'Dubartoonni hirriba gahaa qaban amala saalqunnamtii gaarii qabaachuu danda'u' - Qorannoo

Hirriba gaʼaa dhabuun hariiroo jaalalaa miidhuun alattis jireenya wal-qunnamtii saalaa keessanis ni miidha jedhan saayintistii amala namaa qoratan Dr. Weendii Tirakseel.

Hirribni fayyaa saal-qunnamtii fi fayyaa hiriyyoota gaaʼelaan wajjiin walitti dhufeenya qabaachuu qorannoon hedduun argisiisuu ibsu.

Ogeessi kun waggoota 15’f dhimma hirriba qorachaa turan. Keessumaa walitti dhufeenya barsiifata hirribaa fi amala hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru haalaan qorataniiru.

Hirribni amala nama tokko qofaa osoo hin ta’in, amala hiriyoota gaaʼela keessa jiranii ta’u himu.

Rakkina hirribaa…

“Waggoota 15 darban keessatti hirriba qorachaan ture. Hirribni amala fayyaan wal-qabatuudha. Haata’u malee, amala hiriyoota gaaʼelaati. Qoratoonni hirriba hedduun akka amala baratanitti ilaalan.

“Rafuu baannaan, hiriyaa gaa’elaa gaarii ta’u hin dandeettu. Jijjirama miiraa walirraa hin cinne isin mudachuun, dhiphina keessa galtu. Achirraan wal falmuutti kaatu. Kunis yaadaan waliigaluu irratti dandeettii keessan miidha.” jedhan Dr. Weendiin.

'Hiriyoonni miira walii wal hin hubatan'

''Hirriba dhabuun gara laafina namootaa kan hirʼisu. Miira hiriyaa gaa’elaa hubachuu nama dhorka. Kanaaf, hirribi fayyaa, nageenyaa fi dhama’uu keetiif qofaaf barbaachisaa utuu hin ta’in, kan hiriyaa gaa’elaa keetis.

“Walitti dhufeenya gaarii gidduu keessanitti qabaachuuf hirribni baay’ee barbachiisadha,” jedhan.

'Hirribni gaarii miira gaaritti oofa'

Hirriba ga’aa argachuun maaliif saal-qunnamtii raawwachuu irratti miira gaarii keessa nama galcha?

Hirribni ga’aan gaa’ela gammachiisaa uumuun gumaataa jedhan. Sababnisaa baay’eedha.

''Dhaloota yeroo ammaa keessatti, hirribni gaariin badaa jira. Namoonni hundi waa'ee hirriba gaarii rafuu irra dubbatu. Yeroo irriba gaarii itti rafan barbaadu. Akkasumas hiriyootaa fi maatiisanii hirriba gaarii qaban arganii hawwu,' jedhan.

'Hirriba ga'aa yoo dhaban hormooniin dhiirotaa gad bu'a'

“Hirribaa fi saal-qunnamtii raawwachuun kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu. Akkasumas hirribaa fi hoormooniin saal-qunnamtii walitti dhufeenya qabu'' jedhu qorataan kun.

''Fakkeenyaaf, akka qorannoon argisiisutti, dhiironni guyyoota muraasa walitti aansudhaan saʼaatii shanin gadi rafnaan hormooniin saal-qunnamtii isaanii dhibbeentaa 10n gadi bu’a.

''Gadi bu’uun hormoonii kun ammoo mallattoo dulloomuu kan dabaluudha,'' jedhan.

Dubartootaafi saal-qunnamtii

Dubartoonni guyyaatti sa’aatii tokko dabalataan rafnaan fedhiin saal-qunnamtii raawwachuu isaanii dhibbeentaa 14'n dabala.

Qorannoon akka argisiisutti, dubartootaaf hirribaa fi mucaa godhachuun walitti dhufeenya qabu.

“Hirriba ga’aa argachuu fi akka gaarii rafuun jireenya hiriyoota gaa’elaa dhaabbatan keessatti saal-qunnamtii dabalu danda’a akka qorannowwan argisiisanitti,” jedhan Dr Weendiin.

Qorannoon haaraan kun akka argisiisutti, namoonni baay’een qofaa rafuu irraa, yoo nama biraa wajjiin rafan hirriba gaarii argatu.

Yoo hirribin rafamu sirrii fi gahaa ta'e jiraatee fayyaan sammuu, qaamaa fi saal-qunnamtiin gaarii ta’a.

Gaa’elaa keessatti amalli nama tokko tokkoo hirriba nama kaanii jeequ danda’a. Siree irra rafuu, qofaatti siree ofii qabachuun fi kurruufuun hirriba nama kaanii jeequu danda’a.

Akkasumas, daa’imman rakkoo fayyaa qabannaan, hirribni abbaa warraa fi haadha warraa jeeqamuu danda’a.

Hiriyoota gaa’ela keessatti waliin dullooman gidduutti yeroon hirriba sababoota garagaraatiin jijjiramu danda’a.

Fakkeenyaaf, rakkoo fayyaa, rakkoo hirribaa, ho’i manaa fi sireen amala hirribaa irratti dhiibbaa guddaa qabata jedhan oggeessi damee kanarratti qorannoo gaggeessan kun.

Rakkowwan kana hubachuu fi sirreessuun hirriba ga’aa fiduu danda’a. Kanaan kan kaʼes, fayyaan sammuu, qaamaa fi saal-qunnamtii fooyya’iinsa argata jechun gorsa dabarsan.