Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Cidha namoota ilaalchaan adda addaa walitti fide, mallattoo tokkummaa jedhamee leellifame'
“Qaama kanarraa abalu haadhufu qaama sanarraa abalu haadhufu jedhee kanan adda baase hinqabu,” jedha gidduu kana cidha kan godhate Weellisaa Ittiiqaa Tafarii.
Weellisaan gameessi sirboota qabsoon dhageettiifi jaalatamummaa horate Ittiiqaa Tafarii, Dilbata darbe (ALI Caamsaa 25, 2016) sirna hoo’aan gaa’elasaa raawwateera.
Cidhni artiistichaa faradoo, shinooteefii dhiichisa kaawoon kan dabaalamee kan faayame ture.
Gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasiseenis, “Qophiin cidha keenyaa baay’ee bareedaa ture, baay’ee gammanne. Ammas haala gaariirratti argamna” jechuun hime.
Cidhni isaanii bifa aadaafi safuu ummata Oromoo eeggateen akka adeemsifamuuf jalqabumarraa itti yaadanii hojjechaa turuus himeera.
“Jalqabumarraa eegalee dhibbaa dhibbatti jechuu baannullee hanga dandeenyu akka aadaafii safuu Oromootti kan jalqabne. Jalqaba waraqaan ergamee, sana booda maanguddoon deemee, sana boodas saddeetni deemamee, sagantaawwan garagaraa gaggeeffamaa turan,” jedhe.
Aadaan kun haphachaa jiraachuu himuunis, “waanuma dagatamaa dhufe kana kalattii ittiin uummatatti baafamu carraa gaa’ela kiyya kanatti fayyadamee, ummanni eenyummaasaa bareedaa kana kallattii ittiin ibsatu, namuu aadaan kun akka irra hindabarreefi yoomiyyuu bareedaa akka ta’e akka hubatuuf itti yaadamee waan godhamedha,” jechuun hime.
“Waggoota sadi jaalalaan waliin dabarsineerra”
Maqaan haadha warraasaa Urjii Birruu akka ta’e BBC’tti kan hime weellisaa Ittiiqaa Tafarii, waggoota shan dura walbaruu isaanii dubbata.
“Ishee waliin waggoota shan dura gaafa OMN (Oromia Media Network) gara biyya kanaa galuuf qophiirra jiru akka koreetti walitti qabamnee Hoteela Ililliitti wal agarre,” jechuunis guyyaa jalqabaa itti walargan yaadata.
Guyyichattis suuraa waliin ka’uusaaniifii sana boodas walitti dhiyaachuu akka eegalan himuunis, “Waggaa sadii oliif immoo gara jaalalaatti seennee jaalalaan waliin dabarsine,” jedheera.
Sagantaa Cidhaa namoota gamaa gamanaa walitti fide
Sagantaan cidhaa weellisaa Ittiiqaa Tafarii fi haadha warraasaa Aadde Urjii Birruu Magalaa Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifame.
Sagantaa gammachuu misirroowwan kanaas maatiin, hiriyoonni, waahillanfii jaalattoonni akkasumas keessummoonni affeeraman qooddataniiru.
Abbootiin Gadaa, artiistonni, abbootiin qabeenyaa, namoonni siyaasaa ilaalchawwan garagaraa qaban akkasumas qondaaltonni mootummaa irratti argamaniiru.
“Sagantaa kanarratti artiistonni hangafootaa hanga hiriyoota kiyyaatti artiistonni heddun argamaniiru. Artistonni heddu osoo of hinqusatin waltajjii sana hoo’isanii ummata bohaarsaa turan,” jedhe. Kunis akkaan isa gammachiisuu himeera.
Gama biraatiin gaafiin ‘namoonni ilaalcha siyaasaa garagaraa qaban cidha kanarratti argamuunsaanii itti yaadameetimoo akka carraati’ jedhus namoota tokko tokko biraa ka’eera.
Dhimma kanarratti deebiisaa kan laate weellisaa Ittiiqaan, “Waamichi cidha keenyaaf taasifame karaa misirrootis, karaa kan kootis taasifameera waan ta’eef namoonni kallattii garagaraatii, ilaalcha garagaraa qaban walitti dhufan” jedheera.
“Ani akka nama dhuunfaa tokkootti ilaalchaan adda baasee ‘abalu akkasi, abalummoo akkasi’ jedhee naman adda adda fooye hinqabu. Qaama kanarraa abalu haadhufu qaama sanarraa abalu haadhufu jedhee kanan adda baase hinqabu” jechuunis hime.
Namoota hariiroo waliin qabu, kan jaalatufii itti dhiyaatu gammachuusaa akka qooddataniif affeeruusaa kan himu weellisichi, kunneen hin afeeraminis heddu ta’uu dubbate.
“Ko’ommadhees namoota waamun qabu heddu akka najalaa hafan nan beeka, akkan waamicha dagadhe nan beeka. Jaalattoonnifii dinqisifattoonni, hiriyoonni kiyya kumaatamaan kan lakka’amani. Garuu humnis sadarkaa itti nama daangessu qaba waan ta’eef nama sana hunda affeeruuf xiqqoo humni nadaangessee ture.
Carraa kanaan namoota bakkuma jirtanii gammachuu keessan naaf qoodaa turtaniin galatoomaa, warrin isin hin affeerres na ofkalchaa jechuun barbaada” jedheera.
Kophee qulqulleessuu irraa hanga weellisaa beekamaa ta'uutti...
Sadarkaa amma irra gahe kanarra gahuuf kophee qulqulleessuu dabalatee hojiiwwan garagaraa hojjechuu kan himu weellisaa Ittiiqaa Tafarii, “na caalaa aarsaa kan kanfalan hedduutu jiru” jedha.
“Haalonni biyya kana keessa turan qormaata baay’ee inuma qabaata. Kunimmoo qormaata Ittiiqaa qofaaf qophaa’e osoo hintaanee Oromoonni hedduun qormaata heddu darbanii, aarsaa daangaa hinqabnes kan kanfalanfii kanfalaa jiranis jiru” jechuunis hima.
Weellisaan sirboota qabsoon maqaa horate kun yeroo garagaraatti odeeffannoowwan “hidhame fi ajjeefame” jedhan miidiyaa hawaasaarratti oofamaa turuusaanii yaadachiisuun kunis maatiinsaafii ummanni isa jaalatu yeroo yaadoofii cinqii akka dabarsan taasisuu hima.
Haa ta’u malee maatiinsaa yaaddoo hamaa sana keessa darbuun cidhasaa arguusaaniitti gammachuun guddaan akka itti dhagahame hima.
“Nama akkasitti yaadan sana sadarkaa kana gahee bultii ijaarrachuudhaan haala gammachiisaa keessatti yeroo argatan miirasaanii jechaan ibsuun ni ulfaata. Maatiin keenya baay’ee gammadoodha” jedheera.
Hawwiisaa gara fulduraa kan gaafannee weellisaa Ittiiqaa Tafarii, “hawwiinkoo ummatakoo akkanatti najaalatufii gammachuukoon gammadu, gaddakoon gaddu kana hamman danda’e aarsaa kamiyyuu, haala kamiyyuu keessa ta’ee waan ummatakoof ta’u hojjechuudha.
Ummatakoof gammachuu, ummatakoof bilisummaa, ummatakoof qananiidha hawwiin kiyya. Kanaaf takkaa haalli kamiyyuu osoo nan daangessin ummatakoof hojjechuuf qophiidha” jedheera.