'Rifarandamii gaggeessuun ejjennoo hooggansa olaanaas, gaaffii uummataas miti'-Magaala Dirree Dhawaa

Magaalaa Dirree Dawaa

Madda suuraa, We Are From Diredawa City

Riifaradamiin gaggeefamee bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa qaama naannoo Oromiyaa ykn Somaalee ykn ammoo naannoo of danda'e akka ta'u yaadni dhiyaate dubbiin jedhamu ''gaaffii uummataa miti'' jedhe Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa.

Tibba kana bakka bu'aan Dirree Dhawaa paarlamaa Itoophiyaa yaada kana mana marichaaf dhiyeessaniiru gabaasni jedhu bahuu hordofee magaalichi caasaa naannolee abbummaa himatan Oromiyaa fi Somaalee keessaa tokkotti makamuu ykn ammoo naannoo of dandeesse ta'uu malti dubbii jedhu kaasee ture.

Haata'u malee, hoogganaan waajira Kominikeeshinii bulchiinsa magaala Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Felleqee yaadni riifarandamii gaggeessuu ejjennoo aanga'oota bulchiinsichaa miti jedhan.

Odeeffannoo kana gaafa Amajjii 15 jalqaba kan gabaase barruu Rippoortar jedhamuudha.

Barruun kun bakka bu'aa Dirree Dhawaa mana Maree bakka bu'oota uummataa Obbo Abduljawaad Mohaammad waabeffachuun gaaffiin riifarandamii gaggeessuu mootummaa federaalaaf dhiyaachuu gabase.

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa paarlaamaa keessatti bakka bu'oota qabdu lama keessaa tokko kan ta'an Obbo Abduljawaad walgahii waloo mana maree federeshiniifi mana maree bakka bu'oota uummataarratti yaadichi dhiyaate jedha barruun kun.

Obbo Abduljawaad walgahii waloo kana irratti rakkoo ijoo bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaati jedhan, keessummaa hanqina bajataa fi qabeenya naannoorraa fayida qixa ta'e dhabuun walqabatu kaasuu barruun Rippoorter gabaaseera.

Obbo Biruukis akkasuma yaadni bakka bu'aan kun haala qabatamaa bulchiinsa magaalichaarratti kaasan sirrii ta'uu BBC'tti himanii, wantii sirrii mitii jedhan yaada furmaataa bakka bu'aan kun kaahaniidha jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka barruun Rippoorter jedhutti, bakka bu'aan kun rakkoo bajataa keessaa bahuuf yaadni furmaataa dhiyeessan caaseffamni naannoo haaraa gochuu ykn naannolee Oromiyaa ykn Somaaleetti makuu murtee uummataan osoo raawwatee jedhuudha.

Obbo Biruuk ''murteen uummataa godhamee gara naannoo tokkootti osoo makamee yaadni jedhu waliigalatti akka hooggansa olaanaatti kan irratti hin mariyanne, ejjennoo keenyas kan hin taane, gaaffiis, ejjennoo uummataas kan hin taanedha'' jedhan.

Magaalli Dirree Dhawaa chaartar bara 1996 baheen bulaa jirti kan jedhan Obbo Biruuk chaartarichi magaalichaaf fayidaa baayyee buusuus rakkooleen mataa isaas fidee dhufeera jedhu obbo Biruuk.

''Rakkoo kana furuuf qaamolee adda addaa waliin mariin godhamee wixineen chaartaraa gara waajira ministira muummee ergamee deebii eeggachaa jira'' kan jedhan aanga'aan bulchiinsichaa kun, yaadni dhiyeessan diinagdeen of danda'uu bulchiinsichaarratti wanta hudhaa ta'e hanqisuudha jedhan.

Dirree Dhawaan ganda magaalaa 38 fi ganda baadiyyaa 39 qabdi. Wixineen Chaartaraa amma murtee eeggatu bulchiinsa magaalichaa seeraan of dandeessisuu fi beekamtii heeraa mootummaa federaalaa argachuurratti kan xiyyeefate akka ta'e dubbatu.

Yaadni furmaataa dhiyeessan akka amma himamu rifarandamiin naannolee lamaan keessaa tokkotti makamuu osoo hin taane galii maddisiisturraa fayidaa qixxee haala itti argattu tolchuudha jedhan.

Magaalaa Dirree Dawaa

Madda suuraa, We Are From Diredawa City

Dirree Dhawaan magaalaa sabaafi sablammiileen keessa jiraatan ta'uu kan himan obbo Biruuk, eenyummaa adda tae kan mataa ishee waan qabduuf naannolee lamaan keessaa tokkotti makamuu hin maltu jedhu.

Yaada bakka bu'aan ummataa obbo Abduljawaad walgahiirratti dhiyeessan ''irra hedduun sirrii ta'ee, ejjennoo bulchiinsa magaalaas kan uummata Dirrees miti jennee kan morminu yaada furmaataa riifarandamii jedhamee kaahamee'' jedhu obbo Biruuk.

Gabaasni Rippoorte hojjete erga dhagaahamee booda bakka bu'aa uummata obbo Abduljawaad wajjin miriyatamuufi rakkoon bulchiinsichaa akki itti ibsame kan isaan waliigalchu ta'uufi garaagarteen kan dhalate yaada furmaataa irratti ta'uu obbo Biruuk himan.

Sabootni Oromoo fi Somaalee magaalaan chaartaraan bultu kun kan kooti jechuun irratti walmorkatu. Yeroo adda addaattis abbummaa magaalichaa irratti walitti bu'iinsi lubbuu galaafatu dhalateera.

Rakkoo kana furuuf hooggansa bulchiinsa magaalichaa sabummaan kan walmadaalu gochuuf yaaliin godhamaa ture. Kana keessattis dhalattootni Amaaraa ammoo bulchiinsi magaalichaa isaan qollifachuun sirrii akka hin taane himachuun rakkoowwan hedduu keessummeessiteetti.