Dubartii waggaa 70 booda hospitaalatti daa'ima nama biraa wajjin akka jijjiiramte barte

Madda suuraa, Family handout
Suuzaan meeshaa ittiin qorannoo qaccee sanyii gaggeessan bittee ofiidhumasheetii qorannoo ofirratti gaggeessite. Bu'aa qorannoo qaccee sanyiishee gaafa argitu amanuuf rakkatte.
Yeroo ammaa ganna 70 kan taate manguddoon kun waa'ee akaakayyuushee baay'edhuma hin beektu.
"Achii dhufti keenya Ayirlaandirraa akka ta'e beekus hin amanun ture," jetti.
Boodarra garuu maatinshee isaan dhugaa kan ishee guddisan akka hin taane barte.
Taaten kun kan mudate bara 1950oota keessa ture. Gaafa dhalattu, hospitaala keessatti dogoggoraan ijoollee wal-jala dabarsanii ishee haadha ishee deessef osoo hin taane nama biraaf ishee kennan.
Suuzaan Kibba Landan keessa abbaa warraashee waliin jiraatti. Qorannoo qaccee sanyii (DNA) erga gaggeessitee waggaa 10 ta'eera. Dhaabbati bu'aan qorannoo qaccee sanyiishee itti galmee bu'aa qoraanichaa olkaa'eera.
Waggaa jaha dura Suuzan akka tasaa oduun wayii gurrashee gahe- bu'aan qorannoo qaccee nama wayii kan kee wajjin wal-fakkaata kan jedhutu ishee gahe.
"Baay'en nahe. Amanuun dadhabe," jechuun jalqaba yeroo waa'ee maatiishee isaan dhugaa dhageessu waan itti dhagahame himti.
Tarii maatinshee dhugaa osoo itti hin himin bakka daa'ima itti guddisanitti "na guddisanii laata?" kan jedhus shakkiin sammuushee guute.
Abbaafi haatishee waan du'aniif obboleessa angafaa gaafatte. Namni qorannoo qaccee sanyii gaggeessun "nuti fira dhiigati" jedheen akka ishee gowwoomsaa jiru yaade.
Haatisaanii osoo Suuzan ulfa taatee jirtuu xinnoo ta'ee akka yaadatus itti hime. Suuzaan garuu shakkii qabdu hin dhaabne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Suuzaan obboleessashee waliin waa hedduun wal-hin fakkaatan. Dheerinaan isa ni caalti. Bifaanis wal-hin fakkaatan.
Intallishee dhimma kana gargaar baasuu barbaadde. Naannoo Suuzan itti dhalatetti ijoollee galmaa'an qorachuu eegalte.
Maqaa Suuzaanitti aanee maqaan jiru nama Suuzaanif "nuti dhiiga tokko" jedhee ergaa ergeef wajjin wal-fakkaatee argame.
Yeroo Suuzan dhalattu sana akka ammaa ijoolleen yeroo dhalattu maqaan barreeffamee miilatti ykn harkatti hidhamee miti.
Dhaabbata Tajaajila Fayyaa UK (NHS) keessatti yeroo sana ijoolleen bakka turtii tokko keessa waan godhamaniif carraan isaan maatii garaa garaaf kennaman bal'aa ture.
Abukaatoo Suuzan kan Raasil Kuuk, "Yeroo sana adeemsi ture amansiisaa hin turre, akkuma dhalatteen mallattoon ittiin adda baasan hin kennamneef ta'a, ykn badee ta'uu mala, ykn siree dogoggoraa irra ciibsanii ta'uu" jedha.
Bara 1940 booda UK keessatti lakkoofsa ijoollee dhalatanii dabalee waan tureef kutaan ijolleen erga dhalatanii booda keessa turan hanqinni mudatee ture.
Suuzan maatii hojjattoota mootummaa ta'an keessatti guddate. "Baay'ee kan wal-jaalatan turan. Waan danda'aniin na gargaaru turan," jetti Suuzan.

Madda suuraa, Getty Images
Maatinshee lubbuun jiraatanii mucaansaanii nama biraaf kennamtee isaanif ammoo Suuzaan kennamuu dhiisuusaanitti akka gammaduu himti.
"Waa'eesaanii jijjiiramni ana keessatti uumame hin jiru. Ammas abbaafi haadha kooti," jechuun obboleessashee waliinis jaalalli qaban inumaayyuu cimaa akka deeme kaasti Suusan.
Amma Suuzaan maatiishee isaan dhugaa wajjin wal-barteetti.
"Poostkaardii gaafa naaf ergu, obboleettii koo jaalatamtuu jedheeti kan ergu. Mucaan eessuma koo tokkos ati yeroo hunda maatii keenya naan jedha," jechuun maatiishee haaraa ibsiti.
Yeroo obboleessashee wajjin wal-argan baay'ee wal-fakkaatu. "Maatii koo dhiigaa ta'anis waliin hin guddanne. Obboleettii keenya jedhanii jaalala natti agarsiisaniif nan dinqisiifadha," jetti.
Haadha ishee deesse arguu barbaaddus lubbuun akka hin jirre itti himan.
"Dubartii akkamii akka taate baruun baraada ture. Garuu hin danda'u," jechuun garuummoo haala keessatti guddatte irraa komii akka hin qabne dubbatti.
Suuzaan hospitaala itti dhalatte keessatti nama biraaf kennamtee guddatte. Haati ishee deesses nama biraa kennameef, kan Suuzaan guddistes lammanuu mucaadhuma deenyeedha jedhanii fudhatanii galan.
Waggaa 70 booda dogoggoraan ta'uu barame. Suuzan nama biraa waliin akka wal jijjiirtu godhamuusheef nama jalqabaa beenyaa argatte taatetti.
Beenyaa mallaqa argachuushee caala dhaabbanni isheen itti dhalatte dogoggora hojjachuu amanuusaatu ishee gammachiise.












