Daa’imni waggaa afurii ambulaansiitti bilbilee haadhasaa gaggabde baraare

Haadha Montii, Montiifi ogeessota yeroo balaa

Madda suuraa, TASMANIA HEALTH

Daa’imni ganna afurii lammii Awustiraaliyaa haadhasaa rakkoo fayyaa atattamaa mudate ambulaansii bilbilee waamuun gargaareera.

Haati daa’ima kanaa akkatti ambulaansiif bilbilan guyyaa tokko dura ture kan isa barsiiste.

Moontii Kookar lakkoofsa bilbilaa sodaa balaa biyyaalessaa-000- irratti Hagayya 27 blbileee hojjettootaan: ‘’Haati koo kufteetti,’’ jedhe.

‘’Yeroo teessoo bilbilli irraa bilbilame geenyu daa’imni kuni karaa fooddaa dhaabbatee…harka raasaa ture,’’ jechuun hojjetaan fayyaa yeroo balaa Maark Ismool dubbata.

Gareen hojjettoota yeroo balaa, haadhasaaa Wendii gaggabdee kufte akka gargaaran daa’imni kuni mana keessa tasgabbiin itti agarsiisaa ture.

Daa’imni kuni qaxaleefi saffisaan waa raawwachuu danda'unsaa garaagarummaa guddaa uumeera, jedhu Ismool.

''Otoo namni mataadhaan kufee ykn gaggabdoon yeroo dheeraa irra turee, hamaa tahuu mala ture,’’ jedhe.

Gareen hojjettoota sodaa yeroo balaa mana daa’ima kanaa Laawustan, Tasmaaniyaa jirutti deebi’anii waraqaa ragaa dinqisiifannaa kennaniiruufi. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Wendiin ogummaadhaan narsii yoo taatu, ilmi koo Montiin waan gaarii naaf hojjete garuu akka waan guddaa godhetti itti hin dhagahamne, hiriyyootasaa oolmaa daa’immanii jiranitti ‘’innoo salphaa ture’’ jedhee itti himaa ture jette.

‘’Akkoonsaa mana dhuftee: ‘gurbaan goota goota caalu sun meerre?’ jennaan: ‘Lakki ani goota, goota caalu miti, goota qofaa dha jedhe,’’ jette.

Rakkoon kuni mudachuu guyyaa tokko dura haatisaa, daa’imashee Montii bilbilli cufaa tahus, banaa akkatti ambulaansii irratti bilbiluu danda'u barsiistus garuu waan barate hojiirra oolcha jettee hin yaadne.

Akka isheen jettutti ishee dhukkubaa akka tureefi abbaa warraasheef bilbiluu akka yaalte qofa yaadatti.

‘’Baayyeen isaanin boone, guyyaa sana hinuma na baraare,’’ jette. 

Ismool,’’waggaa 13 oliif ogeessa fayyaa yeroo balaa tahee tajaajileera, ijoolleen jajjaboo tahan ambulaansii ni waamu garuu daa’imni waggaa afurii garuu takkaa waan akkasii raawwatee hin beeku,’’ jedhe.