Namoonni haleellaa Waldaa Naayijeeriyaa irraa lubbuun oolan maal himu?

Haleellaa Waldaa Owoo

Yeroo dhukaasi jalqaba dhaga’ame miseensonni waldichaa kadhannaarra turan. Amantoota Waldaa Kaatoolikii St Francis (Qulqulluu Firaansis) magaalaa Kibba-Lixa Naayijeriyaa, Owoo hedduuf, kadhannaan Dilbataa gara kadhannaa dhumaatti geeddarameera.

 Hidhattoonni Dilbata ganama sa’aatii 5:30 irratti waldicha seenuun boombii daaynamaayit jedhamu yoo dhukaasan, amantoonni naasuun baqachuuf fiiguu eegalan.

 Yeroo amantoonni naasuun baqachuuf gara balbala lamaanitti fiigan, hidhatoonni dabalataa balbalicha irratti itti dhufanii dhukaasaa itti banan.

 Namoonni ijaan argan akka himanitti, daa’imman dabalatee yoo xiqqaate reeffi namoota 50 ta’anii waldicha keessa ture, namootni hedduun biroo ammoo miidhamaniiru.

Dhiigni waltajjiirra, lafarra ture, reeffi barcuma waldichaarratti kukkufee ture.

 “Deemuu isaanii dura hanga quufanitti ajjeesani,” jechuun farfataan Joon Niwoovu BBC’tti himeera.

Yeroo haleellaan – gara daqiiqaa 30’f kan ture- gaggeeffamaa turetti, sanquda uffataa keessa dhokatee ture, kanan oole araaraa Waaqaatiin jedha.

 Dhuhaansi baaxii isa gubbaa jiru yeroo jigsu, isaafana namoota biroo akka awwaale hima.

Yeroo hidhattoonni ammantoota barcuma jala dhokatanii turan irra deemanii itti dhukaasaa turan, Joon fi namoonni kuun dhukkubbii fi ulfaatina baaxii irratti jigee jiruu damdamatanii callisanii turan.

 Obboleessi Joon, farfataa waldichaa kan ta’e, luka isaarra rasaasaan rukutamee amma hospitaalatti wal’aanamaa jira. “Naasuun wanta mudatee jireenyakoo guutuu narraa deema jedhee hin yaadu,” jedha.

Haleellaa waldaa Owoo

Madda suuraa, AFP

Miseensota hawaasa bulchiinsa Ondoo kanaaf, waldaan kun bakka waaqeffannaa qofa miti- dhaloota isaanii irraa eegalee wanta jireenya isaanii keessa turedha.

 Haleellaan waldaalee amantaa irratti kanaan dura gaggeefamee beeka – kun mala gartuun hidhatootaa Bookoo Haaraam fayyadamanidha, ta’us garuu hameenyi haleellaa kanarra ture hedduu rifachiiseera.

 Miseensoti waldaa kanaa manguddootas, daa’immanis turan.

 “Maatii guutuun, hiriyyoonni, firoonni, namoonni ani beeku yeroo ajjeefaman argeera,” jedha Joon.

Amantoota Kaatoolikii Naayjeeriyaatiif, ji’a keessatti Dilbati jalqabaa bakka guddaa qaba.

 Guyyaa kana yeroo hedduu guyyaa kabajaa maatiin waliin dabarsudha, Dilbanni kunis akkuma kanaan adeemaa ture.

 Folaakee Onii, umurii ganna 56, akkamiin akka haleellaa kanaarraa oltee hin beektu. Waldicha keessaa ba’uu fi gara hospitaalaatti geeffamuu ishee qofa yaadatti.

 Intallishee Elizaabeet Ademilukaa, harmeen ishee naasuu guddaa keessa jirattus, qaamni ishee fayyaa akka ta’e BBC’tti himteetti.

 Haleellaa kana booda hanga ammaatti tola ooltonni dhiigaa isaanii gummaachuuf hospitaalota naannicha lamaan keessa guutanii jiru.

Namoota lubbuun oolanii Wiirtuu Meedikaalaa Federaalaa (FMC) Owoo jiran keessaa hedduun isaanii miilla lamaan irra rasaasaan kan rukutamanidha, gariin isaanii deebi’anii deemuu waan danda’an miti.

Haleellaa Waldaa Owoo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daa’imman ajjeefaman hedduun isaanii eenyummaan isaani adda baafamuu hin danda’ani – rasaasii cimaa foonii fi lafee isaanii waan bittimseefi jechuun, hojjeetaan meedikaalaa FMC tokko BBC’tti himeera.

Pirezdaantin Naayjeriyaa Muhaammaduu Buhaarii haleellaa kana balaaleffachuun ibsa baasaniiiru, ta’us ajjeechaan akkana waan baayyateef lammileen Naayjeriyaa hedduu ibsa akkanaatti baraniiru.

 Xiyyeeffannoon hundi amma bulchaa naannichaa Rootimii Akereedolu, kan hidhatoota kana adamsuuf waadaa seeneerra jira.

 Hidhatoonni kunneen surree (kofoo) kaakii kan gartuuleen waraanaa Naayjeeriyaa hedduu fayyadaman uffatanii akka turan Joon ni hima, kanaaf eenyuyyu ta’uu danda’u.

Haleellaan kun kan dhufe hogganaan waldaa Meetoodistii Naayjeriyaa, tajaajiltoota lama biro waliin kibba-lixa biyyatti keessatti ugguramanii fudhatamanii booda doolara 240,000 kaffalameefi erga gadhiifamanii torban lama booda dhufa.

Torban lama duras, lubootni Kaatoolikii lama bulchiinsa Kaatsinaa keessatti uugguramaniiru. Hanga ammaatti hin gadhiifamne.

 Kun haleellaa irra daddeebiin waldaalee kiristaanaa irratti gaggeeffamu fakkaata, ta’us garuu amatoonni akka Joon kaayyoo isaanii irraa hin kaanne.

 “Ammayyuu waan fedheyyu yoo ta’e, Waaqakoo waaqeffachuu ittan fufa,” jedha.