Naayijeeriyaa: Pirezidant Buhaariin ministiroota isaanii filannoo dorgomuuf jiraniin aangoo gadhiisaa jedhan

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin ministiroota isaanii filannoo bara dhufuutiif dorgomu barbaadan hundaan Wiixata torban dhufaatii kaasee aangoo motummaa keessaa qaban akka gadhiisaniif ajajan.
Ministirri Odeeffannoo Laayi Mohaammad masaraa pirezidaantichaatti gaazexessitootaatti akka himaniitti, Buhaariin tibba walgahii kaabineetii Roobii ture qajeelfama kana kan kennan.
Ministiroonni baayyeen murtee kanaan waan miidhamaniifuu tarii sababii tarkaanfii kanaatiin mootummaan ammaan tana biyya bulchaa jiruu irratti dhiibbaa qabaachu akka malu yaadama.
Dubbi himaan pirezidantii dhimma kanarratti gaafataman garuu sochii motummaa irratti dhiibbaa akka hin qabaannee BBCtti himan.
Ministirroonni baay'eenis filannoo biyyattii gaggeeffamuu jiru keessatti paartiisaanii bakka bu'uun pirezidaantummaa ykn bulchiinsa naannooleetiif dorgomuuf fedhii kan qaban ta'u ibsaniiru.
Fakkeenya ministiroota filannoo dhufaa keessatti dorgomuuf karoorsan keessaa:
- Abubaakaar Maalaamii, Ministirri Haqaa fi Abbaa Alangaa Waliigalaa, naannoo irraa dhufan Keebiitti bulchiinsa naannichaatiif dorgomuuf karoora qabu ture.
- Akkasumas Ministirri Geejibaa Rotiimii Amaa'echi ammoo pirezidaantummaaf dorgomuuf karoorsan.
- Ministirri Hojjataa Kiriis Nigiigee akkasuma pirezidaantummaa
- Ministirri Ittaanaan Barnootaa Emeekaa Nwaaji'ubaas pirezidaantummaa dorgomuuf
- Ministirri Saayinsiifi Teknooloojii Ogboonaayaa Onu- pirezidaantummaafi
- Ministirri Dhimmoota Dubartootaa Paawulin Taaleen akkasumas bulchiinsa irraa dhufte Pilaateewuutti seenaatarummaaf dorgomuuf karoora waan qabduuf kanneen murtee pirezidaantii Buhaariin miidhaman keessaa ta'u malu.
Ittaanaa Pirezidaantii Yeemii Osinbaajoo paartii saanii biyya bulchaa jiruu All Progressives Congress (APC) party bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgumuu barbaadu.
Haata'u malee, sababii inni dorgomee kan filatamee malee kan motummaan mudamee hin taaneefu murteen amma dabarfame irratti dhiibbaa hin qabaatu jedhameera.













