Sababii mormii waraana Israa'el Gaazaatti fufeen yunivarsitiin US sagantaa eebbaa haqe

Yunvarsitiin Kibba Kaaliforniyaa (USC) kan Ameerikaa Loos Anjalasiitti argamu, sababii yaaddoo nageenyaatiin sirna eebbaa Caamaasaa 10 gaggeessuuf ture haquu beeksise.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga mormiin waraanaa Israa’el- Gaazaa kaampaasiiwwan Ameerikaa baayyee keessatti mudateen boodadha.

Yunivarsitii Atiilaantaa Emoreey keessatti mormitoonni erga gadhiisanii deemuu didanii booda Kamisa kaleessaa namoonni 28 to’atamaniiru.

Magaalaa Niiw Yoork keessatti, Yunivarsitiin Kolombiiyaa mormii kaampaasiicha keessa jiru akka dhaabbatuuf sa’aatii daangaa halkan Kamiisaa kaa’ee ture.

Yunivarsitiiwwan Ameerikaatti mormiin erga waraanni Israa’el-Gaazaa eegalee kaasee kan ture yoo ta’u, torban darbe keessa garuu Yunivarsitii Kolombiiyaatti barattoonni dunkaana buufachuun mormii cimsan.

Kanaanis yunivarsitoota Ameeriikaa hedduu keessatti barattoonni sochiilee Filisxeemoota deeggaraniifi Israa’el morman gaggeessaa jiru.

Yunivarsitiin Kibba Kaaliforniiyaa ibsa kaleessa kenneen, sagantaa eebbaa hirmaattonni kuma 65 ol irratti hirmaatan gaggeessuuf kan rakkatu ta’u ibseera.

Murteen kun osoo hin darbiin guyyaa tokkoon dura ykn gaafa Roobii ammoo, barattoonni yunivarsiitichaa 93 poolisii fuuldura dhaabatan hidhamaniiru.

Yunivarsiitiin Kibba Kaaliforniyaa murtee kanarra osoo hin gahiin baatiin dura, barattuun Musliimaa Asinaa Taabaasuum jedhamtu, kan sagantaa eebbaa irratti haasaa taasisuuf turte, sababii nageenyaa ifatti hin himamneetiin haqamuun baramee ture.

Atiilaantaa Yunivarsitii Emooriittis mormitoonni Filisxeemota akka deeggaran ibsaniiru. Kana qofaas osoo hin taane jiddugala leenjii poolisii Atilaantaatti ijaaramaa jiru irrattis komii akka qaban himan.

Ijaarsi jiddugala leenjii miseensota poolisii kunis magaalattiitti mormii kan kaasee yoo ta’u, mormiitoonni tokko tokkoos Loosaanjalasiin magaalaa poolisii taasisa jechuun ibsan.

Ibsa amma Yunivarsiitichi baasee kanaan, hokkorrii kan mudate tibba barattoonni barnoota isaanii xumuruudhaan qormaata waliigalaatiif qophaa’aa jiraniitti jedhe.

Poolisiinis dhaabbaticha tiksuudhaaf miseensota isaa naannichatti bobbaasuu kan hime yoo ta’u, mormitoonni tokko tokkoos poolisii irratti waa darbataa turan jedhe.

Dureewwan Yunivarsitii Kolombiiyaa kan jalqaba mormii keessatti ka’e erga poolisiif bilbilanii booda namoonni 100 ta’an to’annoo jala oolfamaniiru.

Booda keessa ammo sochiin mormii kunis gara yunivarsitoota Ameerikaa kaanittis babal’ateera.

Barattoonni Filisxeem deeggaranis yunivarsiitoonni akka ‘‘gocha duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa’’ keessatti raawwataa jirtu irraa of eegan gaafatan.

Kana malees dhaabbilee Israa’eliif meeshaa waraanaa oomishanis akka hin deeggarre mormitoonni ibsaniiru.

Barattuun seeraa Chiiyaastoo Miimuu jedhamtu, mormitoonni hooggantoota yunivarsitootaafi Joo Baayidan irratti komii olaanaa akka qaban BBCtti himte.

Isheenis mormitoonni, ‘‘Meeshaa waraanaa duguuggaa sanyiitiif oolu omishuudhaan Israa’el hidhachiisuu irraa akka of qusatan’’ gaafachu kaafte.

Barattoonni Ayihuud yunivarsitii Kolombiiyaafi kaan keessatti argaman baayyeen yaaddoo nageenyaa olaanaa qabaachuu ibsan.

Kaan isaan ammoo mormicha keessatti hirmaatanii mul’ataniiru.

Barattoonni Yunivarsitii Kolombiiyaa mormiisaanii dhaabuudhaan gara waliigalteetti akka deebi’aniif Kamisa halkan sa’aatiin kaa’ameefii ture.

Haata’u malee, yunivarsiitichi mormitoota waliin waliigaltee irra waan hin geenyeef, filmaatawwan gara biraa akka ilaalu ibseera. Haata’u malee filamaatawwan attam kan jedhurratti kan ifatti jedhame hin jiru.

Waraanni Israa’el-Gaazaa haleellaa hidhattoonni Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba Israa’el irratti banuudhaan namoota 1,200 ol ajjeessanii kanneen 253 ta’an erga butanii fudhatanii booda eegale.

Erga yeroo sanaatiin booda waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffameen kan irra caalaan isaanii daa’immaniifi dubartoota ta’an, namoonni 34,180 ol ajjeeffamuu Ministirri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin durfamu beeksiseera.