooratan erga dabalaniin booda haala hirriiba isaanii ilaalee ture.
Baatii sadiin booda ammoo hirmaattonni haalli rakkoo hirriibasaanii dachaadhaan dabalee argameera. Hirriibni qulqullina fooyya'aa qabu argachuu danda'anii ture.
Kanneen nyaata kana guyyaatti yeroo jaha sooratanis kanneen haala isaaniitiin gadi nyaatan waliin wal bira yoo qabamee ilaalamu, yeroo gabaabaa keessatti hirriibni isaan qaba.
Qorannoo daa'imman akka tasaa filataman irratti gaggeeffameenis, erga nyaataa ashaakiltii hojjatame torbaniitti yeroo shaniif sooratanii booda boqannaan akka itti dhagahamee fi hiriiba gaarii akka rafan hubatameera.
Vaayitaamiinooti baayyeen ashaakiltoota keessa jiran keessattuu vaayitaaminiin A fi C akkasumas kanneen akka ayiranii wantoota hiriiba fooyyeessuuf kan gargaaran argachuuf akka gargaaran qorattoonni himan.
3. Sochii qaamaa taasisuu
Sochiin qaamaatii fi hiriibni walitti dhufeenyi qaban hanga ammaatti qoratamaa kan jiru ta'ulleen, sochiin qaamaa waliigalatti hirriba dheeraafi gaarii ta'e akka rafnuuf nu gargaara. Sochii qaamaa cimaa ammoo gochuun hin barbaachisu.
Fakkeenyaaf, meetaa aangoo qabu tokko xiinxalli bara 2015tti qorannoowwan 66 irratti godhame tokko akka agarsiisutti, sochii qaamaa guyyoota muraasa qofa ta'us namoonni dafanii hirriba akka rafan fi caalaatti akka rafan kan gargaaru yoo ta'u, sochii qaamaa yeroo hunda gochuun qulqullina hirribaas akka fooyyesse agarsiisa.
Miidhaan irra isaa xiqqaa ture, garuu namoota rakkoo hirribaa qabaniif waan gaarii ture. Kana jechuun, gaʼeessonni rakkoo hirribaaqaban keessumaa hanga dafqaniitti sochii qaamaa taasisuudhaan faayidaa argachuu dandaʼu.
Qorannoowwan kaan ammoo sochiin cimaa yookan guyyaa guyyaan ta'u akka hin qabne akeeku.
Guyyaa guyyaan ykn torbaniitti al tokkoo sochii qaamaa hojjachuurra, torbaniitti guyyaa sadii sochii qaamaa hojjachuun hiriibaaf bu'aa gaarii akka argamsiisu qorannoon tokko agarsiiseera.
Waan kana ta'eefu, sochiin qaamaa xiqqaan isa cimaarra hiriiba ni fooyyeessa. Guyyaatti sochii qaamaa daqiiqaa kudhanii taasisuun hiriiba irratti jijjirama ni argamsisa.
Qorannoon gara biraa akka agarsiiseetti ammoo, osoo gara hiriibaa hin deemiin sa'aatii lamaan dura sochii qaamaa taasisuun hiriiba hin miidhu. Kunis namoota sababii hanqina yerootiin sochii qaamaa taasisuu hin dandeenyeef oduu dansaadha.
Sochii taasisuun kan fayyadu haala hirriiba keenyaa fooyyeessuu qofaaf miti. Sochiin qaamaa qaamni keenya akka haaromu gochuuf humna akka qabu qorannoon mirkanneesseera.
Akkasumas sochii qaamaa gochuun boqonnaa dabalataa akka nutti dhaga'amu nu gargaaruu danda'u.
Qorannoon akka agarsiisutti, sochii qaamaa gochuun carraan haaromsa akka nutti dhaga'amuu fi halkan malees akka gaariitti akka rafne boqannuu nu taasisa.
4. Alkoolii fi tamboo hir'isi
Yeroo baayyee Barri Haaraan yeroo dhufu kan namoonni hedduu karoorfatan ta'u mala. Haata'u maleea yeroo hunda dhugaatii alkoolii dhugnu ykn tamboo xuuxnuuf battalatti dhaabuun rakkisaa ta'uu danda'a.
Kanaafu, dhugaatiis ta'e tamboo yeroo tokkoon dhaabuudhaaf yaaluurra suura wal jalaan jijjirama qabatamaa of barsiisaa adeemuun ni danda'ama.
Bara kana garuu, caalaatti boqonnaa akka argattutti amala dhugaatii ykn tamboo xuuxuu dhaabuuf yaaluun si barbaachisa taʼa.
Tamboo xuuxuun hirribni akka nu hin fudhannee ykn hiriibni gaariin akka nu hin qabne sababoota taasisaniin wal qabata.
Akkasuma alkolii dhuguunis rakkoo hiriibaatiin wal qabata. Hiriibaan dura dhugaatii hanga ta'e fudhachuun akka hirriiba dhabnu nu taasisu danda'a.
Haala akkasiitin yoo guyyoota sadiifi isaan oliif turre ammoo rakkoo fida. Idileedhaan dhuguun ammoo rakkoo irriibaatiin akka wal qabatu qorannoowwan ni mul'isu.
Qorannoon gara biraa ammoo dhugaatiin gara sireetti osoo hin deemne dura fudhannu sirna hiriiba keenyaa akka jiijjruu akarsiiseera.
Namoonni dhugaatii baayyiisan ykn machaa'an dafanii hiriinni kan isaan fudhatu yoo ta'u, wallakkaa halkaniirratti sirriitti ni rafu, isaan booda garuu hirriibni irraa bada.
Kana malees rakkoo qaamaa, sammuufi amalaa hordofsiisa. Hanga hirriiba argachuu qabnu kan hir'isu yoo ta'u, haalli sirna argansuu keenyaatiin wal qabates rakkoo hiriibaa hordofsiisuu danda'a.
5. Cireekee irra hin utaaliin
Akkuma BBC'n kanaan dura gabaaseetti, ciree nyaachuun ulfaatina qaamaa hir'isuuf (ykn ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta'e eeguuf) ni gargaaraa kan jedhu yoo ka'uafne, ragaaleen jiran wal-makaadha.
Yaaliin to'annoo tasaa (random) walduraa duubaan gaggeeffame tokko, fakkeenyaaf, ciree nyaachuun (ykn darbuun) bu'aa akka ulfaatina qaamaa irratti dhiibbaan ifa ta'e akka hin finne argateera.
Ta'us faayidaan ciree nyaachuu ifaadha. Ciree nyaachuun sammuun keenya qaroo fi dammaqaa akka ta'uf humna qaba.
Qorannoowwan 43 kan xinxale qorannoo tokko, ciree nyaachuun dandeettii waa yaadachuufi xiyyeeffannaa namaa akka fooyyeessu agarsiiseera. Kunis kan daa'immaniif hojjatuudha.
Qorannoo hirmaattoota akka tasaa filataman irratti hojjatame tokko, daa'imman akkuma hirriibaa dammaqaniin nyaatan xiyyeeffannaa fi dandeettiin waa yaadachuusaanii dabalu agarsiiseera.
Qorannoon gara biraa ammoo ciree nyaachuun dadhbbiin akka namatti hin dhagahamne akka taasisu beeksiiseera.
Qorannoo barattoonni fayyaa 127 keessatti hirmaatan tokkoon ammoo kanneen ciree nyaatan kanneen hin nyaannee caalaa si'omina qabu.
Ciree sa'aatii wal fakkaatuun soorachuun bu'a qaba. Qorannoon barattoota fayyaa irratti gaggeeffameefi qorannoon Taayiwaaniitti barattoota eebbiifaman 1,800 hirmaachise dabalatee, qorannoowwan gara biraa akka agarsiisaniitti, kanneen cireesaanii sa'aatii wal fakkaatu irratti nyaatan kaan caalaa miirri dadhabbii itti hin dhagahamu.
Gama biraatiin ammoo barattoonni sa'aatii ciree itti nyaataniif xiyyeeffannoo hin kenniine fi sa'aatii wal fakkaatu irratti hin soorannee miira dadhabbii itti dhagahama.
Akkasumas cireesaanii haala wal fakkaatuun kanneen sooratan haala hirriiba isaanii fooyyeessuufis gargaaru danda'a.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.