Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilbilli ofii akkamiin mana hidhaa nama buusuu danda'a?
''Paaswordii bilbila kee galchi,'' jechuun poolisiin nama mormiif daandiitti bahee turetti iyye.
Battala itti iyye mara fuulasaa kaballaan dhahaa ture.
Dargaggoon ganna 20'oota keessa jiru Onkololeessa darbe ture Teehraanitti hiriira mormii irratti kan qabame.
''Poolisoonni dubartii tokko qabachaa waan turaniif, animmoo akka isheen miliqxun gargaare, achii poolisiin na qabee lafatti na gombise,'' jedha.
Poolisoonni kaan immoo na dhiitaa fi na tumaa turanii jechuun ibsa.
Achiin bilbilasaa ''as kenni'' jedhanii harkaa fudhatani.
Paaswordii isaa erga fuudhaniin booda konkolaataa keessa isa galchan.
Isaafi namoonni kaan keewwata kana keessatti nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii hin eeramne.
''Otooma isaan na haleelanii poolisiin kaan immoo bilbila koo banee keessa asiifi achi horfee ilaalee, 'qulqulluu dha,' jedhanii na gadhiisan.
Akka inni jedhutti poolisiin mormii sana viidiyoo waraabuufi dhiisuu isaati kan mirkaneessuu barbaade.
Viidiyoon mormii agarsiisu otoo bilbilasaa keessatti argameera tahee silaa, ''olola farra mootummaa afarsuun himatama ture akkuma warra kaanii.
Mootummaan Iraan ammallee sagalee mormii ukkaamsuu cimsee itti fufeera.
Paarlaamaan seera wixinee viidiyoo 'yakkaa' waraabuufi qooduun akka adabsiisu godhu jedhe irratti marii'achaa jira.
Seerri kuni yoo ragga'e ''mormii seeraan alaa'' kamiyyuu waraabuufi tamsaasuun hidhaa waggaa shaniin nama adabsiisuu danda'a.
Jaalattoota saal-fakkaataa maqaa qabaniifi mormii kana akkaan deeggaraa turan adabuuf jechas seera yakkaa biyyattii fooyyeessuuf jedhu seera tumtoonni biyyattii.
Namni beekamaan '' jecha sobaa'' dubbachuun yoo hokkoraaf sababa tahe hidhaa waggaa 15nin adabama.
Murtii du'aa Instaagiraamii
Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatollaa Alii Kahaameenii, miidiyaan hawaasaa lafa waraanaa biraa akka tahe himuun qondaaloti, ''lola diinaa karaa lamaan dhufu- lolan,'' dubbataniiru.
Akka isaan jedhaniitti mormiin kamiyyuu hojii Ameerikaa fi michootasheeti.
Dargaggoon mormiif bahe biraan akka dubbatetti, otoo bibilasaa banee kennuufi akkasumas sakattaasisuu dideera tahee, ''gudeeddii, ajjeechafi maatii koo hidhaa buusuu akka narratti raawwatan na doorsisaa turan,'' jedha.
Fulbaan darbe namoota 300 wajjin mana kuusaa keessatti hidhamee ture.
Sana booda dirqamaan ''yakkamtoota dha,'' jedhanii akka mallatteessan taasifamuus hima.
Manni murtii Iraan suuraa 'iskriinshotii' Instaagiraamii irraa fudhadhe jedhe akka ragaatti dhiyeessuun dargaggoon waggaa 20 gadii murtiin du'aa irratti murameera.
Mohaammad Boruuhaaniin nama ganna 19 yoo tahu, ''faallaa Waaqaa tahuuniifi poolisii waraanuun akkasumas namoonni mormiitti akka bahaan jajjabeessuun,'' himatameetu, adabbiin du'aa irratti murame
Erga namoonni miidiyaa hawaasaafi mana hidhaasaa fuulduratti Amajji keessa iyya dhageessisaniin booda dhimmisaa gara mana murtii olaanaatti ergame.
Afsaaneeh Riigoot Yunivarsiitii Haarvaarditti qorattuu teeknolojii, seeraafi mirga dhala namaati. Bilbilli meeshaa ''ittiin yakkuuf fayyadamnu,'' tahaa dhufeera jetti.
Baha-gidduugalaafi Kaaba Afrikaatti ragaa dijitaalaa fayyadamuun miseensoti jaalattota saalaa wal-fakkaataa akkatti himatamaa jiran qo'atti.
''Malli kuni keessumaa mootummoota abbaa irree tahan keessatti, sirna mirga of-ibsachuu, waa xiinxaluu fi akkasumas eenyummaa isaanii yakkuufi himachuuf fayyadamani dha,'' jetti.
Suuraawwan, viidiyoo fi applikeeshiniiwwan ''karaa seeraan alaa irraa fudhataman'' akka ragaa qabatamaatti dhiyaatu jetti.
Haala kanaan manni murtii ''dhaddacha sobaa'' waan mootummaa deeggaru waan himatamaan bilbilasaan 'dubbisaa ykn daawwachaa,'' ture agarsiisa.
''Biyyoota kanneen akka Iraan keessatti haala kanaan namni tokko otoo adabbiin irratti hin murtaa'iin nama qulqulluu dha,waanti jedhamu hin jiru,'' jetti.
''Jalqabumaa akka balleessaa taatetti ilaalamta, waan barbaadamu ragaa sirratti argachuu qofaa dha, ykn ragaa sobaa fakkeessanii fiduu dha.''
'Qiyyaafatanii sakatta'uu'
Meeshaaleen elektirooniksii yeroo baayyee eeyyama mana murtii fi adeemsa barbaachisu otoo hin eegiini dha kan fudhataman.
Qondaaloti tikaa biyyattii mana gaazxeessaa Teeraan, Onkololeessa darbe humnaan cabsanii sakattaa'anii turan
Innis torbanootaaf hidhamee ture.
Garuu gaazexeessaa kana qofa miti dhimma kanaan kan miidhame, poolisoonni uffata danbii hin uffaanne namoota umriin isaanii 40 gadi jiru qabanii 'ragaaf' jecha sakatta'aa turan.
Dargaggoon biraa BBCtti akka himetti poolisoonni, WhatsApp, Telegram, fi Instagram ilaalaa turan.
Viidiyoo mormii addunyaan akka hin ilaalle barbaadu jedha. Kanaaf immoo kan isaan irratti xiyyeefatan namoota baay'inaan umriin isaanii dargaggummaa keessa jirani dha jedha.
Erga mootummaan Iraan mormitoota du'aan adabuutti ka'ee, mormiin daandii irratti adeemsifamu hir'isaa adeemeera, mormiin gara sirna awwaalchaatti geeddaramaa jira.
Mootummaan biyyattii to'annoo miidiyaalee irratti taasisus jabeessaa dhufeera.
Miidiyaalee TV fi raadiyoo mootummaan kan dhuunfataman yoo tahu, gaazexoonnis waanuma qondaaloti jedhan irra deebi'u.
Kana malees, maxxansi kamiyyuu ejjennoo mootummaa qeeqnaan ugguramuu hanga hojjettoonni isaanii hidhamuurra gahuu danda'a.
Kanaaf lammiileen Iraan miidiyaalee karaa saatalaayitii darbniifi intarneetii hordofuun oduu guyyuu argatu.
Odeeffannoon mootummaa Iraaniin dhiyeenya bahe akka agarsiisutti, Iraan waltajjii onlaanyinii akka malee sakatta'amu qabaattus, uummata biyyattii miiliyoona 84 keessaa harki 70 intarneetii fayyadama.
Biyyattii keessatti miidiyaaleen hawaasaa beekamoo tahan hundinuu dhorkamaniiru.
Dhorkaa kana keessa miidiyaa hawaasaa argachuuf jecha lammiileen biyyatti ''VPN'' fayyadamu. Tahus mootummaan karaa kana illee to'achuusaa hin dhiisne.
Akka Afsaaneeh jettutti, ''mootummaa abbaa irree keessatti ragaan dijitaalaa meeshaa waraanaa balaaf saaxilu dha,''