Naayijeeriyaatti hidhattoonni waldaa seenuun namoota 50 ol ajjeesan

Erga haleellaan waldaa keessatti raawwatee booda suuraa kaafame

Kibba-baha Naayijeeriyaa kutaa biyyaa Ondo jedhamu keessatti hidhattoonni Waldaa Kaatolikii seenuun haleellaa erga bananii booda luba waldichaa butanii, amantoota hedduu ammoo ajjeesan.

Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii, ''kan gocha hammeenyaa akkasii raawwatan kanneen bakka dhokataa fi hin beekamnerraa dhufaniidha,'' jechuun balaaleffatan.

Hidhattoonni kunneen Waldaa Kaatoolikii St Francis jedhamu kan magaalaa Owo keessatti argamu seenanii namoota sagantaa waaqeffannaa Dilbataa irra jiran irratti dhukaasa banan.

Namoonni ijaan argan aka jedhanitti hidhattoonni kunneen tuuta waaqeffattootaa irratti erga dhukaasa bananii booda luba waldichaa fi namoota kaan hedduu butanii deeman.

Yeroo dhiyoo as haleellaan hidhattootaan raawwatamu Naayijeeriyaa keessatti akkaan hammaateera, nama butanii dhoksuu fi ajjeechaan bakkaa bakkatti heddummaatee jira.

Waldaan kun jalqaba lubni ukkaamfamee butamuu haalee ture.

Haleellaa Dilbata kaleessaa Waldaa Kaatolikii magaalaa Owo keessatti raawwate kanaan lakkoofsi namoota du'anii meeqa akka ta'e qaamni mootummaa yookiin waldichi hin mirkaneessine.

Garuu Rooyitarsi doktara naannoo wabeeffachuun akka gabaasetti, ''amantoonni hedduun erga lubbuunsaanii ba'ee hospitaala seenan. Reenfi namoota 50 olii hospitaalota magaalattii lamatti geeffameera.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen ajjeefaman keessa daa'imman jiraachuu qondaalli biyyattii waldicha daawwatan Ogunmolasuyi Oluwole AP'tti himan.

Namni haleellaa kana ijaan argee fi maqaansaa Abayomi ta'uu himate tokko yoo xiqqaate hordoftoonni amantii waldicha turan 20 ta'an ajjeefamuu AFP'tti hime.

Bulchaan Ondo Rotimi Akeredolu gochaan kun yakka suukanneessaa fi gocha seexanaa uummata nagaarratti raawwatedha jechuun balaaleffatan.

Uummanni gocha kana tasgabbiin ilaaluu akka qabuu fi haaloo ba'uuf jechuun adeemsa seeraa sarbuu akka hin qabnes hubachiisan.

Haleellaa kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Torban tokko duras dureen amantaa waldaa Methodist Naayijeeriyaa waahillan isaanii biroo lama waliin Kibba-baha biyyattii keessatti butamanii turan.

Duuba doolaara Ameerikaa 240,000 kaffalanii akka gadi dhiifaman lubni waldaa kana himaniiru.

Torbee lama duras kaaba Naayijeeriyaa iddoo dhaloota Pireezidanti Muhammaduu Buhaarii kan taate iddoo Katsina jedhamtu keessaa luboonni kaatoolikii lama butamanii hanga yoonaa hin argamne.