Afgaanistaan: Biyya miti, 'goommoo' dubartoota keessatti eeganidha malee

Afgaanistaan keessatti Taalibaan erga deebi'ee aangoo qabatee dubartootarra bifa garaa garaan dhiibban gahaa ture.

Bulchiinsi Taalibaan dubartoonni yuunivarsiitii galanii akka hin baranne ajaja baasuu isaatin dubartoonni heddu balbala yuunivarsiitii irraa loltoota Taalibaanin akka deebi'an godhaman.

Dubartoonni hijaaba uffatan hedduun mooraa yuunivarsiitii akka hin galle karraaratti dhorkamuu isaanin osoo boo'anuu mul'atu.

Waggaa tokkoo oliif dubartoonni baruumsa sadarkaa lammaffaa akka hin hordofne erga gochaa turee booda torbee kana ammoo kan caalu yuunivarsiitii galanii barachuun dubartiif akka hin malle labsii baase.

"Riqicha tokkicha anaa fi abjuu koo wal-qunnamsiisu na jalaa jigsan," jechuun BBCtti dubbatte barattuun Yuunivarsiitii Kaabul tokko.

"Maalan jechuu danda'a? Baradhee of jijjiira jedhee yaaden ture, garuu isaan [Taaliban] abjuu koo balleessan."

Carraan barnoota idilee dubartotaa hunduu cufamaa jira. Roobii darbe dubartoonni muraasni daandii Kaabul irratti bahuun mormii isaanii dhageessisanii turan.

Mormiin gaggeeffame muraasa ta'us hatattamaan Taalibaan isaan bittimse.

Dhaloonni Afganistaan amma jiru carraa barnotaa haadholiifi obboloonni isaanii kanaan dura hin argatin ni arganna jedhanii abjuu guddaa qabu ture. Faallaa kanaa abjuun isaanii ija isaanii duratti dhaamaa jira.

Taaliban bara darbe yeroo aangoo qabatu, Afgaanistaan keessatti ilaalcha kanaan dura qaba ture fooyyessuun mirga dubartootaa akka kabaju waadaa galee ture.

Bara 1996-2001 yerooAfgaanistaan bu'chaa turetti Taalibaan dubartoonni akka hin barannee fi hin hojjane gochaa ture.

Bara darbe yeroo US Afgaanistaan gadi dhiistee baatee Taaliban aangoo qabatu ijjannoon inni dur qabu ni jijjiirama kan jedhu eegamaa ture.

Garuu, suutuma suuta tarkaanfin garichi dubartoota irratti fudhatu Taalibaan amala isaa duriitti deebi'uu kan agarsiisudha jedhamaa jira.

Ji'a sadi dura barattoonni dubaraa qormaata seensa yuunivarsiitii akka qoraman eeyyamee ture.

Kutaalee bulchiinsa Afgaanistaan heddu keesatti barattoonni shamarranii fi dubartootaa kumni heddu qormaata fudhatan. Baay'en isanii dhoksaadhan ykn manatti tutoriidhan baratan.

Rakkoon kan biraa ammooo yeroo barattooni qormaataf taa'an namoonni mana baruumsaa irratti xiyyeefachuun boombii dhoosan jiraachudha.

Ammas taanan, kanneen abdii hin kutanne jiru.

Dubartoonni barachuu qabu moo hin qaban kan jedhu garee Taalibaan warra ilaalcha dhaadhessumma qabanii fi ilaalcha ammayyaa qaban gidduutti mata duree falmii ture.

Dubartoonni yuunivarsiitii seenanii barachuu dhorkamuun isaa garee Taaliban Hibatullah Akhundzaadadhaan hoogganamuuf mo'acha. Gareen kun akka shamarranii fi dubartoonni baruumsa ammayyaa barachuun barsiisa Islaamatiin dogoggora jedhanii kan amananiidha.

Garuu ammoo namoota Taalibaan Afgaanistaan bulcha jiran hundatu akka garee kanaatti yaada miti.

Keessumaa magaala Kaabul keessatti shamarran waggaa 12 olii mana baruumsaa deemuu akka qaban kan deeggaran achuma bulchiinsa Taaliban keessa jiru.

Murteen Taalibaan dubartoonni yuunivarsiitii galanii akka hin baranneef murteesse fuulduree biyyattii kan dukkaneessudha jechuun akeekkachiisaa jiru qaamoleen mirga dhala namaaf falman.

"Lammiilen ishee walakkaan duubatti akka hafan godhamee biyyi guddattu hin irtu," jedha ministeera dhimma ala US kan ta'an Antoonii Bilinkan. Taalibaan wal-tajjii idila adunyaatti akka mootumma seera qabeessatti ilaalamuudhaf dubartoonni akka baratan gochuun akka ulaagaa jalqabaatti fudhatanii jiru biyyoonni lixaa.

Hanga ammaa komii biyyoota lixaa irratti ka'aa jiruuf Taaliban gurra waan kenne hin fakaatu.

Maatiwwan Afgaanistaan biyya keessa fi ala jiran carraan ijoollee isaanii "dukkanaa'uun" sodaa fi aarii keessa isaan galcheera.

Dorkaan Taalibaan kaa'e kun erga dhagahamee booda dubartoonni Afaansitaan kaanan dura baratanii eebbifaman] suuraa yuunivarsiitii irraa eebbifamuu isanii agarsiisufi guyyaa eebba isaanii miidiyaa hawaasaa gubbatti maxxansaa jiru.

'Hojiin isaanii kan Islaamumma hin agarsiisu'

Barattuun yunnivarsiitii seera barataa turtee boqonnaaf mana jirtu tokko oduun kana booda dubartooni yuunivarsiitii galanii barachuu akka hin dandeenye ibsu gafa dhagahamu abjuun yuunivarsiititti deebitee barachuu ishee akka dukkanaa'e himti.

"Taalibaan mirga Rabbii fi Islamumman nuuf kenne nurraa mulqe," jechuun BBCtti himte.

"Biyyoota Islaama ta'an kan biroo deemanii gochaan isaanii gochaa Islaamummaa akka hin taane ilaaluu qabu. Akka isaab [Taalibaan] jedhanitti, kuni Saariyaadha. Garuu maalif dubaryoota qofaa irratti hojiirra oolchuu barbaadan. Dhiirota irratti maalif hojiirra hin oolchan?

Beektonni amantii biroos yaada barattuu kanaa deegaru. Nawida Khurasani dubartoota beektota amantii jedhaman keessaa tokkodha. Seerri Taalibaan base duudhaalee Islaamaa kan faalleessu ta'uu dubbatti.

"Islaama keesatti iddoo hin qabu- sababni isaa Islaamumman dhiironnis dubartoonnis baruumsa akka argatan deeggara waan ta'eef," jetti.

Barsiisa amantii Afgaanistaan keessa jiraatu kan biraas dubartoonnis ta'ee dhiironni barachuun waanuma Islaamummaan deeggaru akka ta'e BBCtti hime.

Barattoota shamarranii irratti balbala yuunivarsiitii cufuun Taalibaan dubartota irratti olaantummaa qabaachuu kan agarsiisudha.

"Afgaanistan mana hidhaa dubartootati malee dubartootaf akka biyyaa miti," jedha rogeessa dhimma Afgaanistan kan ta'e Humaira Qaderin.