Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lafti qonnaan bulaaf: Sochii barattootaa bifa baadiyyaa Itoophiyaa jijjiire
Baatiin Guraandhalaa sirna Dargiitiif kan seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti bakka addaa qabudha. hookkorri siyaasaa, warraaqsiifi injifannoon kan galamaa’e baatiidhuma kana keessa.
Baatiin kunis kan siyaasa Itoophiyaa keessatti biyyattiif waan haaraan akka itti mudatuuf murtaa’e fakkaata.
Sirna Mootii keessatti hanqinni haqa hawaasummaa, burjaajii bulchiinsaa, namoonni muraasni kan lafa itti qabatanii qonnaan bulaa hedduun qotee isaaniif galchu akka dhaabbatuuf jecha barataafi hayyoonni gara addabaabaayiitti mormiif kan bahan baatii Guraandhalaa keessa ture. Barri isaas ALI 1966 ture.
Barataanis mormii bahuun ‘mootummaan yeroo akka dhaabbatu’ gaaffii dhiyeesse. Barattoonni Yunivarsitii haala rakkina maatiin saanii qonnaan bulaan keessatti argamu hubatanis dhaadannoo ''Lafti qonnaan bulaaf’’ jedhu qabatanii addabaabaayii bahan.
Sochiin barattoota yunivarsitiin eegalamee kunis boodarra barattoota biyya keessaafi biyya alaa kan hirmaachisee fi dhumarrattis barattoota manneen barnoota oggummaa sadarkaa lammaffaa dabalate, hawaasa hunda kan kakaase ture.
Waraaqsi irra caalaan barattootaan eegalame kunis dhumarrattis loltoota biyyattis dabalate.
Bulchiinsa lafaa bara Atseewwaniitti
Sochiin barattoota Itoophiyaadhuma 1950motaa kaasee carraa siyaasa biyyattii irratti dhiibbaa olaanaa taasiseera.
Barattoonni kunneenis gaaffiiwwan ijoo kaasan keessaa isaan bu’uraa dhimma lafaafi dhimma sabaati.
Akka oggeessa qorataa qabeenya lafaa, Obbo Dasaalany Raamatoo, yeroo sanatti dhimma guddaa barattoonni irratti mari’ataa turan keessaa tokko gaaffii ‘‘lafti qonnaan bulaaf’’ haa ta’u jedhu ture jedhan.
Barattoonni irra caalaan kan dhufan kutaalee baadiyaa biyyattiirraa waan ta’ef itti dhiyaanyaanis walitti dhufeenya haqa-maleessaa abbaa lafaafi qonnaan bulaa beekuun isaanii sababa ta’eera.
Dhaaddannoon ‘‘lafti kan qonnaan bulaa’’ haata’u jedhuuf dhimma barattoonni sadarkaa lammaaffaafi yunivarsiitii yeroo sanaa meeshaa ittiin ummata qabsoof kakaasaniidha.
Barattoonni kunneenis Guraandhala ALI 1958 dhaadannoodhuma sana qabatanii addabaabaayiitti bahuu qorannoowwan Pirof. Baahiru Zawude ni kaasu.
Waa’een dhimma lafaatiis keessa keessaan barattootaafi hayyootaan irratti mari’atamaa turuu dubbatu Obbo Dalaasany.
‘‘Barattoonni Guraandhala 1966 osoo addabaabaayiitti bahuun mormii hin dhaggeesisiin dura, kaampaasiiwwan keessatti gadi qabaan irratti mari’ataa turan. Lafti qonnaan bulaaf ta’u murteessaa akka ta’e mari’atanii ture.’’
Haalli abbummaa lafaa ALI bara 1966 dura kaabaafi kibba biyyatti garaagra ture jedhu.
‘‘Booddee deebii’anii sanyii lakkaa’uun…kan naannoo sana qabate ijoollee, ijoollee ijjoolee namoota dur safaraniiti jedhameeti lafti kan eenyu akka ta’e kan murtaa’u. Kan achitti dhalate hundi laftich qooddachuuf mirga qaba,’’ jedhu Obbo Dasaalany Raahamatoo.
Bara 1966 dura, ‘‘keessattuu kibba Itoophiyaatti irra caalaan lafaa kan masaafintootaafi maatii mootiin kan qabame ture’’ jedhu.
Sochii barattootaa sirna abbaa lafaarratti ''lafti qonnaan bulaaf haata’u’’ jechuun wayita ka’aniitti xiyyeeffannaan irra caalaa kibbarra ture.
‘‘Kibba Itoophiyaatti abbaa lafaa, kan sirni fiwudaalii keessatti babal'ate ture. Kanaafuu aangoo abbaa lafaa fi masaafntii mulquun mirga lafaa harkaa baasuun murteessaa ture. Kanaaf Sochii lafti qonaan bulaaf jedhu kan eegale.’’
Qonnaan bulaa hedduunis lafa qotaniirraa waan oomishan abbaa lafaatiif qoodu turan. Yeroo sanattis waliigalteen mallattaa’e jiraachu baatus, qonnaan bulaan haaluma waliigaltee abbaa lafaa waliin taasiseetti kan omisheerraa ‘‘Siisoo, afur keessaa harka tokko ykn wallakkaa kan kennu ta’e,’’ jedha oggeessi kun.
Bara 1960mota keessa kun waraqaarratti barraa’uun, abbaa lafaafi qonnaan bulaa jidduutti waliigalteen akka jiraatu yaalamee ture jedhu Obbo Dasaalany. Yaada kana garuu qonnaan bultoonni hedduun cimsanii morman.
Gama biraatiin ammoo qonnaan bulaan hanga barbaadame cimee yoo hojjatu, abbaa lafaatiif kan hiru hanga oomisheen malee, ‘‘kan waliigaltichaan hanga kana kennita jedhamee ta’ee miti. Abbaan lafaa aangoo olaanaa qonnaan bulaarratti qabu kan agarsiisuudha’’ jedhan qorataan kun.
Gaaffii lafaa Haayilassillaaseef dhiyaatee ture
Mootii Hayilasillaaseetiif gaaffiin lafaa rakkoo akka qabu dhiyaateefii akka ture hayyoonni seenaa qorannoo gaggeessan hedduun barreessaniiru.
Obbo Dasaalany, Dhaabbanni Gargaarsaa Siwidiin naannoo Arsii Cilaalootti yeroos sagantaa bal’aa qaba ture jedhu.
Dhaabbanni gargaarsaa kunis naannichatti hojii wayita hojjatuutti rakkoo ta’e wanta argate keessaa tokko dhimma lafaa ture jedha qorataan kun.
‘‘Abbootiin lafaa, masaafnitoonni yeroo baayyee misoomni akka socha’u hin barbaadan. Misooma jechuun qonnaan bulaan kaka’uufi gaaffii akka dhiyeessu taasisuu jechuu waan ta’ef, gaaffiin akka kaa’u hin barbaadamu ture.’’
Kanaaf jecha abbootiin lafaa naannichaa sochiin misoomaa akka hin taasifamne ‘‘gufuu baayyee’’ taasisu turan. Dhabbanni gargaarsichaas Hayilasillaaseef kan kaasuu yaadatu Obbo Dasaalanyi.
Dhiibbaan kallattii hedduu waan baayyateef mootummaan suuta jedhee jijjiiramoota tokko tokko yoo taasisu argu himu.
Ministeerri Qabeenya Lafaafi Bulchiinsaa 1960moota keessa hundeeffamuun kanaaf akka fakkeenya tokkootti kaasu.
Kunis sababii biyyoonni deeggarsa taasisan dhiibbaa taasisaniifi dhimmi lafaa furmaata akka argatuuf gaaffiin cimuusaati jedhu.
Ministeerri kunis hojjattoota bobbaasuun qorannoo gaggeesseen, jijjiramoonni tokko tokko taasisuuf yaada wixiinee paarlaamaaf dhiyeessanii turan.
Yaada dhiyaatan keessaa tokko, waliigalteen abbaa lafaa fi qonnaan bulaa barreeffamaan haa ta’u kan jedhu ture.
Kan biraa ammo qonnaan bulaan abbaa lafaatiif kan kanfalu haa murtaa’u kan jedhu ture.
Qonnaan bulaan hangi abbaa lafaatiif kanfalu baayyina oomishaatiin osoo hin taane, ‘‘kafaltii murtaa’e haa ta’u, kanfaltiin oomishaan osoo hin taane maallaqaan haa murtaa’u’’ yaadni jedhu dhiyaachuu yaadatu Obbo Dasaalany.
Haata’u malee, yaadni kunis miseensoota paarlaamaa yeroo sanaatiin mormiin mudate kufiifame.
Gaaffiin abbummaa lafaa diinagdee moo siyaasa?
Gaaffiin lafti kan qonnaa bultootaa jedhu keessootti gaaffii dinagdee qabaatulleen, gaaffii mummeen garuu gaaffii siyaasaati jedhu Obbo Dasaalany.
Gaaffiin barattoonni, booda keessa ammoo sochii hayyootaa irra turaniin dhiyaatu mummeen gaaffii ‘‘aangootii ykn siyaasa’’ jedhu.
Aangoon siyaasa yeroo sanaa lafa to’annoo jala oolfachuurratti kan hundaa’e ture jedhu.
Warraaqsa 1966 booda gara aangootti kan dhufe mootummaan waraanaas, haaluma gaaffii sochii barattootaatiin, lafa qonnaan bulaaf hiruu qofaa osoo hin taane, murtee ‘‘aangoo lafa waliin walitti hidhate guutummaan diiguu’’ murteesseera.
‘‘…Angoon sunis kan diinagdee qofa osoo hin taane kan siyaasaatis. Kan dandeettii haqa argachuu hammatudha. Suun yeroo adda cituutti jijjirama hundeerraa kan ta’efis kanuumaaf ture.''
Darginiis gaaffii kana deebiisuuf labsiin lafaa baasee ture kan “aangoo ceesisee qofa osoo hin taane gaaffii sabootaaf kan furmaata kenne ture'' jedhan Obbo Dasaalany Raahimatoo.
Yeroo sanattis siyaasnis ta’e diinagdeen sabummaa bu’uurreeffate hin turre. Cunqursaan saboota guddaan haala lafti ittiin bulfamu ture jedhu.
Labsiin ''lafti qonnaan buulaaf'' jedhus keessattuu nannoo kibbaatti kanneen naannoolee garaa garaatii dhufanii lafa qabataniifi qonnaan bulaaa akka oomisha safaruuf taasisan kan buqqaase ture.
Gochaan Dargiin raawwates kan ''gaaffii saboota baayyee deebise ture'' jedhu Obbo Dasaalany.
‘‘Kanneen naannoo biraa irraa dhufuun lafa qabatan humnaan buqqaasuun dhalataan naannichaaf kennuu jechuun, dhalatoota naannoo sanaa bilisa baasuudha.''
Burjaajjii “lafti qonnaan bulaaf’’ erga ta’ee booda dhufe
Fiqirassilaasee Wagdaras kitaabasaanii “Inyaanaa Abiyootu'' jedhurratti, Gochaa seenaa qabsoo Dargii erga hundeefamee kaasee raawwachuuf yaadee fi kan qaamni hawaasaa barateefi keessatti yaadni namoonni ilaalcha tarkaanfataa qaban gaggeessaa turan, “dhaadannoon lafti qonnaan bultootaaf'' jedhu hojiirra oolchuu akka ta’e barreessaniiru.
Barattoonni yunivarsitii irra deddebiin kan kaasaniifi meeshaan ittiin ummata qabsoof sochoosan guddaan, gaaffii lafti qonnaan buulaaf jedhu waan tureef aanga’oonni Dargii dursanii, “fedhii gaaffiin lafaa deebii argachuu qaba jedhu qabu ture'' jedhan Fiqirassilaaleen.
Fedhiin kunis Dargiin aangoo qabatee yeroo gabaabaa keessatti labsii Guraandhala 1967 labsameen hojiirra oolfame. Labsiin kun kan baadiyyaa Itoophiyaa gutummaan jijjire ture jedhu Obbo Dasaalany.
Labsiin sunis jijjirama olaanaa taasisuudhaan sirni abbaa lafaa akka hin deebiineef haala uume. “kanneen seenaa biyyattii keessaa abbaa lafaa, masaafintii, kabartee jedhamaa turan gutummaan badan. Kunis milkaa’ina olaanaadha.''
Labsicha hordofunis lafti akka hiramu taasifame. “Qonnaan bulaan naannoo hedduus bakkuma qabatetti akka turu ta’e. Bakka kaaniitti ammoo akka hirmatan…kanneen lafa hin qabne lafa abbaa lafaaf qabamee ture bal’aa hirmatan,'' jedhu Obbo Dasaalanyi.
“Qonnaan bulaanis kanatti gammaduun Dargii deeggaraa ture. Kana malees waggaan oomishni qonnaa olaanaan galmaa’uu eegale.''
Ta’us gammachuun qonnaan bultootaa kun itti hin fufne. Dargiinis imaammatawwan, sagantaalee, labsiiwwaniifi dambiiwwan adda addaa baasaa ture.
Sagantaaleen kunneenis kan qonnaan bulaa dhiphisaniifi danqaa itti ta’an turan. Labsiiwwan qorannoofi qophii gahaa malee hariitiin gara hojiitti jijjirmaa akka turan kaasu Obbo Dasaalanyi.
Labsiiwwan Dargii keessaa Waldaalee Hojii Gamtaa akka hundeeffamu taasisu tokkoo ta’u eeru.
Waldaalee Hojii Gamtaa gosa lamatu ture. “Tokko kan tajaajilaa kan jedhuu yoo ta’u, kan biraa ammoo kan oomishitootaa kan jedhu ture‘'' jedhu.
Keessattuu Hojiin Gamtaa oomishtootaa kan qonnaan bulaarratti dhiibbaa olaanaa taasise ta’u yaadatu. Haaluma kanaanis qonnaan bultoonni lafasaanii waloon qotuun oomisha akka hirmatan taasifamee akka turu himu.
‘‘Waldaan Gamtaa Oomishtootaa dhugaatti sagantaa badii olaanaa raawwateedha.''
Sagantaa gara biraa ammoo qonnaan bulaan walirraa fagaatee jiraatu ollaan walitti qabame akka jiraatu gochuuf sagnataa hundeessuu qubannaa kan biraa ture jedhu.
Labsiin kunis maneen barnootaa, fayyaa, ibsaa, bishaan haala salphaatti dhiyyeessuuf akka mijatuufi misooma haala salphaan fiduuf yaadame kan labsame ture.
Sagantichis ariitiidhaan qonnaan bulaan bakka barootaaf jiraachaa turerraa buqqaasuun gara ollaa hundeeffamuutti galu taasise. “Kunis sagantaa qonnaan bulaan gonkumaa hin fudhatu ture.’’
Dargiinis oongeefi beela cimaa yeroo sanatti ture dandamachuuf jecha‚ “sagantaa qubannaa biyyaaleessaatu barbaachisa jechuun labse'' jedhu.
Qorannaa gahaa malee ummanni kaabaa kibba deemee akka qubatu taasifame. Sagantaa kanaanis yeroo baatii jaha hin guunnee keessatti uummanni kumaatamaan lakkaa’amu gara biraatti buqqa’ee socho’uun “sagantaa qubannaa raawwatameera’'' jedhamuu kaasu.
Sagantaa qubannaa sunis miidhaawwan qaabsiise keessaa tokko oomishni baadiyaa akka hir’atu taasisuun jiraataa maraarranis miidha qaqabsiisu kaasu.
Aanga’oonni Dargiis fala haala kana fooyyeessurratti hojjachuurra yaada riimee “diinagdee sooshaalizimiin durfamu gaggeesina jechuun murtee biraa labsan.'' jedhu.
Yeroo garaa garaattis qoodiinsi lafaa irra deedebiin taasifamu kaasu. Kanaanis qonnaan bulaan labsiiwwan yeroo garaa garaatti bahaniin yaaddoo keessa galaa adeemuu yaadatu.
Kanaan wal qabateef qonnaan bulaan Dargii irratti ilkaan ciniinachu eegale jedhu. Dargiin labsii lafti kan qonnaan bulaa akka taa’uuf baaseen alatti, diinagdeen qonnaan bulaa yeroodhaa gara yerootti hir’achaa adeemuu kaasu.
Dhimma lafaa wagga 50 boodas mata duree marii ta’e
Warraaqsi Itoophiyaa waggaa 50 wayita yaadatamutti gaaffiin lafaa ammas bifa jijjirachuun jira jedhu Obbo Dasaalany. Gaaffii lafaa ammaa keessa gaaffii dhalootaatu jira jedhu Obbo Dasaalanyi.
Ammaatti lafti kan qabamee jiru maatiidhaan. Kanaafuu gaaffiin jiruu abbaafi ijoollee jidduudha. Ijoollee guddataa yoo dhufan kan gaheesaanii argachuu gaafatu. Garuu yoo qooddatan ‘‘xiqqoo qofatu gaha’’ jedhu Obbo Dasaalanyi.
Gaaffii amma jiru qabiyyeen lafaa xiqqaachaa adeemuudha. Kun ammoo maatii jidduutti waldhabdeen akka umamuuf sababa ta’a jechuun ibsu.
Eddoo tokko tokkottis lafti qonnaa waan hanqatuuf lafa loon dheedan, gaarreeniifi irrangadeen osoo hin hafne qonnaaf kennamuun nageenya naannoo miidhaa jira jedhu.
Kanaafuu gaaffiin lafaa bara kanaa kan abbummaa qofaa osoo hin taanee, gaaffii qonnaan bulaan lafa bakka garaagaraatti argamu qabu attamiin misooma fida kan jedhudha jedhan.
Gaaffiiwwan lafa baadiyaa Itoophiyaa ummata hedduuf deebii kennuu akka dadhabe kaasu.
Kanaafis akka fakkeenyaatti, ‘‘ijoolleen qonnaan bulaa baadiyaa keessa jiraachuuf waan rakkataniif, faddaaloota seeraan alaatiin heddumminaan biyyaa bahaa jiraachuu’’ akka agarsiiftuutti kaasa.
Ummata baadiyaa xiqqeessuuf sagantaan hojii uumuu qophaa’ee ‘‘osoo wal jalaan dargaggeessi hojii qabataa gara magaaloota akka deemu taasifame tarkaanfii guddaa ture’’ jedhu Obbo Dasaalany.
Kun ammoo hojii cimaa waggootaan yoo deegarame malee carraan dhugoomuusaa gadaanaadha jedhu.
Gaaffiin lafaa bara kanaa wal xaxaa waan ta’ef, ‘‘gadi taa’amee mari’achuun furmaata itti kennuun barbaachisaadha’’ jechuun gorsu.