'Iccitiin gaa'ilaan waggaa 70 waliin turuu adda fagaannee jiraachuu keenya'

Toomii Baaj, Teelmaa Baaj, Vaayooleet Fileet fi Leezlii Fileet guyyaa gaa'ilasaanii

Madda suuraa, Flett family

Ibsa waa'ee suuraa, Toomii Baaj, Teelmaa Baaj, Vaayooleet Fileet fi Leezlii Fileet guyyaa gaa'ilasaanii

Abbaa fi haatii warraa lamaan kunneen waggaa 70 har'aa ture kan sirna cidha namoonni baayyeen irratti hin hirmaatiniin kan gaa'ila dhaabbatan. Kunis biyya Iskootilaand- Kiirkwaal keessatti ture.

Sirna cidha isaaniitiif jecha qophiin addaa hin qophoofne ture. Haala cidha saffisa qabuutiin kaadhimaawwan dhiiraa lamaafi dubartii lama qubeellaa hidhatan.

Kanaanis yeroo dhabaa ykn badhaadhinaan, yeroo hamaa ykn gaarii, bara fayyinaa fi dhibeetti waliin jiraachuuf walii waadaa galan.

Cimdiiwwan lamaan bara 1955tti gaa'ilsaanii dhaabbatan kunneenis gaa'ilaan waggaa 70 darbaniif waliin jiraachusaaniitiif sababii ijoon yeroo dheeraaf walirraa fagaatanii jiraachusaanii akka ta'e dubbatu.

Toomii Baaj fi Teelmaa Biruus obboleettii angafa Toomii, Vaayooleet Baajii fi Leezlii Fileet waliin Kiirkiwaal Orkiiniitti waliin keekii muraniiru. Guyyaa sanattis hojjattaa mana galmee sanadawwanii tokkotu waliin isaan mallatteessise.

Namoonni gaa'ilasaaniirratti argaman baayyee muraasa turan. Nyaannifi dhugaatiin namoota argamaniif qophaa'es waan addaa hin turre.

Haata'u malee gaa'illisaanii waggaa 70f waliin itti fufe.

Maatiiwwan kunneen lamaanuu guyyaa gaa'ilsaanii waggaa 70ffaa ijoollee, ilmaan ijoollee saanii waliin ta'un kabajan.

Yeroo waliin dabarsan ilaalchisuun wayita himaniittis, bilbilaa fi ergaa barreeffamaa gabaabaa hmmayyaatiin alatti, yaadannoowwan gagabaaboo maxxanfaman wal jijjiraa akka turan gammachuun dubbatu.

Yeroon adda bahanii dabarsan bara dheeraaf waliin jiraachuuf sababii akka ta'e akka qoosaatti kaasu.

Ammaan tanattis maanguddoonni kunneen umuriinsaanii waggaa 87 hanga 94 keessatti argama.

Amma Teelmaan waggaa 87 yoo ta'an, Toomiin 89, Vaayooleet ammoo 91, Leezlii ammoo 94 ta'aniiru.

Sirni gaa'ilaa Ebla 9, 1955 raawwatame kan raawwatme sababii Toomiin tajaajila biyyaaleessaatiif waamameef ture.

Vaayoleetii fi Leezliin garuu gaa'ila saanitiif durumaan guyyaa qabatanii turan.

Toomiin yeroon inni maatii waliin dabarsu sababii gabaabduu ta'ef, hundu guyyaa gaa'ilasaanii walirra oolchuuf murteessan.

Sirnichis kan raawwatame kan yeroo sana waliin isaan mallatteessise nama waahila maatii ta'e tokkoon ture.

Teelmaa fi Toomii Baaj gaa'ila kan dhaabbatan bara 1955 ture

Madda suuraa, Budge family

Ibsa waa'ee suuraa, Teelmaa fi Toomii Baaj gaa'ila kan dhaabbatan bara 1955 ture
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Teelmaan Toomiidhaaf jireenya akka dowwannaadhaa deebii'uu ture jedhu. Kunis, ''guyyaa Jimaataa dhufe, Sambata gaa'ila godhannee Wiixata deebi'ee deemee'' jechuun haala ture yaadatu.

Vaayoleeti ammoo cidhi isaanii dachaa guyyaa sana ture baayyee kan haala salphaan raawwatame ta'u yaadatu.

''Lamaan keenyayyuu kaanee gaa'ila dhaabbanne. Nuti achii kaanee eddoo jijjirree itti aansuun isaan lamaanis gaa'ila saanii raawwatan'' jedhuun haala ture ibsu.

"Anaa fi Leezii natti fakkaata kan jalqab deemnee gaa'ila keenya raawwanne.''

Erga sirni waadaa galuu raawwateen booda deemnee suuraa kaane jechuun, isaan booda lamaanuu gara maatii Leeziiliitti akka qajeelan dubbatu.

Vaayooleet yeroo jalqabaatiif shaampaanyii dhuguuf kan yaalte guyyaa sana akka ture kaafti.

''Shaampaanyii yeroo jalqabaatii fi dhumaatiif kanan dhandhamadhe guyyaa sana ture jedhee dubbadheen ture'' jedhu. ''Gonkumaa hin jaalannee ture. Dhugaatiin fedhu omtuu hin turre'' jechuun kolfan.

Isaan boodas namoota gara 30 ta'an kanneen cidha irratti argamaniif nyaataa lukkuu fi dinnichaa irraa hojjatame maatii Vaayoleetii fi Toomii qophaa'ee dhiyaateef.

Haatii warraa fi abbaan warraa kunneenis sababii amala hojii saanitiin yeroo dheeraadhaaf adda fagaatanii dabarsu turan.

Tarii kun gaa'ilaan bara dheeraaf turuudhaaf sababa ta'u malaa laata jechuun qosaadhaan kolfu.

Toomiin buufata kallattii dooniiwwan ittin to'atamu eeguudhaaf imala. Vaayooleeti ammoo yeroo baayyee hospitaaloota naannichatti argaman keessa dabaree harkanii irra hojjataa turte.

Vaayooleetii fi Leezlii Fileeti

Madda suuraa, Flett family

Ibsa waa'ee suuraa, Vaayooleetii fi Leezlii Fileeti

Vaayooleeti ''yeroo baayyee shiftii halkanii hojjataan ture. Guyyaa manan oola. Yeroo baayyee galgala mana hin jiraadhu. Abbaan manaakoo ammoo guyyaa guyyaa hojjata. Halkan ammoo mana gala. Akkas ture icciitiin itti wal arguu dadhabu keenyaa.''

Itti dabaluunis, ''yaadannoo waraqaa maxxanfaman xixiqoo irratti barreesseen of ilaalii irratti maxxansaaf ture. Innis erga ilaalee dubbiseen booda haaluma walfakkaatuun deebii naaf barreessa. Haala akkasiitiin ergaa walii dabarsaa jiraanne,'' jedhu bara akka ammaa bilbilli harkaa fi imeeliin hin turreetti.

Aabaa Teelmaan osoo buufata to'annoo kallattii doonii keessatti hojii osoo hin eegaliin dura waggoota sadiif raayyaa keessa tajaajilaniiru.

Isaanis Toomii waliin ergaa kan walii dabarsan haaluma wal fakkaataan akka ture dubbatu.

Leeziilii, Vaayiileet, Teelmaa fi Toomii guyyaa gaa'ilasaanii waloon yeroo kabajaniitti

Madda suuraa, Evie McGowan

Ibsa waa'ee suuraa, Leeziilii, Vaayiileet, Teelmaa fi Toomii guyyaa gaa'ilasaanii waloon yeroo kabajaniitti

''Erga waliin gaa'ila dhaabbannee waggaa 70 guuteera. Waliin kan dabarsine tarii waggaa 35 yoo ta'eedha'' jechuun kolfu.

Itti dabaluunis, ''Jalqabarratti gara baatii 18f leenjii irra waan turef hin agareen ture. Ittaansee ammoo baatii lamaaf ala, torban lamaaf manatti dabarsaa ture. Isaan boodadha kan ji'aa hanga ji'aatti waliin dabarsuu eegalle.''

Cimdiiwan kunneenis jireenyasaanii kan hundeessan bakka Orkineey irraa fageenya kilomeetira muraasaarratti argamutti.

Yeroo guyyaa gaa'ilasaanii waggaa 60ffaa fi 65ffaa kabajataniitti Giiftii Elzaabee, Mootii Chaarlisii fi Giiftii Kaamiilaa irra kaardii hawwii gaarii qabate isaaniif ergameera.

Vaayiileet ''kaardiin jalqabaa wayita nu qaqabeetti, Yaa Rabbii kaardiin Giiftii irraa nuuf ergame jennee, waan hin amanamneedhan jedhee ture.

''Isaan boodas itti aansee Giiftiitti irraa kaardiin biraa nuuf ergame. Achinis yeroo Mootiin Chaarlis gonfoo fudhatan osoo argamne jennee yaadne.

"Guyyaa gara biraatiif namni poostaa raabsu ergaa qabatee nu bira dhufe.''

Namoonni guyyaa kabaja cidha cimdiiwwan kannee irratti argaman mijuu ol kaasanii
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni guyyaa kabaja cidha cimdiiwwan kannee irratti argaman mijuu ol kaasanii

'Tokko tokkoo guyyaa haaluma dhufaatiisaatti kessumeessuu'

Akka tasaa ta'e waggaa 20 dura Ebla 9 gaa'ila kan dhaabbatan Mootiifi Giiftii waliin guyyaan yaadannoo cidhasaanii walirra oole.

Vaayooleeti ''guyyaa kana yoomuu kan geenya jedhee hin yaadne ture. Ani akkan yaaduutti kan eenyumtuu eeguun oliidha. Arfan keenyayyuu asitti argamne kanarratti hirmaachuun keenya kan hin amanamneedha'' jedhu.

Kanaafuu abbaan warraa fi haatii warraa waggoota 70f waliin gaa'ilaan jiraatan kunneenis, ''tokkoo tokkoo guyyaa haaluma dhufaatiisaatti kessummeessuudhaan'' waliin jiraachuun akka danda'amu namoota gaa'ilaan jiran kaaniif gorsa dabarsu.