Hakiima qorattuu reeffaa maatiinshee waa'ee hojiishee dhagahuu hin feene

Madda suuraa, Dr Shirley Vasu
Dubartiin tunis hojii qorannoo guddaa dalagdeef badhaasa garagaraa argatteetti. Haata'u malee maatiin ishee waa’ee hojiishee dhagahuu sodaatu.
Dr Shirleey Vaasuu jedhamti. Waggoota 30 darbaniif qaama namoota akka tasaa yakkaafi balaa garagaraan du’anii qorataaa baate.
Dr Vaasuun kibba Hindii uummata miiliyoona 33 qabu keessatti ogeettii foreensikii tahuun (forensic pathologist) dubartii jalqabaati.
Naannoo Hindii kanatti dhimma du’aa irratti loogiin waan jiruuf dubartoonni yeroo baayyee reefatti hin siqan.
Dr Vaasuun nama umrinsaa 100 tahe irraa qabee hanga reeffa daa’ima hin dhalanne dabalatee qorannoo reeffaa 20,000 taasifteetti.
Doktarri ganna 68 mana isheettii kitaaba barataa saayinsii fayyaa caalaa asoosama qabdi.
Reeffa yeroo jalqabaaf qoratte
Dr Vaasuun reeffa namaa yeroo jalqabaaf kan qoratte bara 1981 barattuu digrii lammataa taateeti.
Barsiisaanishee reeffa namaa bishaan keeessatti meetira 13 gad bu’ee argame buqqee sammuusaa fi irreesaa akka qorattu gaafate.
''Lafeensaa qabiyyee baayolojikaalaa hunda dhabee ture,’’ jetti Dr Vaasuun.
Barattoota biroo lama wajjin akkatti buqqeen sammuu dugugguruu wajjin wal-qabate hubachuun reeffi sun dhiira akka tahe murteessan umrinsaas ganna 14-15 akka tahe tilmaaman.
''Irreesaa gara gubbaan haala wal-hin fakkaanneen mummurameera, yeroo kana ''ajjeechaa dha,’’ jechuun barreessitee turte.
Dr Vaasuun yeroos kaameeraa waan hin qabneef, lafee mana suuraa dhaqachuun ogeessi suuraa akka suuraa kaasu gochuun galmeessuun ol keesse.
Haatahu malee namni suuraa kaasu reeffa argeen waan naheef poolisii waame barsiisaan Dr Vaasuu gidduugaluun akka isheen shakkamtuu hin taane hubachiise.
Boodarra reeffi sun kan mucaa naannoo guyyaa 41 dura achibuuteensaa dhabame tahuu adda baafame. Shakkamaan ijoo immoo durbii mucaa, nama ganna 18 tahus barame, yakka kanaan wal-qabatee murtoon darbe hin turre.

Qorannoon reeffaa akkamiin hojjeta?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon reeffaa yeroofi iddoo du’aa murteessuun dabalataan namni du’e hin beekamu taanaan hojii eenyummaa adda baasuudha.
Dr Vaasuun kutaa foorensikii hospitaala Koozikoodee bara 1982tti hojjechuu jalqabde.
Reeffa nama lama ykn sadii daqiiqaa 90f ilaalti ture, gaafa ko’omte immoo hanga torbaa ilaaluu dandeessi.
Yeroo baayyee qaama gubate, murame, same, cabe, akka-male miidhame akkasumas reeffa qotamee baafame fa’i qoratti.
Akka ogeettiin kuni jettutti tarkaanfiin jalqabaa ijaan ilaaluun, ''madaa, dirmammuu akkasumas waan yaaddeessa tahe adda baasuudha.’’
Sanatti aansuun qoma, garaa, mudhii gadi qaamota jiraniifi caasaan isaanii ni qoratama. Samuudni tishuu qorannoof fudhatama. Xumura irratti buqqee mataatu banamee qoratama.
Namni itti dhukaafamee du’e taanaan rasaasni iddoowwan rukute adda baasuuf raajii kaafama.
Namni du’e dhukkuba TB qaba yoo taheef ykn yaalii kaansarii fudhataa jira taanaan hakimonni lamatti hirmaatanii irratti hojjetu.
Dr Vaasuun miseensi maatii yerootti ijoollee dabalatee miseensa maatii biraa akka of ajjeesuuf amansiise al lama ishee mudachuu dubbatti.
''Qaama hojii keenyaati,'' jetti. ''Tahus reeffa ijoollee gaafa argitu ni gaddita,’’ jetti.
''Yakka ulfa baasuu’’
Hopitaala Kaaba Keraalaa jiru yeroo hojjechaa turte lakkoofsi shamarran ulfa tahanii du’anii dabaluu hubatte.
Bu’aa qorannoo adda tahe arginaan duuti shamarrann kunneenii sababa ‘’yakka ulfa baasuun,’’ akka tahuu malu shakkite.
''Qaama saala reeffa shamarran kunneenirra madaa qara wayiin muramuutu mul’ata. Yeroo hakiimni rogaa ulfa baasu madaan akkanaa hin mudatu.’’
Kanaaf dubartoonni kunneen kan du’an dhukkubbii infeekshinii baakteeriyaatiin kan du’an.
Boodarra hospital duraan isheen hojjechaa turte keessatti kutaa ulfaafi gadameessaatti hojii gargaarsaa kan hojjechaa turantu meeshaalee hatamaniin erga sooruma bahanii booda manatti kan ulfa baasan.
Sababa kanaanis dubartoonni jaha to’atamanii hidhaa bu’aniiru. Akkaataa yakki raawwateef ragaa kennuun qorannoon reeffaa yoo yakki hin raawwanne tahes ni mirkaneessa.
Dr Vaasuun manguddoon ganna 98 siree irraa kuftee duunaan ilmishee yakkaan nan gaafatama jechuun sodaatee ture jetti.
Qorannoon ishee garuu duuti manguddoo sanaa balaa tasaa akka tahe adda baase.
''Ijoolleefi namoonni umriidhaan jaaran akka tasaa kufuun lubbunsaanii darbuu danda’a,’’ jetti. ''Akkatti manguddoon sun duutes yeroo kuftu waan dugugguruufi sammuu ishee walitti hidhu cituudhaani.’’
Qaama qeerransaan nyaatame
Bara 1980 Dr Vaasuufi hakiimni biraa kunuunsa qeerransaatti dubartii qeerransaan nyaatamtee duutee qorachuuf deeman. Mataafi mormashee qofaatu hin tuqamne.
Iddoo dubartiin kuni miidhamte yeroo gahan of hudhuun of ajjeesuuf jettee yeroo huccuun akka funyootti fayyadamte citu qeerransa gidduu kan buute fakkaata.
Haa tahu malee qorannoon reeffaa taasisan sababiin du’aa of ajjeesuu akka hin taane adda baasuu danda’eera.
''Nama ishee ajjeesetu akkasheen haala kanaan duute akka fakkaatu godhe.’’
''Akkaataan isheen damee mukaarratti fannifamte fakkeessaa tahuu kan adda baasan mallattoon mormasheerra jiru waan akka karabaataa fayyadamuun olirraa gadi rarraatee otoo hin taane dalga hudhamtee akka duute agarsiisa.’’
Boodarra yakkamaan ishee hudhee shaarpii isheetiin mukarra bahee ishee fannisuutu barame.
Akka Dr Vaasuun jettutti qorannoo reeffaa keessatti du’a jumlaa waan jedhamu hin jiru. Duuti hundinuu qofaatti qoratama jetti.
Teekinolojiin fooyya’uu
Dr Vaasuun hojii ishee keessatti waggoota 34 darbanitti teeknolojiin akkaan fooyya’uu himti.
Kanaan dura keemikaala fomaaldihaayid amma akka bulbula summaa’aatti fudhatamu meeshaalee qulqulleessuuf oola ture jetti.
''Yeroo ammaa carallaa biiftuu ykn UV fayyadamuudhaan jarmii ajjeesuu dandeenya,’’ jetti. Gamoowwan reeffi itti qoratamu sirna qilleensaafi ho’a mana keessaa to’atu qabu jetti.
Akkaataan reeffi itti ol kaa’amus dafee akka suuta bososu tahaa jira. Dr Vaasuun teeknolojii haaraa ogummaa kanaan dhufaa jiruuf gammadduu dha.
''Singapooriifi Jaappaan qorannoo reeffaa onlaayiniin geggeessaa jiru sunimmoo albeefi dhiigatti bu’uu hin qabu,’’ jetti.
Yeroo ammaa qaamni namaa iskaanarii CT jedhamuun erga kaafamee booda hakiimoonni ''gogaa hanga lafeetti tokko tokkoon ilaalu,’’ jetti.

Madda suuraa, AFP
Hojii dadhabsiisaa
Dr Vaasuun qoranoo reeffaa yeroo dhumaaf kan raawwatte bara 2014 yoo tahu bara 2016tti immoo sooruma baate. Yeroo ammaa manneen barumsaa dhuunfaa keessatti barsiisti.
Hojii kanaan dura gumaachiteen gammadduu tahuu himuun amma achi keessaa bahuunis waa gaarii dha jetti sababiinsaas reeffa irratti hojjechuun yeroo baayyee yaada gaarii hin taane namatti fida jetti.
''Amma lafa reeffi jiru gahuu hin barbaadu, humna kee hunda nyaatee fixa.’’ Jetti.
Dr Vaasuun waggoota reeffa qorachaa turtetti hojii gidduutti nyaata nyaachuu waan hin dandeenyeef sammmuushee
Kibba Hindiitti ilaalchi loogii du’aa wajjin wal-qabtu baayyeetu jira. Kutaa hawaasaa olaanaa irraa dubartoonni tahan lafa reeffi jiru deemuu hin danda’an. Sirna gaddaa muraasa qofaa irratti akka hirmaatan eeyyamamaafi.
Dr Vaasun mana ishee duratti mana dhiqannaa ijaartee hojiidhaa gaafa deebitu otoo mana hin galiin dura dhiqatti ture.
Abbaan warraashee hakiima tahus ''waan isheen ilaalaa ooltu haasa’uu ni sodaata, ijoolleenshees waa’ee hojiishee ishee hin gaafatan.’’
Obbolaanshee lamaan dhaddachatti daanyaa tahuun yeroo tajaajilan raga bahumsa ishee fudhatan kan beekan yoo tahu, ''dhaddachaan alatti garuu waa’ee qorannoo reeffaa isheetti dubbatanii hin beekan.’’
Reeffa irratti qorannoo taasisuun ilaalcha ishee akkaan geeddaruu dubbatti.
''Reeffa wajjin ooluu akkaa of hin tulle, lasoo akka taatu si godha,’’ jetti. Jireenya taliilaafi qulqulluu jiraachuu barbaadda.












