“Taankiin na bira jira. Baayyeen soddaadhe, dhuftee na fudhattaa?"- Daa'ima ganna 6 waraana Gaazaa keessatti danqamte

Bilbilan keessan sagaleen dhaga’amu dadhabaa fi xiqqaadha; kun sagalee daa’ima umurii waggaa ja’aa Gaazaa keessaa bilbiltuudha.

“Taankiin na bira jira. Socho’aa jira.”

Wiirtuu bilbilaa yeroo hatattamaa Dhaabbata Addeessa Diimaa Filisxeem keessa kan turte Ranaa sagalee ofiishee tasgabbeessuuf yaalte.

“Baayyee dhiyoo jira?”

“Baayye baayye,” jechuun sagaleen xinnoo kun deebiseef. “Dhuftee na fudhataa? Baayyeen sodaadhe” jette.

Ranaan haasaa itti fufuun ala homaa gochuu hin dandeessu.

Daa’imni umurii ganna ja’aa Hind Rajaab, magaalaa Gazaa haleellaa jala jiru keessatti danqamtee, konkolaataa wasilaashee keessa reeffa firoottan isheen marfamtee dhokkattee teesse, gargaarsa kadhachaa turte.

Hidhati dadhabaa isheen addunyaa waliin qabdu sagalee Raanaa qofa ture.

Ganama guyyaa sanaa Hind mana ishee magaalaa Gaazaa jiru keessa wasiila, adadaafi durbiiwwan ishee shan waliin taatee baate.

Wiixata Amajjii 29 ture. Ganama sana, humni waraanaa Israa’eel kutaalee lixa magaalicha keessa namootni jiran achi ba’anii daandii galaana cina jiru akka gara kibbatti baqataniif ajaje ture.

Harmeen Hind, Wissaam, naannicha keessa haleellaan qilleensaa cimaan akka ture ni yaadatti. “Baayyee sodaanne waan tureef achii baqachuu barbaadne,” jetti. “Haleellaa qilleensaa baqaa bakka tokko bakka biraatti baqachaa turre.”Maatiin kun bakka foyya’aa itti da’atan ta’a jedhanii yaaduun, Hospitaala Ahlii baha magaalichaa jirtutti imaluuf murteessani.

Wissaam mucaashee isa hangafaa waliin lafoo imaluu eegalani; Hind ammo konkolaataa wasiilaashee keessatti iddoon kennameefi.

“Baayyee roobaafi qorraa ture,” jetti Wissaam. “Akka isheen rooba keessatti rakkattu waanan hin barbadneef, Hind konkolaataa keessa akka seentuun itti hime.”

Akkuma konkolaataan kun imala jalqabeen, kallatti sanaan dhukaasa guddaa dhaga’ani.

Waasilli Hind gara yunivarsitii beekamaa magalaatti al-Azaar jedhamutti utuu konkolaachisaa jiruu, tasa taankii Israa’el waliin fuulaa fulatti walitti ba’e jedhamee yaadama.

Nageenyaa isaaniif jecha buufata boba’aa Farees jedhamu kan dhiyeenya jirutti oofaani achi dhaabani, achitti dhukaasni kan itti baname fakkaata.

Konkolaataa sana keessa taa’anii, maatiin kun firoottan isaaniif bilbilanii gargaarsa gaafatani. Isaan keessa tokko wiirtuu yeroo hatattamaa Addeessa Diimaa Filisxeem, kan km 80 fagaatee Weest Baank jiru qunnamani.

Guyyaa naannaa sa’aatii 8:30 irratti: hojjetoonni wiirtuu bilbilaa Addeessa Diimaa Ramalaa lakkoofsa bilbilaa wasiila Hinditti bilbilani, garuu kan bilbila sana kaase intala isaa umurii ganna 15, Layan turte.

Haasaa bilbilaa waraabameeru irratti, Layaan abbaa, haadhafi obbolaanshee hundi akka ajjeefamiifi taankiin konkolataa isaani cina akka jiru hojjetoota Addeessa Diimaatti himti. Utuu haasaan kun sagalee iyyaafi dhukaasaan addaan hin citiin dura “nutti dhukaasaa jiru,” jette.

Yeroo hojjettoonni Addeessa Diimaa deebisanii bilbilan, kan bilbilacha kaaste Hind turte, sagaleen ishee sodaan liqimfame sirritti hin dhaga’amu ture.

Yeroos konkolataa sana keessa kan lubbuun oolte ishee qofa taatee fi xiyyeeffannoo dhukaasaa jala akka jirtu ifa ta’e.

“Barcuma jala dhokkadhu,” jechuun hojjettooni Addeessa Diimaa itti himani. “Eenyuyyu akka si hin agarre dhokadhu.”

Yeroo Addeessi Diimaa ambulaansiin isaanii bakkicha seenee danda’uuf humna waraanaa Israa’el kadhatanitti, hojjetuun bilbilaa Ranaa Faqii saatii dheeraaf Hind waliin bilbilarra turte.

“Hollachaa, gaddaa, gargaarsa gaafachaa turte,” jechuun Ranaan ni yaadatti. “Akka firoottanshee du’an nutti himte. Boodarra garuu akka isaan ‘hirriba rafaa’ jiranitti isaan ibsite. Kanaaf ‘dhiisii haa rafani, isaan jeequu hin barbaadnu’ jennee itti himne.”

Hind irra daddeebiin, namni tokko dhufee akka ishee fudhatuuf gaafachaa turte.

“Yeroo tokkotti, dukkana’aa akka jiru natti himte,” jechuun Ranaan BBC’tti himteetti. “Baayyee sodaattee turte. Mannikoo hangam akka fagaatu na gaafatte. Hadoodeen, akkan humna hin qabnetti natti dhaga’ame.

Haasaan bilbila kun eegalee sa’aatii sadii booda, dhumarratti lubbuu Hind baraaruuf ambulaansiin bobbaafame.

Yeroo kun ta’utti, hojjettoonni Adeessa Diimaa harmee Hind, Wissaam qunnamuun, sarara bilbilaa ishee bilbila Hind waliiin wal qabsiisani.

Yeroo sagalee harmeeshee dhageessu Hind caalaatti akka boodde, Ranaan ni yaadatti.

“Bilbilicha akkan hin cufneef na kadhatte,“ jechuun Wissaam BBC’tti himte. “Eessasheera akka miidhamte gaafadheenii, sana booda yaadashee hala isheerra kaasuuf jecha Quraan waliin dubbisuun eegale, achii waliin kadhanne. Jechan jedhu hunda na duuba irra deebi’aa turte.”Hojjetoonni ambulaansii -Yuseef fi Ahmad- bakka sanatti dhiyaatanii akka jiraniifi humnoota Israa’eliin sakkatamuuf akka jiran hojjetoota bilbilarra turanitti yemmu himan halkan ture.

Kun yeroo dhumaa hojjetoonni bilbilarra turan wayiilota isaanii fi Hind waliin wal qunnaman ture.

Sararri bilbilaa hojjetoota fayyaa kanaafi kan daa’ima ganna ja’aa isaan olchuuf deemaa turani, guutummatti addaan cite.

Akaakkayyuun Hind, Bahaa Hamaadaa, haasaan bilbla da’imni kun harmeeshee waliin qabaatte daqiiqa muraasaa ture. Wanti dhumaa Wissaam dhageesse sagalee balbala konkolataa banamuufi Hind ambulaasii fagaattu akka argaa jirtu itti himuushee akka ta’e BBC’tti himeera.

“Sakandii hunda, onneenkoo ni gubata,” jechuun Wissaam BBC’tti himteetti. “ Sagalee ambulaansii yeroon dhaga’u huna, ‘tarii isheedha’ jedheen yaada. Sakandii hunda, dhukaasi qawwee hundi, misaa’elli dhukaaamu hundi, boombiin hundi – kun daa’imakootti deemaa jira, tarii rukutamtee laata jedheen yaadda’a.”

Dhaabbata Addeessa Diimaa Gaazaas ta’e, maatiin Hind, tokkoon isaaniyyu bakka sana ga’uu hin dandeenye. Bakki sun ammallee dirree waraanaa humna waraanaa Israa’eliin to’atamee jriudha.

“Galgalarra ni cima,” kan jettu hojjettuun bilbila Ranaa, “yeroo hirribaa dammaqxee, sagalee ishee ‘kottaa na fudhadhaa’ jedhu gurraakee keessatti dhageessu ni cima,” jetti.

Wa’ee sochii waraanaa guyyaa sana bakkicha tureefi wa’ee achi buteen Hindifi ambulaansiin ishee baraaruuf ergamee dhabamuu irratti humna waraanaa Israa’el odeeffannoof BBC’n gaafannee turre. Sa’aatii 24 boodas irra deebiin gaafanne turre, irra deebiin ammallee qorachaa jirra deebii jedhu kennani.

“Manni Murtii Haqaa Idil-Addunyaa eessa jira? Pirezidaantonni maaliif barcuma isaaniirra ta’aa jiru? Jechuun harmeen Hind, Wissaam gaafatteetti.

Achi buutee intalashee torban tokko booda, Wissaam intallishee Hind lubbuun natti deebiti jechuun abdii hin raafamne qabatttee, guyya guyyaan hospitaala Ahli keessa teessee eegdi.

“Mi’aashee fideera, asuma ta’een eegaani jira,” jetti.“Yeroo hunda, sakandii hunda daa’imakoon eega jira.”

“Onnee haadhaa caberraan isin kadhadha, seenaa kana hin dagatiina.”