Rakkoowwan sirnaan qorichatti fayyadamuu dhabuurraa dhufuu fi furmaata isaa

Doktarri qoricha isiniif ajajee jidduutti dhaabdanii beektuu? Sa'aatii qoricha itti fudhachuu qabdan hoo irra dabartanii beektuu? Miidhaa haalli akkasii qabaachu malu irratti gorsa ogeessa fayyaa akkasiin qindeessineera.
Ittifayyadamni qorichaa haalaan yoo hin adeemne balaa guddaa biyyaafi hawaasarraan gahuu waan danda’uuf haalaan to’atamuu akka qabu dubbatan Pirofeesar Sulxaan Sulemaan.
“Ittifayyadamni qorichaa qulqullinasaa eeggatee yoo deeme malee dhukkubarraa fayyisuu dhabuu qofa osoo hin taane, rakkoo hawaas-dinagdee biroof akka saaxilu hima ogeessi ogeessi waggoota 20 oliif qorannoo fi barsiisummaa qorichaa irratti dabarse kun.
Qoricha oggeessa fayyaatiin ajajamutti haalaan fayyadamuu dhabuun dandamannaa ykn fayyisuu dadhabuu qorichaa akka uumamus dubbattu Pirof. Sulxaan.
Kunis hawaas-dinagdee biyyaa hubuu danda'a kan jedhan Pirofeesarri Sulxaan, “Ittifayyadamni qorichaa adeemsa to’atamuu qaba” jedhan.
Sababa dandamannaan qorichaatiin, “itti amanamummaan buufata fayyaalleen” gaaffii keessa seenuu mala. Dhukkubni irra deddeebiin uumamus gara lubbuu galaafachuutti geessuu akka danda’u kaasan ogeessi kun.
Marsaa itti fayyadama qorichaa bu’a qabeessa taasisan dhukkubsataa, hakimaatii hanga ogeessa qorichaatti akkasumas imaammata qorichaafi abbaa taayitaa qulqullinaafi to’annaa qorichaa irratti hojjetan hirmaachisuun tattaaffii waloo kan gaafatudha.
“Dhukkubsataan mana yaalaa dhaquu qaba; mana taa’ee ofumaa ofyaaluu hin qabu. Mana yaalaa dhaquun dhukkubasaa himatee sirriitti adda baafatamuu qaba. Hakimnis erga dhukkubicha adda baafateen booda qoricha sirrii ajajuu qaba.
''Ogeessi qorichaa ammoo akkaataa ittifayyadamaa sirriitti duraa duubasaa eegee dhukkubsataatti himuu qaba.
Dhukkubsataanis yeroo mana galu akkaataa ogeessi itti himeen fayyadamuu qaba. Marsaan kun sirnaan eegamee deemnaan ittifayyadamni qorichaa gaariidha jedhama” jechuun ibsan Pirofeesarri kun.
'Qorichoonni gabaan ala ta’an baay’eedha’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ittifayyadamni qorichaa “durirraa amma fooyya’aa dhufaa” jiraachuu kaasuun, qabatamaadhaan itti fayyadama qorichaa irratti rakkoon gara garaa jiraachuu dubbatu.
Qorichatti haalaan fayyadamuu dhabuurraan kan ka’e qorichoonni “gabaan ala ta’an akka biyyaattis ta’ee akka addunyaatti” jiraachuu himanii, qorichi Teetiraa Saayikil jedhamu duraan baay’ee kan ajajamaa tureefi akkuma mi’a kaanii suuqii fa'iirraa bitamaa ture.
Garuu dandamatee fayyisuu waan dadhabeef,” amma gabaan ala ta’uus himan Pirof. Sulxaan.
Akka biyyaattis ta’ee akkuma addunyaattiyyuu qorichoonni sababa haalaan ittifayyadamuu dhabuurraan “kan ka’e gabaan ala ta’an baay’een jiru” jechuun itti dabaluun ibsu.
“Haaluma walfakkaatuun, qorichoonni baay’een sadarkaa fayyisuu dadhabuurra gahan jira. Kana jechuunis haala barbaadamu fayyisuu dadhabuutu jira” jechuun marsaan itti fayyadama qorichaa sirnaan yoo hin eegamne rakkoo mudatuu malu ibsa.
Maddi rakkoo kanaas dhukkubsataadhaa kaasee hanga ogeeyyiitti kan deemu ta'uu kaasa ogeessi qulqullinaafi to’annaa qorichaa kun.

‘Waan fayyan itti fakkaatee qoricha dhaabuutu jira’
Pirofeesarri kunis, akka biyya keenyaatti rakkoo itti fayyadama qorichaatiin walqabatee dhukkubsataan, ogeessi fayyaa fi ogeessi qorichaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo akka kan uuman ta'u qorannoo gama kanaan taasisan waabeefachun himan.
“Qorannoofi to’annoodhaan kan ilaallee jirru”, rakkoon qaamolee gara garaa bira jiraachuu mul'isa. Fakkeenyaaf, qoricha mana kaa’atanii, yoo maatii keessaa dhukkuba walfakkaataa dhukkubsatu qorichicha oolkaawwachuun [miseensa] maatii sanaa biraatiif kennu. Obboleessi obboleettiif, mucaan abbaaf kennuutu jira” jechuun kaasu ogeessi kun.
Qorichi yeroo nama tokkoof ajajamu dhukkubsataan sun hamma ajajameef, sa’aatii itti ajajameef eeguun fudhachuun irraa eegamus, “guyyaa lama ykn sadii fudhatanii, fooyya’aa dhufe; dhukkubicha gadi qabeera jedhuudha.
Waan fayyaan itti fakkaatee qoricha dhaabuutu jira. Kun hawaasa keessa bal’inaan argama” jechuun rakkoo gama dhukkubsataafi hawaasaatiin mul’atu ibsu ogeessi kun.
Kana qofa otoo hin taane, “yeroo baay’ee ogeessi qorichaa ammoo yeroo biizinasiisaa duwwaa ilaalutu jira. Qoricha sana gurgurachuu duwwaadhaaf malee hawaasan tajaajila kan jedhu sammuu ogeessa qorichaa keessaa yeroo itti dhabamu in agarra.
''Kanaaf gorsa sirrii ta’e kennuu dhabuu, qoricha ajajameef sana dhiisanii qoricha jijjiiruufaa, qoricha gatiinsaa gadi jedhaa dhiisanii, qoricha gatiin olka’aa ta’efaa kennuu, ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha gurgurutu jira” jechuun rakkoo ogeessa qorichaa biratti argaman jedhan tarreessu Pirof Sulxaan.
Yeroo qoricha ajaju, “Qorichaa fi dhukkuba sana waliin madaaluu duwwaa otoo hin ta’iin, dhukkubsataankoo akkamitti naaf fayyuu danda’a jedhee utuu hin ta’iin, qorichaa gatiinsaa olka’aa ta’e duwwaa ajajanii, achii dhaqii bitadhu jechuu tokkotu jira, fayidaadhaan kan walqabate” jechuun waan qorannoon adda baasan dubbatu.
Qoricha biras rakkinni jiraachuu kan kaasan ogeessi kun, “qorichi kun [karaa] sirriirra dhufeeraa?” gaaffiin jedhu haalaan deebi’uu akka qabus himu.
Qorichi tokko “sirriitti fayyisuu, dandamachiisuu danda’aa?” kan jedhu ammoo hordoffii ogeeyyii akka barbaadus dubbata, Pirofeesarri kun.
“Qorichi qulqullina dhaban gabaarra jijjiru yoo ta’e, [qaamoleen hunduu sirnaan hojjetanii] qoricha birammoo rakkinni yoo jiraate, ammas dhukkubsataan tokko fayyuu dhiisuu danda’a waan ta’eef, sadarkaa sadarkaadhaan yeroo hojjennu qulqullina qorichaa waan eegan ammoo hordofaa deemuun barbaachisaa” jedhu.
Ittifayyadama qorichaa naga qabeessa taasisuuf, qorichi bakka itti oomishamee kaasee hanga dhukkubsataa bira gahutti qulqullinasaa eeggatee deemuu akka qabus gorsu.
Marsaa ittifayyadama qorichaa naga-qabeessa ta’e milkeessuuf ammoo waloomni ogeeyyii, Abbaa taayitaa to’annoo qorichaa, hawaasaa fi dhukkubsataa sadarkaan jiranii murteessaa ta’uus itti dabaluun dubbata.
“Sadarkaa kamiyyuu taanaan qoricha faallessuu danda’a. sadarkaan xinnoomashee [haalaan] ittifayyadamuu dhabuurraan kan ka’emmoo qorichi hojiidhaan ala ta’uu danda’a waan ta’eef” imaammata ittifayyadama qorichaa hordofuun akkaataa ulaagaa ta’een ta’uu akka qabu gorsu Pirof Sulxaan.
Haalaan ittifayyadamuu dhabuun qorichaa “dhibbataan tokkollee hojiidhaan ala gochuu dandeessi, dhibbantaan 99 ammoo hojiima keessa jiraachisuu danda’a” jechuunis ibsan.
Dhiheessii fi to’annaa qorichaa
Akkaataan qoricha biyya keessa galchuu sadarkaa qaba; imaammatas qaba” kan jedhan, ogeessi kun qorichi tokko biyya keessa galuuf Abbaa taayitaa to’annoo qorichaatti galmaa’uu akka qabu himu. Erga biyya keessa seenanii gabaarra oolanii boodas qulqullina isaanii eeggatanii deemaa akka jiranis hordoffiin barbaachisaa ta’uu himu.
Dhukkubni bala’inaan hawaasa hubuun beekamu, fakkeenyaaf qorichi dhukkuba busaa gabaarraa dhabamuu hin qabu jechuudhaan ‘Tarree qoricha gabaarraa baduu hin qabnee yookaan barbaadamoo’ (special drug list) jedhamuun mootummaanis xiyyeeffannoo itti kennee sirriitti dhiyaatu.
Qorichoota salphaatti argachuun cimu kan akka dhukkuba kaansariifaa kan bal’inaan hin mul’anne garuummoo dhukkuboota ulfaatoo (critical) ta’aniif kennaman ammoo mootummaan yeroodhaa yerootti hordofee dhiyeessuun itti cima.
“Gabaa [qorichoota kanneenii] tasgabbeessee dhiyeessuu hin danda’u waan ta’eef,” waahillan biyya keessaa fi alaa barbaaduun akka hojjetu kaasa, ogeessi kun. Akka fakkeenyaatti qorichi kaansarii warri waahiltootaa dhibbataa 20 yoo danda’an mootummaan ammoo dhibbataa 80 itti dabaluun deeggarsa walootiin akka dhiyaatus ibsan.
Qorichoonni akkasii sirnaan akka to’ataman kan kaasan ogeessi kun, calluma jedhanii faarmaasiidhuma arge keessatti akka hin argamnes dubbatu.
Dhukkubsattoonni haala hamaa keessa jiran akka argataniif yaadamee akka dhufu kan kaasan ogeessi kun, to’annaaf akka tolutti, bal’inaan faarmaasota mootummaa beekamoo ta’an keessatti akka argamu hima.

‘Balaan tasaa to’achuuf weerara Kooviid-19 irraa maaltu baratame?
Biyyooni hawaas-dinagdeedhaan reefu guddataa jiran yeroo weerarri hamaan addunyaa mudatu dafanii qoricha argachuuf qoramaata guddaa keessa akka seenan yeroo weerarri Kooviid-19 mudate kaasu. Kana irraa ka’uun akka biyyaatti imaammata fooyyessaa jiraachuus dubbatu.
“Imaammata qorichaa fooyyessaa jirra. [Imaammataa qorichaa fi meeshaalee yaala fayyaa fooyyesuu] Medicine and Medical device policy revision kan jedhu koreen akka biyyaatti dhaabbate jira. Anatu hoogganaa jira. Kanaan dura [dhimmoota imaammataa] kan jedhaman kudhan turan.''
''Kunis haala oomisha, ittifayyadama, to’annoo qorichaa” fi hospitaala keessattimmoo akkamitti akka qulqullinasaa eeggatee deemuu danda’u irratti waan xiyyeeffate akka ture kaasu.
Amma garuu, qophiin “yeroo hatattamaa irratti maal gochuu qabna kan jedhu akka imaammataatti” kaa’amuun fooyyeen imaammataa isaan qopheessan kun Mana Maree Ministeerotaaf dhiyaachuuf akka jirus himan.
“Biyyi watyita taateen hatattamaa kan akka Kooviid-19 akka addunyaatti waanti balaa tasaa tokko yoo dhufe akkam gooneetu to’achuu dandeeya? Warshaan qorichaa maal oomishuu qaba? Hospitaalonni maal gochuu qabu, of qopheessuudhaaf? Yeroo hunda [balaa] jiran kanaaf, of qopheessanii, babal’atanii eeguun” yaada jedhu imaammata fooyyessaa jiran keessatti kaa’uus ibsu Pirof Sulxaan.
Manneen yaalaa, dhaabbilee fi ogeeyyiin qorichaa fi ogeeyyiin fayyaa dursanii of qopheessuun balaan tasaa addunyaa raasu yoo mudate “tasgabboofnee, yeroodhaa yerootti balaasaa to’achaa, ilaalaa” sadarkaa dandamachuun danda’amurra geenya jechuun, abdii imaammata fooyyesaa jiran kanaa ibsu.
Weerarri Kooviid-19 “naasuu guddaa fide waan tureef, imaammanni kuniyyuu [kan duraanii] ilaalamuu qaba kan jedhameef tokko kanaaf. Waan qorichaa ilaallatee imaammanni Itoophiyaan dur hordofaa turte, sirriitti oftasgabbeessinee deemuu ni dandeenyammoo hin dandeenyu?” gaaffii jedhu kaasuun humna biyyaa akka ilaalaniif carraa bane.
“Qoricha haaraa argachuudhaafillee tarkaanfii guddaatu deemame. Dandeettii fi qabeeya adda addaatti fayyadamnee fuulduratti akkamiin ofqopheessuu dandeenya” kan jedhu irratti muuxannoo gaariin akka argames ibsaniiru.
‘Mana yaalaa dhaquu baruu qaba namni keenya’
Ittifayyadamni qorichaa bu’a qabeessi akka jiraatuuf, “dura dhukkuba ofirraa ittisuu” irratti xiyyeechuun, yoo dhukkubni nama qabe garuu mana yaalaa deemuun wal’aansa sirrii argachuu akka qaban hawaasa gorsu.
Mana taa’anii dhukkuba ofirratti dhaggeeffachuun aadeeffannaa gaarii akka hin taane kan kaasan ogeessi kun, “mana yaalaa dhaquu baruu qaba namni keenya” jedhan.
Mana yaalaa deemuu qofa otoo hin taane, qoricha sirnaan fayydamuun murteessaa ta’uu kan himan ogeessi kun, ogeeyyiin fayyaa fi qorichaa, dhaabbileen fayyaa dhukkubsattoota giddu galeeffachuun tajaajila sirrii akka kennanis dhaamaniiru.
Pirofeesar Sulxaan ogeeyyii qorichaa buleeyyii akka biyyaatti jiran keessaa tokko yoo ta’u, qorannoowwan 120 ol jornaalota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti maxxansiiseera.
Yunivarsiitii Jimmaatti, barsiisaa, qorataa fi darektara qulqullina qorichaas ta’uun tajaajilaa jira.
Pirofeesarri Sulxaan, laabiraatoorii akka biyyaatti qofa otoo hin taane, akka Gaanfa Afrikaatti addaa ta’e, qulqullinaa fi to’annaa qorichaa irratti bu’uureffate kan WHOn mirkanaa’e hundeesseera.
Qorannoo fi gumaacha qoricharratti taasiseeniinis beekamtii fi badhaasa gara garaa kan argate Pirofeesarri kun, dursaa Koree Biyyaalessaa Karoora Tiraanisfoormeeshinii Seektara Qorichaa (The national committee for Pharmaceutical Sector Transformation plan) ta’uunis hojjechaa jira.












