Joo Baayidan owwaalcha Giiftii Elizaabeet irratti argamuuf Landan seenan

Pirezidantiin US Joo Baayidan owwaalcha Giiftii Elizaabet II Wiixata gaggeeffamuuf dursani Landan seenan.

Aabba Baayidan dureewwan biyyaafi namoota affeeraman 500 tahan keessaa isaan tokko ennaa tahan, hooggantoonni biyyaa hangana tahan bakka tokkotti wayita qabaman kun yeroo dheeraan boodadha.

Ministiroonni Muummee Kaanaadaa, Awustiraaliyaa fi Niiw Ziilaand amma dura UK seenaniiru.

Haatahu malee, keessummoota affeeraman muraasa irratti gaaffiin ka'aa jira - kanneen akka bulchaa Saawudii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan.

Hooggantoonni biyyoota Komanweelz sirnicharratti argaman: MM Kaanaadaa Justin Tiruudoo, MM Awustiraaliyaa Antonii Albaniis, MM Niiw Ziilaand Jasindaa Ardeern, akkasumas MM Baangilaadesh Sheek Hasinaafi Pirezidantiin Siri Laankaa Ranil Wickremesinghe keessatti argamu.

Pireezidantiin Indiyaa Droupadi Murmu sirna owwaalchaa kanarratti argamu jedhamee eegama.

Pireezidantiin Firaans Imaanu'el Maakroon, kan Ayerlaand Maayikil Maartin, kan Jarmanii Frank-Walter Steinmeier fi Pireezidantiin Itaalii Sarjiyoo Matarellaa dureewwan biyyaa ni argamu jedhamanii eegaman keessaati.

Maatiiwwan moototaa biyyoota Awurooppaa garagaraas sirna awwaalchaa kanarratti argamu.

Keessummoonni kunniin hedduun isaanii kabaja Giiftittiif qaban bakka reeffishee jiru Galma Westministeer deemuun, akkasumas Lancaster House'tti galmee gaddaa mallatteessuun agarsiisu jedhamee eegama.

Haa tahu malee, sagantaan xiyyeeffannoon ilaalamu, sagantaa affeerraa Mootichi Chaarlas III Masaraa Baakingihaamitti Dilbata qopheessanidha.

Hooggantoota gara caalaniif, sagantaan kuni carraa addaa dureewwan kaaniin walarganiifi dippiloomaasii irratti hirmaatanidha.

Keessummoota owwaalcha kanarratti akka hirmaatan affeeraman keessaa muraasni gaaffii kaasaniiru.

Affeerraan gaggeessaa Saawudii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaanif (MBS jedhamuun kan beekaman) taasifame falmisiisaa taheera.

Hoogganaan kun gaazexeessaan Sa'udii Jamal Khashogjii, Qontsilaa Sa'udii Instaanbul, Tarkiitti argamu keessa akka ajjeefamuuf ajaja kenneera jedhamuun himatamu.

Haatahu malee, Ilmi Mootichaa fi mootummaan biyyattii himannaa kana waakkatu.

Kaadhimaan Aabba Khashogji, Hatice Gengiz, sirna kana akka hirmaatan heeyyamamuufi hin qabu jechuun mormite. Kuni yaadannoo Giiftii Elizaabet irratti mallattoo badaa kan kaa'ee darbudha jette.

Affeerraan qeeqa keessummeesse biroo ammoo kan Pireezidantii Chaayinaa Shi Jinpiing'dha. Sababni isaas himannaa yakka dhala namaarratti raawwachuu mootummaa Chaayinaarratti dhiyaatuun kan walqabatudha.

Haatahu malee, Pirezidantichi awwaalcha kana irratti kan hirmaanne oggaa tahu, ittaanaan isaanii Wang Qishan gara UK imalu.

Bakka buutonni biyyoota Raashiyaa, Belaarus, Miyaanmaar, Siiriyaa, Veneezuweelaa fi Afgaanistaan hin affeeramin hafaniiru.

Iraan, Kooriyaa Kaabaa fi Nikaaraaguwaan affeeramanus, dureewwan isaanii otoo hin taane ambaasaaddaroota isaanii akka ergan gaafataman.