Amanamummaa, amala badaa, yaada wal dha'aa—Wantota kaabinee Tiraamp filatan waliin ka'aa jiran

Eenyummaan aanga'aa imaammata hojiirra oolchuuf deemamu kan akeeku yoo ta'e, Doonaald Tiraamp bara pirezedantummaasaa marsaa lammaffaa akkamitti akka gaggeessuuf jiru muudama torban kana keessa kenneen ifa godheera.

Namoonni Tiraamp muudama gurguddaaf filate ajandaa inni wayita Waayit Haawusitti deebi’u raawwachuuf karoorse akeeku.

Namoonni inni filate kunneen muudamuun dura Seneetii biyyattiin mirkaneeffamuu kan barbaachisudha.

Aanga'oonni Tiraamp filate kunneen ilaalchaafi ejjennoo garagaraa qabu garuu wanti isaan tokkoomse jira- Tiraampiif amanamoo ta'uu isaaniiti. Irra keessaan isaaf amanamuutiin wal haa fakkaataniyyu malee keessoon isaanii ammoo yaada wal dha'an qabu.

Rakkoo amalaa irratti ka'aa jiru

Namoota Doonaald Tiraamp kaabinee isaaf filate gurguddoo keessaa kanneen amala hin taane qabaachuun komiin irratti ka'aa jiru ni jiru.

Nama inni sekireetarii humna ittisaa gochuuf filate Petee Hegeseez miidhaa saal-qunnamtiin walqabate geessiseera jedhamuun maqaan isaa ka'aa jira.

FOX NEWS irratti sagantaa dhiyeessaa kan tureefi miseensa humna waraanaa ta'ee Afgaanistaanitti duulee kan ture etee Hegeseez, nama ol aantummaa warra adii leellisu akka ta'e himama.

Nama Tiraamp Abbaa Alangaa Waliigalaatiif filate Maat Geeyitiz akkuma kana amala badaa qaba jedhamuun qorannoon akka irratti taasifamu gaaffiin dhiyaataa jira.

Namni Tiraamp ministeera fayyaa godhachuuf filate talaallii ilaalchisuun nama shakkudha jedhamuun qeeqni jabaan isa mudachaa jira.

Ajandaan isaanii maalii?

Warra Tiraamp filate keessaa sadii qondaalota siyaasa imaammaata Ameerikaa warreen ifatti morman keessaatti eeramu, keessattu bara bulchiinsa Joo Baayidan keessatti mormaa turan.

Maat Geeyitiz abukaatoo godhachuun filachuun Tiraamp hunda caala falmisiisaa ta’eera.

Maat Geeyitiz kutaa bulchiinsa Filooredaarraa bara 2017 bakka bu’ummaa argate.

Mana barumsaa seeraa Wiliyaam fi Meerii irraa kan eebbifame yoo ta’u, miseensi kongireesii Kaalifoorniyaa Keevin Makartii bara 2023 Af-yaa’ii mana mareerraa akka kaafamuu nama taasisedha.

Mucaa durbaa umriin ishee hin geenye waliin saalqunnamtii raawwachuuf maallaqa kaffaleera himannaan jedhu irratti dhiyaatee, akkasuma qoricha seeraan alaa fayyadamuufi maallaqa duula filannoo karaa sirrii hin taane qisaassuun himatame.

Badii raawwachuu qondaalli kun haalera, yakkaanis hin himatamne.

Daarektara tika biyyaalessaaTiraamp ta’uuf kan filatamte Tulsii Gabbard, loltuu Ameerikaa bara waraanaa Iraaq garee tajaajila wallaansa fayyaa kennan keessa hojjechaa turte.

Dura miseensa kongiresii paartii Dimookiraatotaa Hawaayirraa kan taate yoo ta'u, Tiraamp deeggaruuf paartii jijjiirte.

Tulsii Gabbaard imaammata dhimma alaa Ameerikaa yeroo hunda mormaa kan turte yoo ta’u, weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteef NATO komachuufi Pirezidantii Sooriyaa Bashar al-Asad waliin wal argaa turte.

Sana booda Asaad meeshaa keemikaalaa fayyadamuu qorannoo tikni Ameerikaa gaggeesse shakkii keessa galche.

Kaadhimamaa Tiraamp dhimma fayyaa akka hogganuuf filate Roobart F Keeneedii Jr, yeroo dheeraaf ogeessa seeraa fi nama quuqamaa kunuunsa naannoof qabu.

Namni kun waa’ee talaalliifi neetwoorkii bilbilaa 5G yaad-rimee adda ta’e tamsaasaa kan turedha.

Kun maal nutti hima: Akkuma Tiraamp, Geeyitiz, Tulsii Gabbard fi Kenediin namoota haala baratame mormuun beekaman.

Karoora Tiraamp birokraasii walxaxaa diiguuf qaban kanneen kutannoodhaan deeggaran keessaa jiraachuu danda’u.

Pirezidantiin haaraa filatame Tiraamp - seera kabachiisuu, basaasaa fi fayyaas jara kana filataniiru.

Keneediin indaastiriiwwan nyaataa fi qonnaa hunda keessatti dambii cimaan akka bahu barbaada, kun ammoo ajandaa mootummaa Tiraamp waliin walitti bu’uu mala.

Humna Ameerikaan qabdu qeequun kan beekamtu Gabbard, pirezidaantii Ameerikaan waliin hojjachuu deemti.

Dhimma daangaarratti ejjjannoo cimaa warra qaban

Eenyu: Toom Homan, Istifan Miilar fi Kiristii Nohim

Ajandaa isaanii: Namoonni sadan imaammata daangaa fi immigireeshinii Tiraamp nageenya cimsuu dhaadatan fi godaantota waraqaa ragaa hin qabne daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo qaxxaamuran ittisuu raawwachisuudha.

Maal nutti hima: Diinagdee irraa kan hafe, sagaleen hawaasaa sassabame akka agarsiisutti godaansi fi dhimmi naannoo daangaa Meeksikoo namoota sagalee kennan hedduudhaaf xiyyeeffannoo jalqabaa akka ta’e agarsiise.

Tarii godaantota biyyaa baasuuni fi bakka hojiitti hordoffii gaggessuun dabaluu danda’a.

,Tiraamp kutaalee Dimookiraatotaa leellisan waliin dhabuu danda’a.

Bulchiinsonni Rippabilikaanotaa muraasni - dinagdeen isaanii, hojjattota godaantota ta’an irratti hirkates mormuu malu.

Teeknoloojii walaboomsuu

Eenyutu filatame: Eloon Maask, Vivek Ramaswamii

Ajandaan isaanii: Tiraamp sooressa addunyaa keenyaa Eloon Maask tattaaffii baasii hir’isuu “Kutaa Gahumsa Mootummaa” jedhamuun moggaafame akka hoogganuuf muude.

Gahee hojii kana nama ganna 39 invastara qondaala siyaasaatti geeddarame ta’e Vivek Ramaswami waliin kan qooddatu.

Namoonni lamaan kun garee bara kana gara Tiraampitti siqan.

Elon Maask baasii mootummaa doolaara tiriiliyona 2’n hirisuun ni danda’ama jedheera.

Dhaabbanni gibira sassaabu, IRS fi kanneen biroo dhabamsiisuu kan deeggare Ramaswamii cufamu qabu jechuun kan barreessan keessaa tokkodha.