Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalli olaanaan Taaliibaan waajjira isaanii keessatti ajjeefaman
Afgaanistaanitti bulchaan naannoo Baalki dhohiinsa waajjira isaa keessatti mudateen du’e.
Mohaammad Daawud Muuzaammil erga Taaliibaan bara 2021 aangootti deebi’ee as qondaala olaanaa Taaliibaan ajjeefameedha.
Jeequmsi biyyicha keessaa ergasii xiqqaatus, haleellaa garee Islaamaa IS jedhamaniin qondaalonni olaanoon Taaliibaan hedduu ajjeefamaniiru.
Poolisiin sababa dhohinsa amma dhaqabee ifa miti jedhe.
Dubbii himaan Taaliibaan Zuubihaallaa Mujaahid Tiwiitera irratti bulchaan kun ‘’warra diina Islaamaa tahaniin ajjeefaman’’ jedhan.
Qorannoon gaggeeffamaa jira jedhe.
Muuzaammil kana dura yeroo bulchaa Baha Naangaar turan waraana hidhattoota Islaamaa irratti gaggeeffamaa ture dursaa akka turan maxxansa isaanii dhiyeenya kanaa irratti himaniiru.
Onkoloolessa darbe ammo bulchaa tahuun gara naannoo Baalkitti ergaman.
Dubbii himaan poolisii Baalki Mohaammad Asiif Waazirii, dhohinsichi naannoo sa’a 3:oo ganama keessa mudate jedhan.
Dhohinisichi ammoo darbii lammaffaa waajjira isaanii keessatti ture.
Namootni kaan lakkoofsi isaanii hin ibsamnes sababa dhohinsa Kanaan miidhamaniiru.
Qondaala kana malee garuu lubbuun nama tokko biraas darbeera.
Namni dhohinsichaan madaa’a tokko ‘’dhohinsa guddaatu dhagahame. Anis laffattan kufe. Jedhe.
Akkasumas hiriyyyaa isaa tokko harka tokko dhabuu AFPtti hime.
Dhohinsi kun ammoo akkuma bulchaan naannichaa waajjira isaanii seenaniin raawate.
Gabaasotni akka agarsiisanitti haleellaan dhaqabe kun gochaa badanii balleessuuti.
Guyyootaan dura gaggeesitootni Taaliibaan garee finciltootaa keessaa namoota saddet ajjeesuu himaniiru. Kun naannoo Mazar-e Shariif jedhamu keessatti yoo tahu, garee namoota ukkaamsan keessaas ajjeesuu ibsan.
Gareen Taaliibaan bara 2001 aangoo irraa fonqolchamuun waggoota 20 booda yeroo Ameerikaan loltoota ishee baastu aangootti deebi’an.Ergasii haleellaa boombii hamaan irra caalaa naannoomasjiidaa faa’tti xiyyeeffatan biyyichatti gaggeeffamaa turan.
Hidhattootni Islaamaa naannolee keessa jiranii fi Taaliibaan morman haleellaa kana duuba jiru jedhamu.