Magalaa ummannishee lafa jala jiraatu

Galma mana jireenyaa lafa jalaa keessa jiru

Magaalaa addatti qarqaratti baatee jirtu tokko keessatti wanti jiru martinuu lafa jaladha. Waldaalee amantaadhaa hanga manneen jireenyaafi kaampiiwwanii hunduu lafa jalatti argamu.

Yeroo addunyaan ho’a 2.7C (4.9F)n dabalaa jirutti deemaa jirtu kanatti, jireenya keenya lafa jala taasifachuu qabnaa?

Karaa dheeraa gara giddu-galeessa Austiraaliyaatti geessurratti, dirree qarqara galaanaa Adeleedii gama Kaabaan kiiloomeetira 848 yoo deemtan, Piraamidoota cirrachaa hibboo isinitti ta’an argitu.

Naannawaa sana lafti guutummaan guutuutti callabboodha. Dhukkeen Saalmon-Rooz dhuma hin qabneefi darbee darbee uura qofatu mul’ata.

Haata’u malee, daandii guddaa qabattanii yoo deemsa keessan itti fuftan ijaarsawwan ajaa’iba ta’an bakka qabatanii argitu-tabbawwan aduun quncise, siidaawwan faffaca’anii jiran yeroo dheeraaf kan millatu dhabe fakkaatanis argitu. Tokko darbitanii isa kaan cinaaujummoon adii lafarratti maxxanfamee jira.

Kanneen argitan kun mallattoo magaalaa albuudni Oppaal keessaa baafamuufi uummata 2,500 ta’u qabdu Kuuber Padiidha.

Tabbawwan baayyeen mumul’ataniifi magaalattii kanaaf mallattoo ta’an lafa albuuda baasuu jecha waggoota dheeraaf qotamanidha. Dhimmi biraan magaalattii kana adda basu inni guddaan lafa jala jiraachuudha.

Golee addunyaa kana keessatti uummanni magaalattii %60 ta’u mana lafa albuudaan badhaadhe kana jalaafi kattaa qotame keessa jiraatu.

Bakkawwan kanneenitti maneen jireenyaa lafa jalaa ta’uu isaanii kan agarsiisu ulaa qilleensa galchu ykn ventileetarri dhaabbatuti mul’ata. Biyyeen lafa keessaa qotamee bahes bakka tokko tokkotti tuulamee argitu.

Waqtii gannaatti, malli jireenyaa kun callisee of dhoksuuf qofa fakkaachuu danda’a. Garuu yeroo bonaas Kuuber Pediin sanuma. Kuuber Pedii jechuun jecha warra Awustiraaliyaatiin.

Nama adii boolla keessa jiru’ jechuudha. Bakki kun dhaabbataadhaan ho’I isaa 52C (126F) yeroo itti ta’u jira.

Baayyee ho’aa waan ta’eef simbirroonnillee yeroo samiirraa itti harca’an ni jira. Kanaaf, meeshaan hunduu qorrisiistuu ykn firiijii keessa taa’uun dirqamadha.

Mana lafa jalaa

Seenaa dheeraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kubeer Pediin mandara jireenyaa lafa jalaa isa jalqabaa ykn isa guddaa addunyaa kanaa miti.

Waggoota miliyoona lama dura namoota durii meeshaa isaanii holqa Afrikaa Kibbaa keessatti hambisanirraa kaasee, Bara Cabbii Firaansitti Girootoo keessatti tuullaa namni amanuu hin dandeenye tolfachuun jiraataa kan turan namoota Niyaandertaal jedhamaniitti dhalli namaa haala qilleensaa rakkisaa ta’e jalaa baqachuuf lafa jala jiraataa tureera.

Waggoota 176,000 dura Kibba-baha Senegaal keessatti Chimpaazonni ho’a guyyaa dandamachuudhaaf holqa keessa seenanii yeroo of qorrisiisan mul’ataniiru.

Kutaa Turkii giddu-galeessatti argamtu Qephodooqiyaas fudhachuu dandeessu. Bakki kun gammoojjiifi lafa onaa ta’ee teessuma adda ta’e qabuun beekama.

Magaalaan Deriinkuyyee jedhamtu akka tasaa karaa boolla keessaa hordofuun argamtes kanaaf fakkeenya gaariidha.

Magaalan kun magaalota lafa jalaa hedduu beekaman keessaa tokko yoo taatu baddee turtee waggoota dheeraan booda akka argamte seenaan ni hima.

Magaalaan Deriinkuyyee bara DH K D jaarraa 8ffaa keessa akka ijaaramte amanama. Magaalattiin kun karaa qilleensi galu, boolla bishaanii, waldaaleen amantaa man’kuusaawwaafi maneen lafa jalaa hedduu qabdi ture.

Akkuma Akubeer Pedii kana, jireenyi lafa jalaa jiraattota qilleensa ho’aafi hamaa ta’e jalaa akka oolaniif isaan gargaaraa ture.

Karaa gara magaalaa lafa jalaa Kubeer Pedii geessuu guddicharratti kan argamu wiirtuu magaalattiidha. Magaalaa lafa jalaa kana seene wantonni magaalaa lafarra jiran hundi kan akka suupparmaarket, maneen-nyaataa, daandii, buufata rabsaa boba’aa ni jiru.

Namni magaalaa Kubeer Pedii kana keessa jiru waan lafa jala jiruyyu itti hin fakkaatu.

Kuuber Pedii keessatti gamoowwan lafa jalaa yoo xiqqaate meetira 13 gadi fageenya qabaachuu qabu. Baaxiin isaanii akka hin diigamneef ittisuudhaaf ammoo of eegannootiin hojjetamu.

Haalli qilleensa maneen lafa jalaa saatii 24 fi wagga guutuu madaalawaa akka ta’anitti tolfamu.

Lafa jala jiraachuun jireenyaaf kan namatti tolu ta’uu isaan alatti faayidaan isaa biraan tokko maallaqadha. Kuuber Peediin humna ibsaa ishee ga’u maddisiifatti.

Kun ammoo %70 kan ta’u humna qilleensaafi Aduurraa kan argamudha. Haata’u malee, qorrisiituun qilleensaa yeroo baayyee qaaliidha.

Gama biraan ammoo, maneen magaalaa Kuuber Pedii lafa jiram gatiin isaanii bir-qabaan gaariidha jedhamu. Manni abbaan kutaa ciisichaa sadii giddu-galeessaan dolaara Awusteraaliyaa 40,000 ta’a.

Kan nama ajaa’ibu ammoo lafa jala jiraachuun kirkira lafaa irraa hanga tokko nama oolchuu danda’a.

Gaaffiin jiru, manneen lafa jalaa namoonni jijjiirama haala qilleensaa bakkawwan birootti akka dandamatan gargaaruu danda’aa? Akkas taanaan maaliif kan baratame hin taane?

Baroota 1960 fi 1970 keessa jiraattonni Kuuber Peedii yeroo albuudni Oppaal qotamutti dho’insa uumameen mana isaanii baballifatan. Hedduu qofforuu isaan hin barbaachifne ture. Amma garuu maashinoota lafa jalaa qotan gargaaramu.

Kuuber Koodii keessa urufawwan baayyeetu jiru. Manneen baayyee qananii ta’an jiru. Lafa kana jalatti maneen bakka bishaan daakan hedduu qaban, kutaaleen taphaa, manneen qama itti dhiqatan baballaafi kutaaleen saalonii mimmiidhagoo qabu.

Gaaffii jiidhinsaa

Kuuber Peedii keessatti wanti xiqqoo rakkoo ta’u yoo jiraate qormaata jiidhinsaati. Keessumaa bakka jiidhinsi jirutti mana lafa jalatti ijaaruun xiqqoo ni rakkisa. Bakka akkasii kanatti bilookeetiiwwan daraddaruufi reenjiin dibamanii akka jiidha dandamatan taasifamu.

Rakkoon biraa maneen lafa jalaatti ijaaraman mudatu ligidadha. Ligida kanaaf sababoonni gurguddoo akka hanqina ulaa qilleensaa, jiidhinsa bakka itti qama dhiqatan, konkolaataafaa itti miicaniifi kaan waan ta’uuf isaan kana sirriitti maqsuu feesisa.

Kana malees, maneen lafa jalaa yeroo ijaaramanitti sarara bishaan darburraa, ykn lafa jiidhinsatti dhiyeenya akka hin taane gochuudha.

Kanas ta’e sana, uummata bakka ho’a hamaa keessa jiraatuuf maneen lafa jalaa kun fala. Tarii Piraamidoonni lafa jalaa akka Kuubee Peedii yeroo dhoyootti mul’achuu jalqabu ta’a.