Masiriitti magaalaa seena-qabeessi umurii 3,000 argame jireenya warra Fari’oon mul’ise

Magaalaa durii argame

Madda suuraa, Reuters

Masiriitti magaalaa durii guddaafi seena-qabeessi cirrachaan awwaalamee tureefi kan umurii waggaa kuma sadii qabu qotamee argamuun himame.

Argannoo kunis seenaa biyyattii keessatti lafa awwaalcha fara'oonotaa Tutaankahaamuniitti aansee argannoo dinqisiisaa isa lammaaffaadha jedhameera.

Qorataan seenaa durii Masrii beekamoon Zaahii Hawaas, argannoo magaalaa warqee tanaa guyyaa Kamiisaa ture addunyaatti kan iftoomsan.

Qorataan kun akka jedhaniitti, magaalaan durii argame kun seenaa Masrii keessatti magaaloota hanga ammaatti argaman hunda bal'inaanis ta'ee qabeenyaan hambaalee keessatti argamaniitiin kan gituun hinjiru jedhan.

Argannoon magaalaa kanaa kan argame erga torban muraasaaf cirracha keessa qotameen boodadha.

Magaalaan guddichi durii kunis seenaa keessatti kan beekamu bara aangoo mootii Fari'oon Ameenhoteep sadaffaatti ture.

Mootiin Masrii durii kunis dhaloota Kiristoosiin dura (BC) bara 1391 hanga 1353 biyyattii bulchee ture.

Magaalaan amma argame kunis maqaansaa Ateensi jedhama.

Mootiin Fari'oon Amenhoteep III, mootiin duraa Fari'ooniifi Fari'oon Xiqqaa kan ta'e Tutaankihaam magaalaa amma argamte kana jidduugala taasifachusaanii seenaan galmaa'eera.

Awaalli Fari'oonoota lamaan kanaas waggoota kumaatamaaf haala qabiinsa gaariin akka ture qorataa hambaalee lammii Ingilizii kan ta'ee Hawaard Kaatariin bara 1922tti argamunsaa ni yaadatama.

Arkii'oljii haaraa Masriin argattee keessaa

Madda suuraa, Reuters

Pirofesarri Ijipitolojii fi Yunvarsitii Joon Hopkiinsiitti barsiiftuun kan ta'an Beesii Biraayaan argannoo magaalaa durii kana, argannoo awwaala Fari'oon Tutuunkaahimiitti aansee seenaa murteessaa addunyaati jechuun leellisan.

Pirofessarri tun akka jedhaniitti, argannoon magaalaa kanaa haala jireenyaa lammiilee Masrii durii irratti waan himu ni qabaatas jedhan.

Argannoo magaalaa kana keessattis wantoonni bu'aa qabeessa ta'an hedduun mul'ataniiru. Isaan keessaas meeshaalee faayaa gatii jabaa baasan, ubboo haalluun faayyeeffameefi bu'aalee hojii harkaa mallattoon Fari'oon irra jiru ni argamu.

Hambaalee argaman keessaaa

Madda suuraa, Reuters

Garee barbaacha magaalaa kanaarratti hirmaatees, barbaacha kibba magaalaa Kaayirootti fageenya KM 500 irratti kan argamtu naannoo suluula Liixa Kiingistiitti kan argamu Lukzariitti.

''Qortuun eegalamee torbanoota keessatti ture haala qaree qo'attootaa ajaa'ibsiisuutti kan tullaan xuubii argamu jalqabe. Kunis kallatti magaalaa durii kana nu agarsiisee'' jedhan Dr Hawaas.

Biftii argannoo kanaa ajaa'ibsiisaan biraa ammoo ijaarsa magaalatti dinqiifi mandaroota jirenyaa tokko tokko akkasumas manneen meeshaalee ittiin fayyamaniin waliin argamu saaniiti.

Barbaacha baatii torbaffaa fudhate kanaan eddoowwan argaman keessaa bulchiinsi magaalattii, mandara jireenyaafi mana daabboon itti tolfamu argaman jedhameera.

Kana dura qorattoota biyya alaatiin magaalaa durii kana argachuuf yaalii baay'een taasifamee osoo hinmilkaa'iin hafee ture.

Ammas magaalaa durii kana keessatti barbaachis meeshaalee biraa kan itti fufe yoo ta'u, bakka awwaalchaa mootoota Fari'oon bebbeekkamoofi qabeenyaawwan gatii jabaa qaban lafa itti awwaallaman argachuuf abdatameera.

Masriin damee turizimii erga warraaqsa 'Arab Spring' asiitti haalaan dadhabe dadammaqsuuf fedhii olaanaa qabdi. Argannoon kunis gama kanaan bu'aa olaanaa ni argamsiisa jedhamee eegama.

Biyyattiin torban darbe keessaa ammoo awwaalcha aanga'ootaashee duriifi reeffa Fari'oonoota kana haala hintortorreen gogfaman gara Kaayirootti dabarsuunshee ni yaadatama.

Haala kanaanis mootota durii 18 fi giiftiiwwan 4 bakka duraan turan muziyeemii Masrii keessaa gara muziyeemii biyyaaleessaa haaraatti geeffamaniiru.

Muziyeemii biyyaaleessaa Masrii haaraan kunis baasii dolaara biliyoona tokkoon kan ijaarame jedhameera.

Reeffawwan gara muziyeemii haaraa kanaatti dabarfaman keessatti kan mootii Ameenhoteep III haadha warraa isaa Giiftii Tiiyee keessatti argamu.

Fakkii magaalatii argamtee alaalaa irraa

Madda suuraa, Dr Zahi Hawass on Facebook