Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taalibaan dubartoota hojii dhorkinaan dhaabbileen gargaarsaa hojii dhaaban
Dhaabbileen miti-mootummaa ciccimoo ta'an shan erga Taalibaan akka dubartoonni isaaniif hin hojjenne dhorkee booda Afgaanistaan keessatti hojiisaanii adda kutan.
Dhaabbileen Care International, Mana Maree Baqattootaa Noorweey (NRC) fi Save the Children ''hojjetoota keenya dubartootaa malee hojii keenya itti hin fufnu,'' jechuun ibsaniiru.
Koreen baraarsaa idil-addunyaa- International Rescue Committee jedhamus tajaajila addaan kutuu kan beeksise yoo ta’u, jaarmiyaan Islamic Relief jedhamus gamasaan hojii isaa harka caalu dhaabaa akka jiru ibseera.
Afgaanistaan bulchaa kan jiru Taalibaan mirga dubartootaa haalaan ukkaamsaa tureera.
Labsiin yeroo dhiyoo dhaabbilee miti mootummaa irratti bahe, Taalibaan dubartoonni yunivarsiitii akka hin baranne erga dhorkee guyyoota muraasa booda.
Dubbi himaan ministeera diinagdee Taalibaan Abdel Rahman Habib hojjettoonni dubartootaa kubbaaniyyaawwan biyyoota alaa keessatti hijaaba uffachuu dhiisuun seera uffannaa cabsaniiru jechuun himataniiru. Taalibaan dhaabbata uggura kana saffisaan hojiitti hin hiikne kamirraayyuu hayyama akka haqu ibsuun doorsise. Ergasii gareewwan gargaarsaa hedduun dubartoonni akka isaaniif hojjechuu itti fufan akka hayyamamu gaafataaa jiru.
Qindeessaan olaanaa gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Raamiiz Alakbaroov, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii uggurri kun akka ka'uuf yaalaa jiraachuu fi kun ''hawaasa gargaarsa namoomaa hundaaf balaa guddaa'' ta'uu dubbataniiru. Yoo aanga’oonni Taalibaan labsii hojjettoota dubartootaa dhorku hin kaasu ta'e, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Afgaanistaan keessatti gargaarsa namoomaa kennuu dhaabuu akka danda’u qondaalli kun BBC’tti himaniiru. Hojjettoonni dhaabbilee miti mootummaa Afgaanistaan, dubartoonni mana isaanii keessatti madda galii ijoo ta'anii socho'an kanaan duraa uggura kana fakkaatu hordofuun sodaa fi gargaarsa dhabuu isaanii BBC'tti himaniiru. Dubartiin tokko akkas jettee gaafatte: "Hojii koo dhaquu yoon dadhabe eenyutu maatii koo jiraachisuu danda'a?" Uggurri kun sadarkaa idil-addunyaatti ajandaa ijoo ta'eera, Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antonii Blinken, labsiin Taalibaan kun gargaarsa dhala namaaf murteessaa ta'ee fi lubbuu miliyoonotaa baraaru akka jeequ akeekkachiisaniiru. Taalibaan erga bara darbe biyyattii to'atee mirga dubartootaa hedduu daangesseera.
Manneen barnootaa fi dhaabbilee garaagaraa irraa dubartoota ugguruunis guyyuu raawwatamaa jira.
Dubartoonni iddoowwan uummanni itti baay’atu kanneen akka paarkii fi manneen ispoortii akka hin seenne dhorkamaniiru.