Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajaan poolisii Moqaadishoo bombii al-shabaabiin kiyyeeffameen ajjeeffame
Komishinarri poolisii magaalaa Guddoo Somaaliiyaa-Moqaadisho, Farahaan Adaan boombii hidhattoota garee al-Shabaabiin daandii qarqaratti kiiyyeefame dhohuun ajjeefaman.
Komishinarri poolisii maqaa masoo Faarhaan Qaaraalee jedhamun beekamu kunis guyyaa Jimaataa Fulbaana 30, 2022 aanaa Baala’aad jedhamtuufi kan magaalaa guddoo biyyattii irraa karaa kaabaatti fageenya km 35 irratti argamtuutti kan boombiin ajjeeffame.
Komisharichis wayita konkolaataansaa boombii gareen hidhattoota al-shabaabiin kiyyeeffame jedhame dhohuun rukutameettis kokolaataa poolisootaan dabaalamuun imalaa ture jedhameera.
Boombiin amma dhohuun komishinarichi galaafate kunis kan gareen hidhattoottaa kunis osoo ollaa baayyee murteessu taatee Baasiraa kan naannoolee Shabalee gadii fi jidduu galaa wali qunnamsiiftu hin bahiin dura kan kiyyeessan ta’u akka hin ollee dubbatama.
Komishinnarri poolisii amma ajjeeffaman kunis osoo ajajaa human poolisii naannoo Baanaadiir kan Moqaadishootti argamtuu hin ta’iin duras, ajajjaa human poolisii addaa Somaaliyaa turan.
Ajajjaan poolisii kunis baatii Caamsaa darbe keessaa fi wagga darbe ammo baatii Adooleessaatti yaaliiwwan ajjeechaa irratti raawwatamanii ture irraa hafanii ture.
Ajjeechaa qondaala poolisii olaanaa kana ilaalchisuunis pirezidaantiin piyyattii Hansan Sheek Mohaammud, pirezidaantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdulaahii Faarmaajoo fi qondaaltoonni olaanoon Somaaliyaa kan biraa gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Haleellaan amma komishinaricha kananarratti raawwtaame kunis haleellaa jalqaba baatii kanaa irraa jalqabee milishoota gosaa naannoo Hiiraantti argaman deeggarsa mootummaa Somaaliyaa fi waraanaatiin garee al-shabaab irratti bane hordoofuun.
Kanaanis milishoonni naannoo Hiiraan harka hidhattootaa baasuun to’achu danda’aniiru.
Gareen al-shaabaab Somaaliyaa keessatti karaa kibbaa fi jidduugalaatti naannawaa bal’aa to’atee kan ture ta’ulleen, garichi erga Moqaadishoodhaa dadhiisee baheen booda haleellaa qindaa’aa amma irratti banameen haala kana dura hin turren eddoowwan qabtee ture gadhiisuun bahaa jira.
Ministirri Raayyaa Ittisa Somaaliyaa, Abdiikaadiir Mohaammad Nuur, guyyaa Jimaataa miidyaa biyyatti irratti akka dubbataniitti, waraanni jiraattoota naannoolee waliin ta’uun baasiraa dabalatee naannoo Shabalee dakaa keessatti magaaloota sagal to’achu himan.