Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Ostiriyaa tapha idiladdunyaarra galchii ishee saffisaa lakkoofsise
Kiristoof Baumgartner tapha idiladdunyaarra goolii ishee saffisaa galchuuf sekoondiiwwan jahaa qofa itti fudhate.
Taphni kunis Isloovaakiyaa fi Ostiriyaa jidduu kan taasifame ogguu tahu, Ostiriyaan dirreen alatti 2 fi 0n mo'atte.
Tapha kanaan taphataan Ostiriyaa biroo Andiriyaas Weeyimaan galchii gara xumuraatti lakkoofsiseen, biyyattiin 2 fi 0n mo'ichaan deebite.
Taphataan sarara jidduu umriin 24 tahe Kiristoof, battaluma taphi jalqabame taphattoota sadi bira taruun goolii karra eegaa Maartin Dubraavkaa keessa buuse.
Galchiin isaa kunis sekondii tokkoon goolii Lukaas Podoliskiin 2013'tti galcheen saffisti - gaafas Jarmaniin Ikuwaador mo'atte.
Tapha Sambata duraa kanaan gooliin saffisaa gale kan taphataa kanaa callaa hin turre. Tapha michummaa Faransaay fi Jarman jidduutti taasifamee fi Jarman 2 fi 0n itti mo'atteen, Filooriyaan Wiirz taphi eegalee sekondii torbatti galche.
Tapha magaalaa guddoo Isloovaakiyaatti gaggeeffametti ennaa deebinu, deeggartoonni waan sekoondii jaha keessatti raawwate amanuu hin dandeenye.
Tapha reefu eegaluunsaayyuu sirnaan hin baramnetti, nurratti galeera jedhanii akkamiin amanuu danda'u?
Gooliiwwan saffisaadha jedhamuun beekaman keessaa, gulaallii Waancaa Addunyaa 1993'n, taphataan Saan Maariinoo sekoondii saddeet irratti Ingilaand irratti galchuun naasuu keessa galche ishee tokko.
Akkasuma taphataan Beeljiyeem Kiristiyaan Benteekee 2017 irratti Jibraaltaar irratti akkasuma sekoondii walfakkaatu saddeet irratti kan galche kan eeramudha.
Gooliin Kiristoof galche tun sekoondii lamaan gooliiwwan kana saffisaan caalti jechuudha.
Gooliin saffisaa Pirimeer Liigiirra lakkaa'ame ammoo 2019 keessa kan Sheen Loong galche ogguu tahu sekoondii 7.69 kan fudhate ture. Kunis tapha Saawuzihaampitan fi Waatford gidduutti raawwate.
Chaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti ammoo gooliin saffisaan lakka'ame sekoondii 10.12 ennaa tahu, taphataa Baayer Muuniik Roy Makaayitu 2007 irra lakkoofsise.
Kanaafuu galchiin saffisaan gale kanaa gadi hinjiruu? jechuu dandeessu. Ni jira.
Guraandhala keessa taphataan kilaba Croydon FC, Raayaan Hool, sarara gidduu taphni itti jalqaberraa rukutuun sekoondii 2.31 irra goolii lakkoofsisuu danda'eera.
Dorgommii London Senior Trophy jedhamu kanaan, Cockfosters dabalatee gareen lamaanuu ramaddii liigiiwwan bebbeekamoo keessatti kan argaman miti.
Galmeen waan dinqisiisoo galmeessuu Guinness World Records kana akka rekordiitti galmeessuu hin dandeenye. Maaliif jennaan, gooliiwwan dorgommii kubbaa miilaa piroofeeshinaalaan ala jiran irratti waan hin xiyyeeffanneef.