Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taalibaan dubartoonni yunivarsiitii seenanii barachuu hin qaban jedhe
Afgaanistaan keessatti dubartiin yunivarsiiti galtee akka hin baranne jechuun Taalibaan ajaja baase. Xalayaan ministeera barnoota olaanoo Afgaanistaniin qophaa'e akka ibsutti, dubratoonni kamiyyuu yunivarsiitii senanii barnoota hordofuu hin qaban jedha.
Dhorkaan dubartiin akka yunivarsiitii hin seenne kaa'ame kun hanga yeroon isaa hin murtoofnetti akka turu Taalibaan beeksiseera.
Xalayaan ministeera barnoota olaanoo Afgaanistaan irraa bahe kun akka ibsutti, yunivarsiitii qofa osoo hin taane dubartoonni barnootuma idilee kaaniyyuu akka hin arganne kan dhorkudha.
Hanga ammaa dubartoonni hedduu baruumsa sadarkaa lammaffaa irraa dhorkamanii jiru.
Barattuun Yunivarsiitii Kaabul tokko erga dhorkaa dubartootarra kaa'ame kana dhageessee as boo'aa akka jirtu BBCtti himte.
Tarkaanfiin Taalibaan kun hawaasa idil-addunyaa dheekkamsiisera.
Antoonii Biliinken, "Taalibaan mirga lammiilee Afgaanistaan kabaju malee miseensa hawaasa idil-addunyan ta'a jedhee yaaduu hin qabu" jedhan. Dabaluunis, "Biyyi kamiyyuu walakkaan uummata ishee boodatti akka hafu godhamee osoo jiruu guddachuu hin dandeessu," jedhan.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) gama isaatiin, tarkaanfii Taalibaan kanaan yaadda'uu beeksise.
"Barnoonni mirga bu'uuraa dhala namaati. Dubartoonni akka hin baranneef balballi itti cufame jechuun fuulduree Afaagnistaanitti balbalatu cufame jechuudha," jedhan aangawaa UN kan ta'an Raamiz Alakbarov.
Ji'a sadii dura guutummaa Afgaanistaan keessatti dubartoonni qormaata seensa yunivarsiitii fudhatanii turan. Garuu baruumsa barachuu qaban irratti qoqqobbiin kaa'amee ture.
Gosoota barnoota kanneen akka Saayinsii fayyaa, Injinaringii, Ikonomiksii, Qonnaa fi Gaazexeessummaa fa'aa dubartoonni akka hin baranne dhorkamanii turan.
Bara darbe Taaliban erga aangoo fudhatee as dareewwan barnootaa keessatti dhiirriifi dubartoonni bakka tokko taa'anii akka hin baranne dhorkaman.
Daree dubartotaa seenee kan barsiisu barsiisota dubartootaafi namoota dullooman qofaadha.
Erga Taalibaan angoo qabatee as Afgaanistan keessatti barnoonni akkaan miidhamee jira jedhama. Namoonni ogummaa qaban biyyaa baqataa jiru.
Taalibaan erga dhufee booda rakkooleen hedduu jiraachuufi barnoota ishee itti fufuu dadhabuu dubbatti dubartiin BBCn dubbise tokko.
"Obboloota keenya, abboota keenyaafi mootummaa wajjin qabsoofneerra. Barnoota keenya barachuu akka dandeenyuuf jennee haala rakkisaa keessa dabarre.
"Yeroo sana yoo xiqqaate yunivarsiitirraa eebbifamee bakka abjuu koo nan gaha jedhee waanan yaaduuf gammachuun qaban ture. Amma garuu akkamittan of amansiisa?"
Diinagdeen Afgaanistaan harki gudaan deeggarsa biyya alaa iratti kan hundaa’udha. Erga Taalibaan aangoo qabatee garuu, dhaabbileen gargaarsa walakkaadhan, kaan ammoo guutummaadhan deeggarsa godhan dhaabaniiru.
Keessumaa erga Taalibaan dubartoota carraa barnootaa dhorkatee as dhaabbileen seektara barnootaaf deeggarsa gochaa turan addaan kutanii jiru.
Barsiisonni hedduun mindaa osoo hin argatin ji’ootaf akkasumatti barsiisu. Tarkaanfin Taalibaan ammaa fudhate kun ammoo caalmatti hawaasa addunyaa kan yaaddeessuudha.
US fi biyyoonni lixaa Afgaanistaan akka mootummaa seera qabeessatti fudhachuu dura Taalibaan dubartootaaf carraa barnootaa akka mirkaneessu irraa barbaadu.
Taalibaan dubartoonni barnoota sadarkaa lammaffaafi yunivarsiitii akka hin baranne dhorkuu qofa osoo hin taane, bakkeewwan bashannanaa kanneen akka paarkii, bakka bishaan daakaafi jiimii fa’aatti akka hin argamne dhorkaa kaa’eera.