Taphattuun Ispeen Waancaa Addunyaarratti erga dhungatamte yeroo jalqabaaf miidiyaatti dubbatte

Hermosoon Ispeen bara darbe Waancaa Addunyaa Awustiraaliyaatti akka injifattu gargaarte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hermosoon Ispeen bara darbe Waancaa Addunyaa Awustiraaliyaatti akka injifattu gargaartetti

Taphattuun sarara duraa garee kubbaa miilaa dubartoota Ispeen Jeeni Hermosoo ‘’kubbaan miilaa jireenya naaf ta’uu ittifufeera’’jechuun dubbatte.

Hermosoon ji’oota jaha dura Waancaa Addunyaa inijifachuu hordofee, hogganaan Federeeshinii kubbaa miilaa Ispeen Luyis Ruubiyaales erga dhungatee asitti yeroo jalqabaatiif miidiyaalee idil addunyaaf ibsa kennite.

Tapahattuun kun eeyyama isheetiin alaatti qondaalli kun ishee dhungachuu himachuu isheetu yaadatama.

‘’Ji’oota jaha, turtii dheeraa booda xumuraarratti deebi’uu kootiif ani carra qabeettidha’’ jette Hermosoon.

‘’Har’as kubbaa miilaatti nan bohaara, Ispeen dorgommii ispoortii kana akka inijifattuuf’’jette.

Shamarree ganna 33 Hermosoon, Hagayya 2023 Awustiraaliyaa magaalaa Sidiniitti Waancaa Addunyaa marsaa xumuraarratti Ispeen garee Ingilaand injifachuun hordofee hogganaan Federeeshinii kubbaa miilaa Ispeen Luyis Ruubiyaales Hermosoo dhungate.

Ruubiyaales taatee sana booda aangoo gadhiisuuf kan dirqisiifame yoo ta'u, FIFA'n taate kubbaa milaatiin walqabatu kamirrattuu waggoota sadiif akka hin hirmaanne uggurameera.

Murtoon kun ji'a darbe kan ragga'e wayita namni ganna 46 kun ol iyyatutti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taateen sun qocollaa dubartoota ispoortii keessatti hirmaataniirra qaqqabu sadarkaa olaanaa kan agarsiise fi sadarkaa addunyaatti dambalii mufii cimaa kan kaase ture.

Kana malees, taphattoonni garee biyyaaleessa Ispeen lagachuun jijjiiramni garee kubbaa miilaa biyyattii keessatti akka dhufu gaafataa turan.

''Taatee sana booda waa baayyeetu ta'e'' jechuun Hermosoon Kibxata darbe kana dubbattetti.

''Wantoota danuu hubachuun adeemsa rakkisaa ture. Ammayyuu kubbaa miilaa taphachaan jira.

Kanan fedhus uffata ispoortii kana uffadhe taphachuudha,'' jette.

Hermosoon garee kubbaa miilaa Taayigeersi Meeksikoof kan taphattu yoo ta'u, Sadasaa keessa garee biyyaalessaatti dabalamuun daqiiqaa 89ffatti goolii Xaaliyaanii Liigii Biyyaalessarratti ittiin injifatan galchite.

''Tapha xumuraa biraarratti taphachuun barbaada, kubbaan miilaa jiruun ani barbaadu naaf laata waan ta'eef baayyeen itti gammada.

Garee biyyaaleessaa keenya fi garee kubbaa miilaa Taayigersi waliin taphachuu ittifufuun barbaada,'' jette Hermosoon.

''Boru yoo injifanne Ispeen irra deebiin seenaa hojjatti,'' jette.

Dorgommiirratti xumuraaf darbuun Ispeen dorgommii Olompikii gannaaf geesse.

''Waancaa Addunyaa fudhachuun hanga yeroo gabaabaa keessatti seenaa dalaguutti geenye,'' jette.

''Boru Ispeen iddoo turuu qabduu agarsiisuuf carraa qaban, waan gaarii dalaguuf'' jette.

Wayita taateen Waancaa Addunyaarratti mudate sun mufii sadarkaa addunyaatti kakaasetti taphattuun Ispeen Ballon d'Or injifatte Ayitanaa Bonmatii, yeroo dorgommii garee dubartoota sadarkaa addunyaa keessatti jijjiramni barbaachisutti biyyattiin dorgommicha injifachuun''fayidaa tokko hin qabu'' jette.

Bonmatiin gaazixaa ispoortii Farsaayitti wayita dubbatte ''akka carraa ta'ee waa danuun jijjirameera jedhee hin yaadu,'' jette.