Afaan Oromoo Google irratti hiikuun sadarkaa maalirra jira?

Nama Afaan Oromoo barreessu

Madda suuraa, Getty Images

Jaarmiyaan teeknolojii guddichi 'Google' afaanota Afrikaa kudhan tajaajila afaan tokkorraa afaan biraatti hiikuu 'Google Translate' jedhamutti akka dabale Caamsaa 11, 2022 beeksisee ture.

Afaanoti Afrikaa tajaajila kana akka fayyadaman dabalamanis Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.

'Google Translate' tajaajila af-danuu 'Google' dhaan kalqame yoo tahu barreeffama, sanadoota fi marsariitiiwwan afaan tokkorraa gara kaanitti hiika.

Tajaajilichi marsariitii fi appii mobaayilii irratti argama.

Hojiiwwan teknooloojiin walqabatan hojjechuun kan beekamu ogeessi ICT Abdiisaa Bancaa, 'Google Translation' irratti Afaan Oromootiin tajaajilli akka jalqabuuf hiikaa jechootaa irratti namoota afaanicha hiikan qindeessa.

Erga tajaajilli kun eegalee ji'oota afur caale kana keessatti adeemsi jiru abdachiisaa ta'us garuu quubsaa miti jedha Abdiisaan.

Hojii hanga ammaa jiru gulaaluuf beektota dhimmi kun ilaallatu dhaabbilee barnootaa olaanoo keessaa gaafataa jiraachuus hima.

''Nutis jaarmiyaa qindaa'aa ta'e kan eeyyama hojii qabu tokko waan of harkaa hin qabneef akkasumas rakkoon baajataas waan jiruuf akka feenetti adeemuu hin dandeenye'' jedha.

''Hiikni jalqabaa gulaalamuu qabaata. Gulaallii kana booda ammoo hiika sagalee isiniif eeyyamna nuun jedhaniiru.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaa dhimma Afaanii fi saba abbaa afaanichaan walqabatu qindeessanii interneeta irratti fe'uun dhaabbata Google'f gumaachuu- Crowd sourcing jedhamu kan Afaanota Itoophiyaa hundaa irratti gareen Afaan Oromoorra hojjetutu harkaa qabaachuu hima Abdiisaan.

''An waan Afaan Oromoo kana waggaa ja'aa oliif hojjechaa ture. Garuu haga kana faayidaa qaba jedhee hin eegne. Miirri hawaasaas hagana ta'a jedhee hin eegne.''

Wayita hojii kana hojjennu wanti qindaa'aan hin turre kan jedhu ogeessi kun ''kan waliin dorgomnu ammoo Afaan Ingilizii dabalatee afaanota gurguddoo addunyaarra jiran waliini. Afaanota akkaadaamii jaarmiyaa gurguddaan hoogganamu waliin dorgomaa jirra,'' jechuun kun mataansaa qormaata ta'uu eera.

Baajata guddaa, ogeeyyii teeknooloojii fi afaanii, dabalataan ammoo qo'annoo fi qorannoo bal'aa kan barbaadu ture.

''Nuti garuu kun hunduu osoo lafa hin jiraatin namoota quuqama qaban waliin hojjennee afaanota kana hunda qaban cinaa Afaan Oromoo hiriirsineerra.''

''Kanatti gammachuu guddoo qabna, garuu waa hedduu fooyyessuu fi dabaluu qabna,'' jedha Abdiisaan.

Itti hin quufne, hojii danuutu hafa

Afaanota guddatan hedduu biraan geenya jechaa jirra waan ta'eef, karoora kanaan yoo madaalamu hanga ammaa hojiin hojjetame kan nama quubsu miti jedhe Abdiisaan.

''Sana bira darbee Afaan Oromoo hawaasa bal'aa qabaachuun waan hubatameef sadarkaa hiikaa sagalee (Audio translation)'tti filatameera. Kunis ganaa nu hafa.''

''Jaarmiyaan dhimma kana qindeessu dhibuunis qormaata kan biraadha. Haga yoonaa namoonni kaka'umsuma mataasaaniin hojjechaa turan,'' jedhe.

Namoonni hojjetaa turan kunneen ogummaa garaagaraa kanneen qabaniidha, garuu ogeessota afaanii miti. Kun seer-luga (Caas-luga) afaanichaa qixa sirriidhaan kaa'uurratti rakkoo uume jechuun rakkoo hanga ammaa ture ibse.

''Dhimmi ijoon biraan ammoo, Afaanumti keenya kunuu beektotaan qorannoo fi qo'annoon irratti gaggeeffamee hin waaltofne, kun rakkoo jabaadha,'' jechuun afaanichi waaltina dhabuun qormata guddaa ta'uu eere.

''Hanga ammaatti namootuma fedhii qabantu hirmaataa turan, fuulduratti garuu namoonni ogummaa Afaanii fi teeknooloojii qaban kaffalameefii akka hojjetan yoo goone (hirmaachifne) ni fooyya'a jennee yaadna.''

''Hanga yoonaa gaaleewwanii fi jechoota hiikaman keessatti rakkoon qubeessuu, jechoota akkaataa galumsaan osoo hin taane kallattiin hiikuu, maqaan ji'ootaa fi bakkeewwan garaagaraa Oromiyaa keessa jiranii, maqaan magaalotaa hanqinoota mudataniidha,'' jedha Abdiisaan.

Kana malees namoonni hiika kana hojjetan Oromiyaa bahaa-dhihaa, kaabaa-kibbaa waan ta'aniif akkaataan jechoota itti hiikan kan hundaaf waalta'e ta'uu dhabuun rakkoo guddaa mudateedha.

''Afaanni hiikamu kan hunduu hubatu ta'uu qaba waan ta'eef isa kana gulaaluuf keessa deebi'anii sakatta'uun barbaachise.''

Afaan Oromoo gara hiikaa google osoo hin ga'iniyyuu akkaataa sabi kun hundi walhubatuun waalta'ee sadarkaa sanatti hin guddanne.

Tarree afaanota addunyaa guddatanii dhaabuuf ammoo kun hudhaa guddaadha.

Yoo afaan hin waaltofne walhubachuus ta'e waliif mirkaneessuun rakkisaa ta'a.

''Afaan kamuu loqoda tokko (uniform accent) osoo hin taane loqoda garaagaraa qabaachuu danda'a, garuu yeroo barreeffamu afaan hunduu hubatuun ta'uu qaba,'' jedha Abdiisaan.

Gareen Crowdsource Itoophiyaa maal hojjeta?

Crowdsourcing jechuun ragaa bilisaa waan sabni tokko qabu kan ibsuudha, google ammoo karaa hubannoo nam-tolchee (AI) isaa itti fayyadama.

''Nuti Garee Crowdsource Itoophiyaa jedhamu jalatti walqindeessinee dhimma hiikaa afaaniin walqabatu hojjenna,'' jedhe ogeessi ICT Abdiisaa Bancaa.

Haala kanaan saba abbaa afaan kanaa ta'e tarree saboota biroo afaansaanii google irra jiruu cinaa hiriirsuuf hojjechaa jiraachuus hime.

Afaan tokko wayita sadarkaa google irra galuutti guddatu afaanicha qofa osoo hin taane sabichatu guddate jechuudha.

Afaan tokko yoggayyuu jiraachuuf waa'een sabichaa, eenyummaansaa, wanti inni qabu, kan ittiin beekamu hunduu walfaana beeksifamuu qaba.

Kana hunda kan hubannoo nam-tolcheen qabatu Crowdsourching jedhama.

Afaan tokko bade yeroo jedhamu sabni baduu isaa miti, sabni gara afaan isa guddateetti wayita ce'u Afaan saba sanaa dagatamee hafa.

Fakkeenyaaf akkuma saboonni hedduun afaansaanii dhiisanii afaan Ingilizii fayyadaman jechuudha.

Kanaafuu Afaan Kun akka hin badneef eenyummaa fi qabiyyee sabichi uumamaan qabu waliin guddisuun dirqama.

''Gareen Crowdsource Itoophiyaas kanumarratti hojjeta. Gaafa sarvarii google irratti afaan keenya dabalamerraa eegallee waa'ee aadaa keenyaa, waa'ee Oromiyaa fi waan ishee keessa jiruu, iddoowwan argama tuurizimii, bakkeewwan bashannanaa, fi waliigalatti waan sabi kun qabu ol fe'aa jirra.''

Gareen Crowdsourcing Itoophiyaa' kun duraan Feesbuukii irratti kan ijaarame yoo ta'u namoota dhimma Afaan Oromoorratti hojjetaniin kan dhuunfatameedha, garuu kanneen Afaan Amaaraa, Afaan Affaar fi kaan irra hojjetanis keessa jiru.

Gareen miseensa haga nama 180 of keessa qabu kun erga afaan Oromoo google irra galee hojii eegalee booda google Crowdsourcing Itoophiyaa keessattis kan qooda fudhatan jiru.

''Google dhimma afaaniin walqabatee waajjirasaa Muummee dhimmoota Afrikaarratti hojjetu kan Indiyaa jiruun alatti dameesaa banachuuf wayita murteessu, kan Itoophiyaas qindeessuu eegalle,'' jedha Abdiisaan.

Google dhimma hiika afaanota Afrikaa irratti hojjetu Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa fi kaan keessaa damee qaba.

''Biyyoota afaansaanii hiikaa google irra jiran keessaa Itoophiyaanis amma tokko taateetti waan ta'eef waajjira banuuf hawaasa qindeessuun dirqama ta'ee argame, kanaafuu amma isa kanas hojjetaa jirra.''

Pirojektiin 'Google Crowdsourcing Itoophiyaa' kun Afaan Oromoo irratti qofa miti kan inni hojjetu, afaanota Itoophiyaa hunda irratti hojjeta.

''Fakkeenyaaf torban lamaan dura hiikaa afaan Amaaraaf suuraawwan galchaa turre, suuraawwan jechaan walsimuu mirkaneessaa turre.''

Tumsi mootummaa hagami?

Naannoo Oromiyaa keessaa jaarmiyaaleen dhimma guddina Afaan Oromoorratti adda durummaan dhimmi ilaallatu Biiroo Barnootaa fi Institiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo akkasumas ammoo Biiroo Aadaa fi Tuurizimiiti.

Obbo Abdiisaan gama qaama mootummaatiin nama dhuunfaarraa gargaarsa argachaa turuurraan kan hafe akka jaarmiyaatti gargaarsa akka hin arganne ibse.

''Ammoo nutillee deeggarsa gaafachuuf jaarmiyaa seera qabeessa (eeyyama seera qabeessa qabu) qabaachuu malle,'' jedhe Abdiisaan.

''Amma sana oggaa argannu qaamolee mootummaa deeggarsa gaafachuuf ija jabaanna, isaanillee nu deeggaru abdii jedhu qabna. Sababni isaa Afaan kun hiika google irra galuusaatti guddoo gammachuu qabu.''

Yeroo ammaa hayyoota yuuniversitii, ogeeyyii teeknooloojii fi hayyoota garaagaraa garee of keessaa qaburraa jaarmiyaa sirnaan caaseffame ijaaraa jiraachuus eere.

''Gama hirmaannaatiin tumsi ogeeyyii Afaanii yuuniversitiiwwan biyyattii keessa jiranii akkaan jajjabeessaa ture. Inumaa erga hojiin eegalamee yuuniversitii Adaamaa, Yuuniversitii Finfinnee, Yuuniversitii Mattuu, Yuuniversitii Arsii irraa garee telegram uumuun walkakaasanii hedduu hirmaachaa jiru.''

''Ammas taanaan garee hayyoota yuuniversitii kunneen cimsuun hojii hanga ammaa hojjetame akka gulaalan, madaalan akkasumas waan hafurrattis akka tumsan gochuuf waltajjii qopheessuutti jirra,'' jedha Abdiisaa Bancaa.