Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa Booranaa ta'uun baallii fudhatan

Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa ta'un guyyaa har'aa baallii fudhatan.

Baalli kana kan itti dabarsemmoo waggoota saddeet darbaniif Abbaa Gadaa Booranaa kan turan Yuuba Kuraa Jaarsoo harkaati.

Sagantaa kanarratti ummanniifi keessummoonni magaalaa Finfinnee akkasumas Kaaba Keeniyaarraa dhufan hirmaataniiru.

Guyyaa baallii dabarsuu dura sirni adda addaa yeroo dheeraaf adeemaa ture.

Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu Guyyoo dubbii taasisaniin sirni Gadaa hambaa addunya ta'un UNESCO'tti galmaa'uu isaaf mootummaaf galata dhiheessan.

Dubbii isaaniin ''wanti guddoon nu dhaammannu tokkummaan jiraachuu qaba,'' jedhan.

Akkasumas, tokkummaa, misooma, nageenyiifi baruumsi ammayyaa akka cimu gaafatan.

Sagantaa baallii walii dabarsuu kanarratti Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi aangawoonni garagaraa argamaniiru.

'Dimookiraasiin sirrii kana'

Keeniyaa irraa immoo bulchaan Kaawuntii Marsabit kan Kaaba Keeniyaatti argamu Mohaammad Alii (Abshiroo) argamaniiru.

Achii dhuftee dimookiraasiirratti hayyuuleen waan garagaraa dubbatu.

''Addunyaa keessaa dimookiraasiin guddoo kan Ameerikaa nuun jedhan,'' jechuun kan Booranaa 72ffaa gahuufi Ameerikaa akka dursu dubbatan.

''… dimookiraasiin sirrii, kan durii isa kanadha. ka cufirra dansaa, ka cufirra guddoo addunyaa keessaa ka cufirra bareedduu, cimaa aadaa keenya kan Gadaa ka Booranaa, kan Oromooti,'' jedhan.

Dabaluunis, ''wanti ani sin kadhadhu mootummaa keessan jabeeffadhaa'' jechuun dhaaman.

Dur gara daangaa Itoophiyaa seenuun rakkoo ta'uufi erga bulchinsi MM Abiy Ahimad erga aangootti bahee haalli jijjiiramuu himan.

Abbaan Gadaa Booranaa hawaasa Booranaa lafa bal'aa kibba Itoophiyaas ta'e Kaaba Keeniyaa buufate jiru tajaajilu.

Dhaamsa Kuraa Jaarsoo

Bara bulchiinsa Abbaa Gadaa duraanii Kuraa Jaarsoo Booranni qormaata garagaraa keessa darbeera.

Hongee, walitti bu'iinsa, sochii hidhattootaa, weerara hawwaannisaafi kaan ni eeramu.

Walitti bu'iinsa hammaateen Kuraan hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhu 'nyaapha Booranaati' jechuun labsaniiru.

''Baallii karaa nagaatin gadaa ittaantutti dabarsee jira,'' jedhan.

''Eegii Booranni Gadaa buluu jalqabe haaromsa as abba 72eessoo ejjina jechuu. Garuu akka jaarroleen argaa dhageettii jettutti Sirni Gadaa abbootii gadaa 94 ture,'' jedhu.

''Aadaan keenya nafa. Nafa ifii abbaatu jabeeffata. Aadaa tana jabeessaa dhaammadha wanti guddoon'' jedhan.

''Aadaa tana gama mootummaan nu utubani nu deeggaraa jira,'' jechuun gadaan haaraa filame ''mootummaa waliin ta'uun akka hojjettan'' jechuun dhaamani.

Sirni Gadaa sirna bulchiinsa ummanni Oromoo durii eegalee karaa nagaan itti of bulchudha.

Haa ta'u malee, sababoota garagaraan jaarraawwan darban laafaa dhufuu ogeeyyiin ni dubbatu.